Naannoon Amaaraa Guyyaa Afur Keessatti Namootni Meeshaa Waraanaa Dhuunfaa Akka Galmeessisan Akeekkachiise

Dassaalany Xaasaw
Suuraa: AMC


Finfinnee, Caamsaa 17/2022– Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Amaaraa meeshaalee  waraanaa kanaan dura hin galmoofne garuu,  kan dhuunfaa ta’e guyyaa har’aa Caamsaa 17 irraa eegalee guyyoota arfan dhufan keessatti galmeessisuun kan raawwatamu ta’uu  miidiyaan naannichaa gabaasera.

Hogganaan Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Amaaraa Dassaaleny Xaasaw “namni dhuunfaa meeshaa waraanaa hidhatee jiru kamuu” kan kanaan dura hin galmeessifne amma buufataalee adda addaa naannawa jirutti galmeessisuu akka qabu akeekkachiisera. Itti dabaluunis, labsiin galmeessa  meeshaalee  waraanaa kun humnoota deeggartootaa cimsuun “nageenya ummata Amaaraa” mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha jedhe miidiyaan  naannichaa. 

Baatii Hagayya bara darbee,wayita  waraanni humnoota Tigraay naannoo Amaaraatti babal’atee ture, Pireezidaantiin naannichaa yeroo sanaa Aganyehu Tashaagar,namoota dhuunfaa naannichatti argaman mirga “meeshaa waraanaa dhuunfaan itti fayyadamuu”akka danda’an Murtee mootummaa Naanichaa ta’uu  beeksisee ture.

Akka ibsa amma bahee kanaatti Dassaalanyi humnootni Tigraay fi “Miiltoowwan diigumsaa” isaanii tokkummaa ummata Amaaraa diiguuf ajandaa adda addaa bocuu fi sabummaa fi amantii dahoo godhachuun neetworkii hundeessuu hime.Kana malees, humnootni Tigraayi haleellaa waraanaa haaraa  banuuf qophii ifa ta’e agarsiisaa akka jiranis himaniiru.

Humnoota nageenyaa mootummaatiin alattis, “Kaayyoo humna diigumsaa kana hambisuuf” jecha, namni meeshaa waraanaa galmeessise kamiyyuu gurmaa’uun  leenjiin ni kennamaaf jedhe Dassaalanyi.

Jimaata Caamsaa 13, Manni Maree Nageenyaa Mootummaa Naannoo akka jedhetti,caasaan nageenya naannoo haleellaa waraanaa humnoota Tigraayiin raawwatamu, akkasumas, “seera maleessummaa babal’ataa jiru, meeshaa waraanaa seeraan alaa, gareewwan hidhattoota gurmaa’anii fi hin gurmaa’in ittisuuf qophii ta’ee akka dhaabbatu” itti himamera.

Manni Marichaas caasaan nageenyaa mootummaa naannichaa “sadarkaa hundatti” jiru murtii kana hojiirra akka oolchuuf kallattii kaa’uu ibse.

Manni Marichaa marii ummataa tibbana naannichatti gaggeeffame eeruun “humnoonni gurmaa’anii fi hin gurmaa’in tokkummaa keessoo Amaaraa laaffisuu fi diinaaf haala mijaawaa uumuuf hojjetaa jiran baay’achaa dhufuun balaan nageenyaa dabalaa dhufuu isaa bal’inaan” akeekeera.

Haa ta’u malee, ibsi  kaleessa bahe, kan  namoonni dhuunfaa meeshaalee  waraanaa isaanii akka galmeessisan waamicha dhiyeesse qaama karoora Mana Maree Nageenyaa naannichaatin raawwatamuuf ba’e keessaa ta’uu fi dhiisuun isaa ifa miti.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.