Alamituu Hoomaatiin @alemituhoma
Dirree siyaasaa Itoophiyaa dhiirota aangoo fi meeshaa waraanaa qabataniin guutame keessatti rakkoo siyaasaa, walitti bu’iinsa hawaasaa fi walwaraansi itti mul’atu. Dubartoonni iddoo murtoon itti laatamu irraa dhabamuun ammoo taatee haqa qabeessa hin taanee biroo waltajjii siyaasaa Itoophiyaa irratti mul’atudha. Haata’uuti isaan (dubartootni) ba’aa rakkoo siyaasaatiin dhufu mara baatu.
Ba’aawwan kunneen namoota isaan jaallatan du’aan of bira dhabu fi kanneen haleellaa fi waraanaan miidhaman wal’aanu of keessatti qabata. Dubartootni baay’een abbaa warraa isaani walitti bu’iinsa keessatti waan dhabaniif ijoollee isaani qofaa guddisuuf dirqamu, muraasni isaani ammoo mana hidhaa keessa waan jiraniif carraa kanallee hin argatan. Balleessaan isaani siyaasa keessatti hirmaachuuf ija jabaachuu isaani qofa, bu’aa kanaan mootummaan gochoota gara jabeenyaa hamaa isaanirra geessisa. Kunis miidhaa qaamaa fi xiin-sammuu hanga miidhaa saalqunnamtii isaanirra gaha.
Dubartootni akka Liidiyaa Abarraa faa jiran firoottan isaani gara jabeenya mootummaatin dhabu. Isa boodas gocha sukkanneessaa isaanirratti raawwatama. Qeellam Wallaggaa irraa kan dhufte Liidiyaan, abbaa ishee Abarraa Tolasaa yeroo mana hidhaa Sanqallee keessatti hidhame turetti dararaa humnoota nageenyaan irra gaheen du’aan dhabdeetti. Akka maatiin jedhanitti, ajjeechaa abbaa Liidiyaa hordofee dararaa humnoota nageenyaa irraan geessisaniin gara Finfinnee godaanuu dubbataniiru. Haata’u malee humnootni nageenyaa isaan hordofanii erga obboleessa ishee Heenok Abarraa qabanii guyyaa muraasa booda Ebla 17, 2020 Liidiyaatin qabanii hidhan.
Liidiyaan hanga Waxabajjii 11, 2020 miidiyaa naannichaa OBN irratti dhiyaattee miseensa Abbaa Torbee (garee ajjeechaa Waraana Bilisummaa Oromoo jala hojjata jedhame himatamu) akka taate godhame hanga mul’attutti eessa akka jirtu akka hin beekne maatiin Addis Standard dubbise himaniiru. Maatiin sodaa nageenyaaf eenyummaan isaa akka hin ibsamne gaafate tokko, “TV irraa yeroo ishee arginu isheedha jenne amanuuf dadhabne turre. Jijjiiramteetti. Ishee barbaadaa turre, yeroo hamma sana eessa akka ishee tursan hin beeknu,” jedhe.
“Yeroo ishee nu jalaa baddee turteetti miidhaan akka irra gahe mul’ata garuu isheen waa’ee san hin dubbattu,” kan jedhe maatiin kun fayyaa sammuu harmee ishee akka hin miineef hanga ammaatti Liidiyaan waa’ee san dubbachuuf akka hin feene dubbateera. Itti dabaluun, “Hanga ammaatti miila ishee sochoosuuf rakkatti. Waa’ee san yeroo gaafatamtu homaa miti jetti.” jedhe. Liidiyaan hanga ammaatti miidhaawwan erga isheen hidhamte booda ishee uumaman wal’aanuuf qoricha fudhachaa jirti.
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda Oromiyaan rakkoo nageenyaa hamaa erga kufaatii Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Uummata Itoophiyaa (ADWUI) ABUTn durfamuu booda isa hamaa ta’e keessummeessiteetti. Dubartootni heddu hidhamniiru yookaan miidhamtoota rakkoo nageenyaa mootummaan qindaa’e ta’aniiru. Sababa hidhaa namoota siyaasaa kan akka Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaatin xiyyeeffannoo dhabaniiru. Dubartootni lama rakkoo nageenyaan walqabatee hidhaman, Kamiilaa Kadir fi Fooziyaa Jundiin ajjeechaa lammiilee hokkora ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee raawwatamaniin himatamuun walduraa duubaan hidhaa waggaa 16 fi 15 irratti murtaa’eera. Maatiin Fooziyaa Jundii Addis Standard dubbise sababa yaaddoo nageenyaa fi hordoffii maatii isaanirratti godhamaa jiruun eenyummaan isaani akka hin ibsamne gaafatan, “ammallee sodaa gudda keessa jirra” jedhan.
