Biruuk Alamuutiin @Birukalemu21
Finfinnee, Adoolessa 26/2023 – Damee telekoomii Itoophiyaa keessatti waggoota hedduuf qofaa isaa socho’aa kan ture Itiyoo Telekoom dabalataan dhiyeenya kana damee telekoomii biyyattiitti makamuun tajaajila kennuu kan eegale Saafaarikoom Itoophiyaa qacarrii hojjettootaa fi bulchiinsaan walqabatee gamanumaan qormaatawwan isa qunnamaa jira.
Baatilee muraasaan dura keessattuu naannoo Oromiyaatti qacarrii hojjettootaa akkasumas itti fayyadama afaaniin walqabatee hojimaata loogii jira jedhamuun duula miidiyaa hawaasaa oomisha fi tajaajila dhaabbatichaa fayyadamurraa of qusachuu “Boyikoot Saafaarikoom” jedhamu gaggeeffamuu hordofee hoggantootni olaanoo dhaabbatichaa qindeessitoota duula kanaa waamanii mariisisuun isaanii ni yaadatama.
Kana malees, hojjettoonni dhaabbata Waladaa Aksiyoona Ayisan Ekspiriyaan (ISON Experience) jedhamuun qacaramanii giddugala waamicha Saafaarikoom Itoophiyaatti hojjechaa jiran kaffaltii miindaa irratti komii kan qaban ta’uu Addis Standard’itti himaniiru.
Itoophiyaa keessatti hojii erga eegale ji’oota kudhan darban keessatti maamiltoota miiliyoona 3 ol galmeessuun jalqabbii gaarii kan agarsiise dhaabbatni Saafaarikoom Itoophiyaa, gama sirna qacarrii hojjettootaa fi bulchiinsa ijaaru irratti ammallee komiin irratti ka’uu hin hafne.
Keessattuu hojjeettoonni karaa dhaabbata Ayisan Ekspiriyaaniin qacaramanii giddugala waamichaa Saafaarikoom Itoophiyaatti hojjechaa jiran sarbiinsi mirgaa hedduu irratti raawwatamuu fi hojjettoonni rakkoon jiru akka furamuuf gaafatan karaa “seeraan alaatiin” hojiirraa ari’amuu ibsaniiru.
Hojjetaan dhaabbatichaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate, “mindaa Saafaariikoom ji’aan hojjettootaaf ramadu keessaa walakkaadhaa ol kan ta’u dhaabbata Ayisan Ekspiriyaans ni kutata,” jedheera.
Yeroo ammaa kanatti hojjetaa giddugala waamichaa Saafaarikoom Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan jiru hojjetaan maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko, miindaa Saafaarikoom hojjettootaaf kafaluu keessaa harka 70 kan ta’u dhaabbata Ayisan Ekspiriyaan jedhamu kanaan hambifamee kan hafe 30% qofa hojjettootaaf kaffalamaa jiraachuu ibseera.
Miindaan ji’aa Saafaarikoom hojjetaa giddugala waamichaatiif kaffalu birrii 20,000 hamma 24,000 yoo ta’u, dhaabbanni kun garuu birrii 6,500 qofa hojjettoota harkaan kan gahu ta’uu himeera. Gocha kana mormuun qoqqobbii hojii dhaabuu taasifameen mindaan birrii 6,500 irraa gara 7,800 kan guddifame ta’us, kaffaltiin isaan argachaa jiran kun kaffaltii dhaabbileen biraa kaffalanii fi ulfaatina hojii isaan raawwachaa jiraniin kan wal hin gitne ta’uu ibseera.
“Hojjattoota ji’a torba guutan kan daballii miindaa argachuu malan karaa seeraan alaatiin waliigaltee isaanii akka haqamuu taasisuun hojjattoota haaraa miindaa gadi aanaadhaan qacaraa jira,” jechuun hojjataan kun ibseera. Kanaan walqabatee hojjattoonni lakkoofsaan kudhanii ol ta’an hojimataa dhaabbatichaatti nuffuun hojii gadhiisuu Addis Standarditti dabalee himeera.
