Oduu: Qondaalli Olaanaan ABO Mikaa’el Booran Wal’aansa Gahaa Dhabee Dhukkubni Itti Hammaatee- Maatii

Mikaa’el Booran: Qondaala Olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo

Naatinaa’el Fiixeetiin 

Finfinnee, Waxabajjii 11/2022 – Qondaalli Olaanaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Mikaa’el Booran dhukkubsachuun Hospitaala Poolisii Federaalaa fi Hospitaala Lagahaaritti wal’aanamuus wal’aansa gahaa waan hin arganneef ammallee dhukkubni itti hammaate jiraachuu maatiin Addis Standarditti himan.

Obboleettiin Mikaa’el Silgee Baqqalaa, Mikaa’el hedduu dhukkubsatee ture, Hospitaala Poolisii Federaalaa fi Lagahaaritti geeffamee ilaalamuus fooyyee tokkollee osoo hin agarsiisiin gara buufata poolisii itti hidhame jirutti deebi’ee ciisaa akka jiru Addis Standarditti himteetti. 

 Qondaalli ABO kun erga yeroo jalqaba qabamanii Caffee Tumaa (Siddist Kiiloo) lafa jalatti hidhamanii miidhamanii turan. Boodarras Galanitti dhokfamanii hidhamuun hedduu miidhaman haalli fayyaa isaa gaarii akka hin turree fi wal’aansa osoo hin argatiin turuu kan himtu Silgeen, “Yeroos akka inni wal’aansa argatu Komishinii Poolisii Oromiyaas kadhanne turre garuu dhowwan, sun hundu itti dabalamee amma baay’ee miidhame,” jette.

Haala amma keessa jiru yoo ibsitu, “Baay’ee  na dhukkuba, naannoo kalee koorraa natti dhagahama, harka koo isa bitaa fi miila koos na hidhu barbaada, narra bubbuleera” naan jedhe ture jetti Silgeen.

Haa ta’u malee dhuunfaan akka hin yaalamneef poolisiin dhowwuu himti Silgeen. “Dhukkubni itti cimee laafee jennaan poolisiin guyyaa Roobii (Waxabajjii 8) gara Hospitaala Poolisii Federaalaa geessan. Achirraa ammoo qorannoo dabalataaf gara Hospitaala Lagahaaritti ergame, achiis argu hin dandeenye bor deebi’ii jedhaniin. Kamisas deebisanii geessanii bu’aa qorannoo ‘Altrasound’ ilaalamee qoricha wayii kennaniifi wanti sodaachisu hin jiru yoo si dhiisu dide deebite dhufta jedhani gara mana hidhaatti deebisan,” jechuun haala ture ibsite, Silgeen. 

“Erga mana hidhaatti deebi’ee boodas hanga ammaa dhukkubni itti cimee ciisaa jira. Maatii isa ilaaluuf dhaqeeyyuu ol jedhe dubbisu hin dandeenye. Warreen isa waliin hidhaman Kennasaa Ayyaanaa faa akka ol isa deebisaa jiru nutti himan,” jette Silgeen. 

Yeroo ammaa kana “akka barbaadan jedhamu baatuus” bakka inni itti hidhame jiru buufata poolisii Buraayyuutti deddeebi’uun haala inni fi waahilloota isaa itti jiran hordofaa akka jiran kan himte obboleettiin Mikaa’el Booran, miidhaa qaamaa fi haala qabiinsa badaa dura isaan mudachaa ture amma akka hin jirreefi, yeroo ammaa kana garuu mana hidhaa keessatti qoorri itti hammaachaa akka jiru akka itti himan dubbatti. Kana malees manni murtii si’a sadi bilisa erga isaan baasee booda himannaa tokko malee seeraan ala hidhamanii akka jiran yaadachiiste.

Abukaatoon isaani Tulii Baayyisaa gama isaatiin yaada Addis Standarditti laateen yeroo ammaan kana qondaalotni ABO torba himannaa tokko malee mana hidhaa buufata Poolisii Buraayyuutti akka argaman himaniiru. “Mikaa’el Booran fi Kennasaa Ayyaanaa ammoo Abbaan Alangaa waan isaan himachiisu hin jiru jechuun galmee isaani erga cufe waggaa lama guutuufi.” 

Qondaalotni mana murtiin bilisa bahan akka hiikamaniif dhamaahuu kan eere Tuliin, “Bakka nuti hin iyyanne hin jiru. Mana Murtii sadarkaa sadarkaan jiran hanga mana murtii waliigalaa Oromiyaatti iyyannee manni murtii akka isaan gadi lakkifaman ajajeera. Komishinii Poolisiittis iyyanneera. Akkasumas jarreen kun kan himataman labsii farra shororkeessummaan waan ta’eef dhimmi kun kan isa ilaallatu Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa hordofee yoo yakka qabaatan akka himataman, yoo himannaan irratti hin dhiyaatu taanaan ammoo akka gadi lakkifaman jenne jechaanis barreeffamaanis iyyanneerraa, garuu deebii hin arganne” jedhe. 

Dabaluun, “Manni murtii bilisa jedheera,Mikaa’el Booran fi Kennasaa Ayyaanaa abbaan alangaa kan isaan himachiisu hin jiru haa hiikaman jedheera. Poolisiin maal na dhibdeedhaan isaan hidhe jira” jedhe. 

Tibbana Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa qorannoo dhimma hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) qajeelcha poolisii Oromiyaa garagaraa keessatti hidhamanii jiran irratti godhaa ture ifa godheera. Gabaasichi hoggantoota fi miseensota ABO heddu “Seeraan ala hidhamanii akka jiran” mirkaneesseera. Komishinichi hidhamtootni kanneen manni murtiin wabiin akka gadhiifaman murtaa’ef, galmeen himannaa isaani cufamee murtoo mana murtiin bilisaan kan gaggeeffaman, himannaan tokkollee kan irratti hin dhiyaanne fi Abbaan Alangaa himannaa akka irratti hin banne mirkanaa’e galmeen qorannoo isaani kan cufame daawwateera. “Haata’u malee turtii ji’ootaa hanga waggaa 2 ta’uuf bakka garagaraatti naanna’uun seeraan ala hidhaarra kan jiranii fi muraasni isaanis qabiinsa sirri hin taane fi reebicha adeemsa hidhaa irratti isaanirra gaheen miidhaa qaamaa fi rakkoo fayyaaf  saaxilamuu isaanii hubateera.” jedhe KMNI.

Dhimma kana irratti yaada akka laatan Komishinii Poolisii Oromiyaa argachuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.