Ajajaan Al-Shabaab fi Miseensi Al-Qaayidaa Duraanii Kaabinee Somaaliyaa Keessatti Muudame




Picture: AP/Archive 2018

Finfinnee, Hagayya 03/2022 – Ministirri Muummee Somaaliyaa hogganaa itti aanaa garee hidhattoota Al-Shabaab kan ture Muktaar Roobow Ministira Dhimmoota Tola ooltummaa fi Amantaa biyyattii gochuun muude. 

Ministirri Muummee Haamzaa Abdii Baaree Kibxata darbe masaraa Pirezidaantii Somaaliyaa  keessatti kaabinee isaa haaraa yeroo ifoomsu Abu Mansuur jedhamuun kan beekamu Roobow bakkichatti argame ture. Oduun kun kan dhagahame Roobow waajjira muummee Eejansii Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaaleessaa Somaaliyaa (NISA) irraa erga gadi lakkifame guyyaa tokko booda.   

Roobow hogganummaa naannoo miseensa federaalaa Kibba Lixaaf akka hin dorgomne ittisuuf jecha humnoota mootummaa Somaaliyaa humnoota Gamtaa Afrikaa Itoophiyaa irraa dhufaniin deeggaraman magaalaa Baayidowaa keessatti erga isa qaban Muddee 2018 irraa eegale hidhaarra ture.  

Hidhamu isaa hordofee magaalaa Baayidowaa keessatti mormiin guddaa gaggeeffamee deeggartoonni isaa humnoota nageenya naannichaa waliin walitti bu’an, walitti bu’iinsa kanaan namootni 15 rasaasaan du’aniiru.   

Abu Mansuur kaabinee biyyattii keessatti filatamuun isaa falmii yaadaa Al-Shabaab irratti gaggeeffamu akka hogganu gochuufi. Muudamni ammaa kun imaammata Pirezidaantii Haasan Mohaammad Al-Shabaab irratti waraana gaggeessuuf qabu kallattii sadiin; diinagdee, yaada fi waraanaan hojiirra oolchuuf yeroo yaalu waahilloota isaa durii waliin kallattiin walitti isa buusa.   

Muudamoota kaabinee kanneen biroo; Saalaah Ahmad Jaamaa – Ministira Muummee Itti aanaa, Abshir Umar Huruuse – Ministira Dhimma Alaa fi Abdulqaadir Mohaammad Nur ammoo Ministira Ittisaa ta’uun muudamaniiru. 

Muktaar Roobow eenyu? 

Roobow, Al-Shabaab uumamuun dura Afgaanistaanitti Al-Qaayidaa waliin leenji’eera. 

Waggaa shan dura dhimma kitaaba ‘Inside al-Shabaab’ jedhamu ilaalchisee gaazexeessaa VOA Somaali Haaruun Maaruuf waliin af-gaaffii taasiseen, Fulbaana 11 bara 2001 kaampii al-Qaayidaa Afgaanistaanitti argamu keessatti leenjiirra osoo jiru haleellaa gamoowwan lakkuu Wiirtuu Gabaa Addunyaa diige yeroo dhagahamu miseensonni kaampichaa yeroo gammadan arguu dubbateera.  

Roobow, gariichi bara 2006tti humnoota waraanaa Ameerikaan deeggaraman injifachuun kibba giddugaleessa Somaaliyaa yeroodhaaf yeroo to’atu, hogganaa Itti aanaa Ittisa Waldaa Manneen Murtii Islaamummaa Somaaliyaa ta’uun beekamtiin isaa dabaleera.   

Roobow, dubbii himaa al-Shabaab fi boodarras hogganaa itti aanaa garichaa ta’uun tajaajileera. Bara 2008, Ameerikaan al-Shabaabiin shororkeessummaan labsite. Bara 2012, Ameerikaan odeeffannoo Roobow qabuuf gargaaruuf badhaasa dolaara miliyoona 5 kennuuf waadaa galte turte. Haata’u malee, Waxabajjii 2017 waadaa kana haqxeetti.  

Roobow, erga al-Shabaab qe’eesaa Huddur irraa kallattii kibbaan Abaal keessatti argamu erga haleele booda Hagayya 2018 mootummaaf harka kennateera.   

Muddee 2018, Pirezdaantummaa Naannoo Kibba Lixaaf kaadhimamaa ta’uu ifoomse. Taajjabdoonni hedduu al-Shabaab morkata jedhanii yaaduun akka carraa guddaa qabutti isa ilaalu. Mootummaan filannoo keessa akka hin hirmaanne isa dhorkuun kaadhimamaa mootummaa yeroosii fi prezdaantii naannichaa yeroo ammaa kan ta’e Abdiaziz Haasan Laftagaareen akka injifatu taasise. 

Mootummaan Somaaliyaa haaldureewwan filannoof dhiyaatan hin guunne jechuun murtoo isa hidhuuf dabarse sirri ta’u ibseera. Sababa miseensummaa fi hariiroo kanaan dura al-Shabaab waliin qabuun ammallee qoqqobbii hawaasa idil addunyaa jala jira jedhe.   

Jalqaba waajjira muummee NISA keessatti kan hidhame yoo ta’u, Hagayya 2019 mana hidhaa irraa gara hidhaa dhaabbiitti dabarfame. Erga Onkololeessa 2021 VOA Somaaliif af-gaaffii kenne booda gara waajjira muummee NISAtti deebi’eera. 

Af-gaaffii erga al-Shabaab gadhiise booda yeroo jalqabaaf kenne sanaan, faayidaa siyaasaa fi filannoo irratti akka hin dorgomneef hidhame akka ture dubbateera. Waan irra gahe “buttaa” fi dhorkii mirgoota bu’uuraa jechuun ibseera.  

Filannoo irratti dorgomuu irraa abdii akka hin kutanne ibsuun, “misooma uummata fi biyya keenyaaf yoomiyyuu qophiidha. Haamileen koo hin cabu; yoo ani hin duune, deemsa koo ittan fufa.” jedhe.  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.