Gareen Qulqulleessaa Boordii Filannoo Daawud Ibsaa Hidhaa Manaa Keessa Turuu Mirkaneesse: Boordiin Filannoo Akka Hiikamu Gaafate
Hayyu Duree ABO Daawud Ibsaa Finfinnee, Bitootessa 4/2022-Boordiin Filannoo Biyyooleessaa Xalayaa har’a baaseen gareen qulqulleessaa boodrichaan ergame Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) hidhaa manaa keessa akka jiru mirkaneesse. Boordiin Filannoo Komishinii Poolisii Federaalaa fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyooleessaa hatattamaan akka hiikan gaafate. Boordiin Filannoo paartilee galmaa’anii