Roobni Yeroo Arfaffaaf Xiqqaachuun, Gatiin midhaan nyaataa dabaluun miidhaan hongeen geessisu yaaddessaa taasiseera
Finfinnee- Roobni yeroo arfaffaaf giddugaleessa gadi ta’uun, Gatiin nyaataa dabaluuni fi xiyyeeffannoo addunyaa dhabuun miidhaa hongeen fidu daran hammeessa jedhe dhaabbatni Save the Children. Roobni Bitootessa fi Caamsaa gidduu roobe xinnaachuun isaa walitti fufinsaan waqtiin roobaa afuriif naannoleen hongeen miidhaman rooba gahaa osoo hin argatin hafaniiru.