Oduu: Magaaloota Gambeellaa, Dambi Doolloo, Gimbii Keessatti Dhukaasni Cimaan Dhagahame

Finfinnee, Waxabajjii 14/2022- Mootummaan naannoo Gaambeellaa magaalaa Gaambeellaa keessatti ganama sa’aatii 12:30 irraa eegalee dhukaasni “Humnoota diinaa” fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti taasifamaa jira jedhe.

Mootummaan naannichaa, ummanni magaalaa guddoo mootummaa naannichaa magaalaa Gaambeellaa “Humnoonni nageenyaa mootummaa finciltoota irratti lola taasisan akka deeggaran” waamicha dhiyeessee, ummanni akka “hin jeeqamne” gorseera. 

Jiraataan magaalaa Gaambeellaa Addis Standard dubbise magaalaan Gaambeellaa Humnoota  Adda Bilisummaa Gambeellaa fi Waraana Bilisummaa Oromootiin qabamte jedhe.  “Gandoonni hedduun qabaman. Yeroon isin faana dubbadhu sagalee dhukaasaa dhagahaan jira, erga ganamaa dhukaasni jira.”

Waajjiri muummee mootummaa naannoo Gaambeellaas humnoota kanaan fudhatamuu dubbate jiraataan kun. Jiraattotni magaalaa Gaambeellaa lubbuu of baraaruf  gara bosonaa baqachuu kan eere jiraatan magaalichaa humnootni mootummaa Federaalaa fi Poolisiin Addaa naannichaa dhukaasa irratti hirmaachaa jiraachuu hime. “Haleellaan tasaa kun humnaa ol itti ta’e. Rasaasa fixanii gara buufata Poolisiitti of duuba deebi’an” jechuun hala ture ibse. 

Mootummaan naannichaas ibsa dabalataa baaseen, “humnoonni mootummaa lola cimaa booda walakkaa magaalattii deebifachuu danda’aniiru” jedha. Ibsichi  namoonni gama lachuu irraa miidhaamuu eeree, lakkoofsi sirrii ta’e akka hin beekamne ibseera. Akka mootummaan naannichaa jedhutti, dhukaasa cimaa hanga sa’aatii 04:20 akka itti fufee boodarra tasgabbiin wal madaalaa jira. Ibsichi garuu ammas dhukaasni qawwee dhaga’amuu akka danda’u hubachiisuun jiraattotni magaalichaa manaa hakka hin baane dhaameera.

Qondaalli naannichaa maqaan hin eeramni BBC Afaan Amaaraa dubbise tokko akka jedhetti , haleellaa kanaan yoo xiqqaate humnoonni nageenyaa lama ajjefamaniiru, namoonni qawwee qaban sadii ammoo humnoota hidhatan keessaa ajjeefaman. Itti dabaluunis humnoonni mootummaa baay’inaan akka caalaman himee, mootummaan naannichaas mootummaa federaalaaf beeksiseera jedhe. ”Magaalota dhihoo jiran irraa humna dabalataa bobbaasuuf yaalaa akka jiran nutti himaniiru,” jechuun ibse.

Jiraataan magaalaa Gaambeellaa kan BBC’n dubbise gama isaatiin qamoleen hidhatan kutaa magaalittii keessatti mul’achuu hime. Jiraataan kun itti dabaluudhaan kutaaleen magaalichaa tokko tokko to’annoo gareewwan hidhatan jala akka jiran ibsuun, teessoo pirezidaantii naannichaa irratti xiyyeeffatamuu akka hin oolle tilmaameera.
Kana malees naannoo mooraa waajjira pirezidaantii naannichaatti dhukaasni qawwee cimaan dhaga’amuu jiraattonni kunneen himaniiru. Akkasumas namoonni hedduun madaa’uu isaanii fi manni jireenyaa pirezidaantichaa, akkasumas kuusaan boba’aa humnoota hidhataniin xiyyeeffatamuus himaniiru. Pirezidaanti Umood Ujuuluun waljijjiirraa dhukaasaa fi haala yeroo magaalattii keessa jiru ilaalchisee ”odeeffannoo hin qabu” jechuun BBC Afaan Amaaraatti hime.

Addi Bilisummaa/Waraanni Gaambeellaa har’a ganama magaalaa guddittii naannoo Gaambeellaatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ta’uun haleellaa gaggeessaa jiraachuu beeksise. ABG ibsa fuula Feesbuukii isaa irratti baaseen “ Haleelllaan  kun dhaabbilee humnoota nageenyaa, hoggantoota PP fi humnoota mootummaa hidhatan qofa irratti kan xiyyeeffatedha,” jechuun lammiileen nagaa mana isaanii keessa akka turanii fi miidhaa irraa akka of bararaan  dhaamaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Dubbi himaan WBO Idil-addunyaa Odaa Tarbii, “Yeroo ammaa kana magaalaa guddittii Gaambeellaatti sochiin waloo Adda Bilisummaa Gaambeellaa fi Waraana Bilisummaa Oromootiin gaggeeffamaa jira” jedhe.

Dubbi himaan WBO  yeroo ammaa humnoonni isaa magaalota lama naannoo naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa fi Qeellam  Wallaggaa keessatti argaman keessatti waraana mootummaa waliin walwaraanaa jiraachuu ibsaniiru. ABO-WBOn  humnoota isaa magaalaa guddoo godina Qeellam Wallaaggaa Dambidolloo fi Wallagga Lixaa Gimbii keessatti humnoota mootummaa lolaa akka jiran himateera. Waraanni Bilisummaa Oromoo maxxansa tiwiitara isaa irratti baaseen humnoonni isaa hidhamtoota siyaasaa magaalaa Dambidollootti hidhamanii turan bilisa baasuu isaanii ibseera.

Jiraataan magaalaa Gimbii ganama sa’aatii 1:00 irraa eegalee naannoo qarqara magaalattiitti dhukaasni guddaan dhaga’amuu Addis Standard’tti hime. Akka maddi kun jedhutti jiraattonni mana hin baane, konkolaattota waraanaa mootummaan alatti sochiin magaalattii keessa hin jiru. Haaluma walfakkaatuun, jiraataan magaalaa Dambidolloo Addis Standard dubbise  “ Ganamaa kaasee sagalee dhukaasa cimaa dhageenyee dammaqne. Mana bahuu hin dandeenye. Wanti dhageenyu dhukaasa qofa. Waan ta’aa jiru hin beeknu.” jedhe.

Yaaliin Addis Standard hogganaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Laggasaa Tulu (PhD) dubbisuuf taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.