Oduu: Magaalaa Asoosaatti Yeroon Sochii Daangeeffame

Finfinnee, Adoolessa 11/2022 – Magaalaa guddoo Naannoo Beenishaangul Gumuz  Asoosaatti Jimaata, Adoolessa 08 irraa eegalee imalli galgalaa daangeffamuu qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalattii beeksise.

Akka gargaaraa komishinaraa qajeelcha poolisii magaalattii Bushraa Alqariib jedhetti, nageenya uummataa eeguuf qaamolee nageenyaa hunda waliin qindoominaan hojjatamaa kan jiru yoo ta’u, haala nageenyaa yeroo ammaa waliin walqabatee daangeeffama yeroo hojiirra ooleera. 

Akkaataa daangaa yeroo sochii kaa’ame kanaan konkolaattonni galgala sa’aatii 2 irraa hanga barii sa’aatii 12tti socho’u hin danda’an. Haaluma kanaan yeroo jedhame kanatti Hoteelota, manneen dhugaatii fi dhaabbilee daldalaa biroo akka hojjatan hin eeyyamamuu. Akkasumas konkolaattota nageenyaa fi ambulaansii ala sochii konkolaattota hunda irratti daangaa yeroo kaa’ameera. 

Kana malees, lafoon ammoo galgala sa’aatii 3 irraa hanga barii sa’aatii 12tti socho’uun dhorkameera. Haata’u malee kanneen dhukkuba fi rakkoowwan hawaasummaa atattamaan raawwatamu qaban isaan mudate humnoota nageenyaa dhiyeenyatti argaman beeksisuun socho’uu akka danda’an ibsameera.   

Ummanni magaalattii labsii daangaa yeroo kaa’ame kana hubatee humnoota nageenyaa waliin qindoomuun ololaan osoo hin jeeqamiin haalota shakkisiisoo ta’an qaama nageenyatti beeksisuun humna nageenyaa waliin akka dhaabbatu gargaaraan komishinarichi hubachiiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.