Akkasumas, madaallii raawwii hojii (KPI) dhaabbatichi ittiin hojjattoota madaaluu “seera biyyattii kan hordofee miti” jechuun komii gama kanaan qaban ibsaniiru. Hojjetaan kuni, “Hojjetaan tokko sababa dhukkubaatiin guyyaa tokkoof hojiirraa hafee ragaa mana yaalaa kan fidu yoo ta’e madaallii raawwii hojiisaa ji’a sanaa walakkaadhaan akka hir’atu taasifama. Kuni garuu sirrii waan hin taaneef hojjatichi kan madaalamuu qabu guyyoota hojiirratti argameenii malee guyyaa rakkoo ulfaataadhaan hojiirraa hafeen hojjettoota kaawwan wajjiin madaalamuu hin qabu,” jechuun rakkoo jiru ibseera.
Gama geejjibaatiin, hojjettoota dabaree halkaniitiif geejjibni dhiyaataa kan hin jirre waan ta’eef hojjettoonni kunneen saamichaa fi raakamaaf saaxilamaa jiraachuu komataniiru. Rakkoo kanaaf furmaanni akka laatamu irra deebiin kan gaafatan ta’us “barbaaddan hojjedhaa yookiimmoo gadhiisaa” deebii jedhutu laatame jedheera.
Hojjetaan hundi dhageessitfuu gurraa guyyaa guutuu kaawwatee waan ooluuf badii lubbuu fi miidhaa qaama biraarra qaqqabuuf dhaabbatichi inshuraansii akka kaffalu kan gaafatame ta’us kaffaluu diduu isaas kaasaniiru.
Guddina hojii kennamu haqaqabeessa ta’uu dhabuun rakkoo biraa ta’uu himaniiru. “Kan guddatu nama guddachuu malu osoo hin taane nama bulchiinsatti dhiyeenya qabuu qofa dha,” jedhaniiru. Kana malees, hojjattoonni gaaffii guddinaa irra deddeebiin kaasan kan hin guddifamne ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, hojjattoonni gaggeessitoota garee turan gadi buufamanii hojii bilbila kaasuu qofa akka hojjatan taasifamaniiru jedhan.
“Dhaabbatni Ayisan Ekspiiriyaans itti gaafatamummaa isaa cinaatti dhiisee bu’aa isaatiif qofa hojjachaa jira,” kan jedhu hojjetaan kun, “humni hojjetaa rakasaa jiraachuu fi salphaatti hojjataa biraa qacaruu akka danda’u waan amanuuf gaaffii hojjattootaa deebisuu dhiisuu filata jedheera.
Gaaffii mirgaa yeroo garaagaraatti garee fi dhuunfaadhaan kan gaafataman ta’us, gareedhaan gaaffii homaayyuu akka hin kaafne doorsisi afaanii fi barreeffamaan hojjattootaaf kennamaa jiraachuu hojjattoonni kunneen ni himu. Namoonni akkasii faayidaa garaagaraa argachuu qaban kan dhoorkaman ta’uu addeessaniiru.
Hojjattoota akkuma barbaadanitti hojiirraa gaggeessuun “hojimaata dhaabatichaa baramaa” ta’uu hundeessaa waldaa hojjattoota kan turee fi yeroo ammaatti hojii kan gadhiise kan jiru Abrahaam Addis Standarditti himeera. “Hojjattoonni mirga hojjataaf falman hedduu ari’amaniiru yookiin immoo nuffanii hojii akka gadi lakkisan taasifamaniiru,” jedhe.
“Dhaabbanni kun bu’aa ofiisaa kuufachuuf kan tattaafatu malee mirga hojjattootaatiif dhimma hin qabu,” jechuun kan dubbate hojjataa Saafaarikoom Itoophiyaa biraa, bulchiinsi dhaabbatichaa sababa gahaa malee hojjattootaa wajjiin kan walitti bu’uu fi sababa gahaa malee hojjattootaaf akeekkachiisa hiruudhaanii fi hojiirraa gaggeessuun kan beekamuudha jedhe.
Kanaan walqabatee hojjataa dhaabbatichaa fi gaggeessaa waldaa hojjattoota Saafarikoom Itoophiyaa kan ture Charaamlaak Taammiruu gaaffii hojjattootaa dhaabbatichaaf waan dhiyeessseef qofa guyyaa Caamsaa 8, 2015 ALI hojiisaa irraa akka gaggeeffmu taasifamuu waldichi ibseera. Gochaan kun seeraan ala waan ta’eef himanni seeraa dhaabbaticharratti banamuun adeemsa seeraa irra jiraachuu Addis Standardiif ibseera.
