Dubartootni, Daa’imman Sababa Hongeetin Baay’ee Miidhamaa Jiru
Alamituu Hoomaatiin @alemituhoma Finfinnee, Caamsaa 16/2022- Godinaalee 21 Oromiyaa keessaa saddeet keessatti hongeen akka muudate mootummaan naannichaa beeksiseera. Addis Standard gabaasa walitti aananiin miidhaa hongeen godinaalee Baale, Baale Bahaa, Booranaa, Gujii, Gujii Lixaa, Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Shawaa Bahaa, akkasumas naannoo Somaalee godinaalee kudhanitti geessise gabaaseera. Hongeen