Oduu: Gosti Bookee Busaa Eeshiyaarraa gara Afrikaa dhufe weerara dhibee busaa qaqqabsiisuu qorannoon mul’ise

Finfinnee, Sadaasa 03/2022 – Weerarri dhukkuba busaa Itoophiyaa keessatti mudatee sababa bookee busaa Anoofilas Steefeensaay jedhaman ardii Eshiyaarraa gara Itoophiyaa baqataniin ta’uu Dhaabbata Qorannoo Armar Hansen Itoophiyaa beeksise.

Qorataan dhaabbatichaa  Fitsuum Taaddasaa akka ibsetti, gosoonni bookee kunneen yeroo bishaan hin jirreeyyuu wal horuu waan danda’aniif hongee dandamachuun yeroo dheeraaf turuu ni danda’u.

Gosti bookee kuni si’a duraatif Sudaanitti bara 2012  kan argame yoo ta’u amma garuu gara biyyoota Itoophiyaa, Yaman, Naayjeeriyaa fi Somaaliyaatti babal’atee jira.

Gosti bookee busaa kun hanqaaquu kan buusu lafa bishaan argamuttti wan ta’eef, namoonni kuusa bishaanii naannoo mana jirenyaasaaaniitii qaban carraa dhukkuba kanaaf saaxilamu harka 75 ta’uu qorannoon mul’iseera.

Waggaatti namoonni miliyoona tokkoo ol ta’an biyyoota Afrikaa Sahaara gadii keessaa hidha lagaa gurguddaatti dhiyoo jiraatan dhukkuba busaatiin kan qabaman ta’uu qorannoo haaraan mul’isee ture. 

Baatiilee sadeen darban keessa namoonni torban dhukkuba busaatiin kan du’an yoo ta’u kan 131,000 ta’an dhukkubichaan akka qabaman  Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa hubachiiseera.

Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Idil-Addunyaatti (WHO), akka addunyaatti bara 2020 keessa namoonni 627,000 ta’an  keessa dhukkuba busaatiin du’aniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.