Haadha ijoollee lama kan taate Fooziyaan, yeroo ammaa kana hidhaa waggaa 15 adabamaa jirti. Maatiin garuu hidhamuu ishee fi adeemsi mana murtii haqa qabeessa miti jedhu. Jalqaba hokkora ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee uumame keessa hirmaatteetti jedhamuun hidhamtee himatamte. Maatiin kun “Isheen himata mormii san keessa hirmaachuu fi qindeessuun hidhamte. Boodarra jecha “Nafaxanyaa” jedhu waan fayyadamteef himata jechoota jibbiinsa fayyadamu irratti dhiyaate, amma garuu ajjeechaan irratti murtaa’e.” jedhe. Maatiin adeemsi mutii bitaa itti galeera. Ammallee akkamitti namni tokko yakka ittiin hin himatamneen akka walqabsiifamu yaaduun yeela’u.
Taateen kun gabaasaalee Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa keessatti kan ibsaman yoo ta’u, dhaabbilee falmaa mirga namoomaa idil addunyaa hedduu rakkoo dubartoota Oromiyaa moggaatti dhiisuun sarbiinsa mirgaa walfakkaatuu kaaba biyyattiitti raawwatamuuf xiyyeeffannoo laachaa jiru. Qorannoowwan sirbiinsa mirgaa hidhamtoota siyaasaa dubartoota irra gahu irratti godhaman hagas mara gabaasawwan mirga namoomaa ijoo keessatti hin barreeffaman.
Walitti bu’iinsa Oromiyaa keessatti babal’ate kun kanneen akka falmituu mirga dubartoota Oromoo umurii 29 taate Caaltuu Asfaaw illee hin hambifne. Caaltuun, Sadaasa 11 bara 2021 Labsii Yeroo Atattamaa keessatti qabamte. Caaltuun dhaabbata miti mootummaa dubartoota gahoomsu irratti hojjatu ‘Addooyyee’ jedhamu keessatti hoggantuu faayinaansii taate hojjetti.
Akka maatiinshee jedhanitti, Caaltuun herreega baankii ishee ugguuruu dabalatee humnoota nageenyaatin hordoffii fi dararaa irra gaheera. Walumaagalatti humnootni nageenyaa “dhaabbatni keessan mootummaa waliin hojjechu qaba” jechuun ishee sodaachisuuf akka yaalanii fi isheen garuu waahilloota ishee waliin ta’uun akka didde maatiin Addis Standarditti himaniiru.
Erga hidhamte booda guyyaa lamaaf buufata poolisiitti turtee sana booda gara maa’ikalaawwii, mana hidhaa sodaachisaa mootummaan jijjiirama booda cufamuu kan beeksisetti dabarfamte. Maatiin boodarra torbanitti guyyaa lama akka ishee dubbisan isaanif eeyyamamus, torban baay’eef ishee gaafachuuf dhorkamani turan. Caaltuu mana murtiitti kan dhiyaate erga labsiin yeroo atattamaa ka’e booda. Poolisiin shororkeessummaan ishee himatuus, himatni ifatti irratti dhiyaate hin jiru. Caaltuun lammataaf hidhamtee himata eegaa jirti.
Yeroo baay’ee dubartootni yakka ittiin shakkaman qofa osoo hin taane yakka miseensa maatii isaani ittiin shakkameen illee irratti xiyyeeffatama. KMNI baatii Caamsaa bara darbe keessatti hojiilee seera kabachiisuu Naannoo Oromiyaa keessatti jiru gabaasa gadi fageenyaa baaseera, kunis dhimma maatii fi dubartoota miseensonni maatii isaanii WBO waliin hidhata qabu jedhamanii hidhaatti argaman ibseera. Akka ibsa gabaasichatti, maatiin hidhaman kun kanneen WBO waliin hidhata qabu jedhamanii shakkaman dabarsanii akka laatan gaafatamaa jiru. Gabaasichi waa’ee haadholii ulfaa fi hoosisan hidhaa keessa turaniis eereera. Fakkeenya tokko Amaaneedha. Amaaneen haadha hoosiftu yoo taatu sababa hirmaannaa siyaasaa abbaa manaa isheetin magaalaa Asallaatti hidhamte argamti.
Dubartootni duula waraanaa mootummaan garee paarlaamaatti shororkeessummaan labsame ‘WBO’ fi gareewwan biroo mootummaan “finxaaleeyyii Islaamaa” jedheen irratti labseen miidhamurraa kan hafan hin fakkaatu. Kanaan dura haadholii manaa abbootii amantaa Harargee Bahaa fi Lixaa, Arsii fi Arsii Lixaa akkasumas Godinaalee Baaleetti argaman haleellaa abbaa warraa isaanirra xiyyeeffateen miidhamaniiru. Hagayya 2020 Imaamni Asaasaa haadha warraa fi daa’ima harma hootu waliin humnoota nageenyaatin ajjeefamuun isaanii ni yaadatama. AS