Obbo Charamlaak Taammiruu komii dhaabbaticharra qabu Addis Standardiif kan qoode ta’uus dhimmichi seeraan kan qabame waan ta’eef yaada isaa dhiyeessuun hin danda’amne.
Haata’u malee hojjattoonni federeeshinii industirii waldaa geejjibaa fi hariiroo xalayaa Caamsaa 14, 2015 ALI Biiroo Intarpiraayizii Hojii fi Misooma Industirii Kutaa Magaalaa Lidataatif barreesseen dhaabbatni Ayisan Ekspiiriyaans hoggantoota waldaa hojjatootaa “seeraan alaan” hojiirraa gaggeessuu beeksiseera. Federeeshinichi gochaan kun labsii hojjataa fi hojjachiisaa lakk. 1156/2011 keeyyata 14 lakk. 1(A) kan cabsu ta’uu xalayicha irratti eereera.
Bulchiinsi magaala Lidataa qaamoleen lamaan mariin akka waliigalan yaalii kan taasise ta’us, bulchiinsi dhaabatichaa hojjaticha gita hojiisaaatti deebisuu waan dideef dhimmichi gara koree hojjataa fi hojjachiisaatti akka darbu taasisuusaa xalayaan Ebla 25, 2015 boordichaaf barreeffame ni hubachiisa.
Sababa kanaan dhimmicha gara mana murtii fudhachuun dhabbaticha irratti himata seeraa banuu Charaamlaak Addis Standarditti himeera.
Dhaabbatni Saafaarikoom Itoophiyaan kanaan dura Naannoo Oromiyaatti mormii guddaan isa qaqqabee turuun ni yaadatama. Komii ka’e kana durummaan hordofaa kan ture Abdiisaa Baancaan haalli qacarrii dhaabbatichaa malaammaltummadhaan kan guutame, dorgomtoota hojiichaaf gahumsa qaban kuffisuu, namoota sabaa fi amantaa tokko hordofan qofa qacaruun kan beekame ta’uu Addis Sttandarditti himeera. Taatee kana mormuun duula mormii Oromiyaatti taasifamuu dubbateera.
Mormii isa qunname hordofuun dhaabbatni Saafaarikoom waliigaltee dhaabbata bakka bu’ummaan hojjettoota qacaru Itiyoojoobs wajjiin raawwatee ture diigeera. Haa ta’u malee, hojjattoota dhaabbatichaa [Itiyoo Joobs] fudhachuun seera dhabdummaan dura ture akka itti fufu taasiseera jedhe.
Kana malees, piroojektiilee Saafaarikoom Itoophiyaa kan akka neetwoorkii diriirsuu fi gurgurtaa kan hojjatan namoota isaan beekaniin kan qacaraman yoo ta’u odeeffannoo amanamaa kan qaban ta’uu hojiigaggeessaa Saafaariikom isa duraa wajjiin mari’achuu Abdiisaan dabalee ibseera. “Biyya sabaa fi sablammoota garagaraa hammattee jirtu keesatti saba toko qacaruun fudhatama hin qabu< Abdissatu jedhe.
Hojiilee naannoo Oromiyaatti gaggeeffaman afaan naannichaa Afaan Oromootiin ta’uu osoo qabuu gaggeessitoonni dhaabbatichaa 200 dhiyaatan marii taasisuun “afaan Amaaraatiin qofa gaggeessuun gahaadha” jedhanii murteessuu isaanii dabalee himuun, “Dhaabbatichi afaan naannichaatiin hojii gaggeessuu qaba,” jedheera.
Amantaadhaan walqabatee hordoftoota amantaa hundaa qixa hin hirmaachisu jechuun gochaan kuni raawwiin hojii dhaabbatichaa gadi aanaa akka ta’u taasisuu ibse. Rakkoo jiru hin sirreessu taanaan guutuu Oromiyaatti akka hin hojjanne kan taasifamu ta’uu Abdiisaan dubbateera.
“hojii gaggeessaan Saafariikoom duraa dhimmicha sirreessuu dadhabuu eeruun rakkoon kuni biiroo Saafariikoom Keeniyaa jiru bira gahuu ibseera. Gaggeessaan duraa Anwaar Soosaa rakkoo jiru sirreesssuu kan dadhabe hojiii gaggeessitoonni 200 ta’an kan saba tokkoo waan ta’aniiif murtee wal fakkaataa kan murteessan waan ta’eef rakkoo jiru furuu dadhabuu Abdiisaan ibseera.
