Oduu: Mariin mootummaa fi WBO gidduutti godhame otuu hin milkaa’in goolabamuu qaamoleen lamaan ibsan

Finfinnee Caamsaa, 03, 2023 – Mariin mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti kibxata darbee eegalee Taanzaaniyaatti  taa’amaa ture waliigalteerra otuu hin gahamin goolabamuu qaamoleen lamaan beeksisan.

Biiroon sab-qunnamtii mootummaa ibsa baaseen, “mariin gaarii ta’e kan godhame ta’us akka carraa ta’ee mariin marsaa tokkoffaa kanarratti dhimmoota tokko tokkorratti waliigaluun hin danda’amne,” jedheera.

Qaamoleen lamaan waldhabbii jiru gara fulduraatti karaa nagaatiin furuuf waliigalleerra haa jedhan malee ibsi mootummaan Itoophiyaa baase kuni qabxiin mootummaa fi WBO’n irratti waliigaluu dhaban maal akka ta’e hin ibsine.

ABO-WBO’n gamasaatiin ibsa baaseen qabxiilee ijoo tokko tokkorratti wal hubanaarra kan gahame ta’uus marii marsaa tokkoffaa kanarratti dhimmoota murteessoo tokko tokkorrattti waliigalteerra gahuun hin danda’amne jedheera.

Haata’u malee, waldhabdee siyaasaa isaan gidduu jiru fuldura karaa nagaatiin furuuf fedhii kan qaban ta’uus lamaanuu ibsaniiru. Erga mariin nageenyaa eegalamuu mootummaan torban darbe ifa taasisee booda ibsi kuni isa jalqabaati.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.