Oduu: Humnoonni nageenyaa mootummaa qe’ee koo saamuun, ilma koo hidhan- Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa

Abbaa gadaa Goobanaa Hoolaa,
Suuraa: BBC

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Mudde 23/2022 – Humnoonni nageenyaa mootummaa halkan mana jireenyaa Abbaa gadaa Goobanaa Hoolaa godina Shawaa Bahaa magaala Maqiitti  argamu cabsanii seenuun erga saamanii booda fi ilmasaanii tokko too’annoo jala oolchuu, Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa Addis Standarditti himaniiru. 

Miseensonni humnoota nageenyaa mootummaa halkan sa’aa 5 hamma ganama sa’aatii 12tti qe’eesaanii sakatta’aa turuun qarshii 200,000 fi meeshaalee miidhaginaa fi faayaa adda addaa akka saaman dubbatu Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa. Sababiin tarkaanfii kanaa shakkii ilmi Abbaa Gadaa kan Addunyaa Goobanaa murna Waraana Bilisummaa Oromoo godina Shawaa Bahaa keessatti socho’u hogganaa jira jedhuun ta’uu,  Abbaan Gadaa ibsaniiru.

Humnoonni nageenyaa mootummaa miidhaasaanirraan kan gahaa jiran oduu ilmisaanii Addunyaa Goobanaa jedhamu hogganaa murna WBO damee Shawaa Bahaati jedhuun ta’uu eereera.Haata’umalee mucaansaanii kun WBOtti makamuusaa ragaan mul’isu tokkoyyuu kan hin jiru jedhaniiru. 

“Ilmi kiyya Addunyaa (Foollee) Goobanaa jedhamu waggaa afur dura bahee bade gara Keeniyaa ce’uusaa bibilaan nutti himee kan ture ta’us sana booda achi buutee isaatuu hin beeknu. Gara waraana isaan jedhaniitti [WBO] makamuusaa ragaan  mul’isu tokkoyyuu hin jiiru. Loltoota waraanaa kanneenii kan [goodina] Shawaa Bahaa isatu hoggana jedhus ragaan tokkoyyuu hin jiru.” jedhan. 

KMNI baatii Caamsaa bara darbe keessai hojiilee seera kabachiisuu Naannoo Oromiyaa keessatti jiru gabaasa gadi fageenyaa baaseera,namoonni maatii isaanii WBO waliin hidhata qabu jedhamanii shakkaman akka hidhaamanii fi doorsisni akka irra gahu ibsee ture. Akka ibsa gabaasichatti,miseensonni maatiin hidhaman kun kanneen WBO waliin hidhata qabu jedhamanii shakkaman dabarsanii akka laatan gaafatamu.

“Humnoonni poolisii Oromiyaa fi humni raayyaa ittisa biyyaa halkan edaa naannoo sa’aatii 5:30 tti  mana jireenyaa kootti erga marsanii booda cabsanii seenuun qarshii 200,000 haati mana koo daldaala dhuunfaashee hojjattee kuufattee fi kilaashii mootummaan naa kenne tokko kaartaa lama wajjiin, kilaashii dhuunfaa koo tokkoo kaartaa lama wajjiin, shugguxii mootummaan naaf kenne tokko, birrii Maazar Tireezaa 30 kan akkoon koo naaf dabarsite, warqii haadha manaa kootii kan gurraa fi mormaa, warqii mormaa kiyya tokkoo fi bilbila ammayyaawaa lama fudhataniiru,” jedhan.

Akkasumas, humnoonni nageenyaa mootummaa kunneen ilmasaanii magaaluma Maqii keessa jiraatuu Injinar Badhaanee Goobanaa qe’eesaatii halkan edaa to’annoo jala kan olchan  ta’uu himaniiru.

“Ilmi kiyya Injinar Badhaanee Goobanaa jedhamu qe’eesaatii fudhachuun to’annoo poolisii jala kan oolchaniiru. Akkasumas, waardiyyaa mana kiyyaas uleedhaan kan rukutaniiru,” jechuun dabalanii himaniiru.

Dhimma kana irratti Addis Standard Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaa qunnamus qajeelchi poolisichaa odeeffannoo hin qabu jedhe.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.