Hojii raawwachiisaan haaraa muudame komii hojjattootaa dhagahuu fi naannooleen afaan isaaniitiin akka tajaajilaman ni murteeessa abdii jedhu kan qaban ta’uu himaniiru. “Kuni hin ta’u yoo ta’e Oromiyaatti tajaajila kennuu osoo yaaduu baatee wayya. Sababiinsaas jalqaba eenyummaan kee kabajamuu qaba; loogiin dhabamsiifamuu qaba,” jedheera.
Hojjattoonni karaa Ayisan Ekspiiriyaansiitiin qacaraman mindaa gadi aanaa waan argataniif magaala Finfinneetti mana kireeffachuu dadhabuurraa kan ka’e fagootti kireeffatani kan jiraatan waan ta’eef dabaree halkanii yeroo hojjatanitti tajaajilli geejjibaa kan hin kennamneef ta’uu ibsaniiru. Sababa kanaan hojjattoonni hedduu hojii gadhiisaniiru.
Saafaarikoom fi Ayisan Ekspiiriyaans hariiroo akkamii qabu?
Dhaabbatni Ayisan Ekspiiriyaans dhaabbata hojjattoota leenjisuun Saafaarikoomiif dhiyeessu ta’uu hojjattoonni dhaabbatichaa Addis Standard dubbise ibsaniiru. Hojjattoonni kun kan hojjatan Saafariikoomiif haa ta’u malee waliigaltee kan mallatteessan ISON wajjiiniidha. Dhaabbanii kuni faddaalaa hojjataa fi hojjachisaa walqunnamsiisuun mindaa hojjataarraa ji’aan hambifatu ta’uu hojjattoonni himaniiru.
Hojjataa dhaabbatichaa kan ture Abrahaam kompitaroonni dhaabbatichi itti fayyadamu, sarvariin guutumatti loogoo Saafaarikoom ofirraa kan qabu ta’uu ibsuun, dhaabbatichi ofiisaaf kan dhaabbate miti jedheera. Jalqabarratti yeroo qacaraman hojjattoota Saafaarikoom ta’uu kan itti himamu ta’uus, boodarra garuu hojjattoota Ayisan Ekspiiriyaans malee kan Saafarikoom miti jedhamu jedheera.
Hariiroo Saafaarikoom wajjiin qabaniin walqabatee gaaffii Addis Standard itti gaafatamaa humna namaa dhaabbatichaa kan ta’an Iyyu’eel Warquu gaafateen, ”Saafaarikoom maamila keenyadha; kana caala hariiroo qabnu ibsuun barbaachisaa miti,” jedheera. Obbo Iyyu’eelii fi hoggantoonni dhaabbatichaa biroo gaaffii dhiyaateef deebii laachuuf hin barnaanne. Dhimma hojjattoota giddugala waamichaa Saafaarikoom irratti wanti isaan beekan hojjattoota Saafariikoom ta’uu malee maal akka hojjatan ifatti ibsuuf eyyamamoo hin taane.
Saafarikoom wajjiin haala kamiin hojjachaa akka jiranii fi maalirratti waliin akka hojjatan akka ibsaniif gaaffii Addis Standard gaafateef ibsa gahaa laachuu hin dandeenye. Waliigaltee seera-qabeessa qabanis dhiyeessuuf eeyyamamoo hin taane.
Deebii dhaabbata Ayisan Ekspiiriyaans
Itti gaafatamaan humna namaa dhaabbatichaa, Iyyu’eel Warquu himata hojjattoonni kaasan hundaa kuuffisaniiru. Hojjattoonni Saafaarikoom karaa Ayisan Ekspiiriyaans kan qacaraman ta’uu ibsaniis obbo Iyyu’eel garuu “Saafaarikoom maamila keenya, hariiroo wajjiin qabnu kana caala ibsuu hin barbaadu” jedheera.
Madaallii raawwii hojiitiin walqabatee komii ka’e hojjataan dhukkubaan hafee waraqaa ragaa yoo fide miindaan isaa kan hin kutamne ta’uu ibsuun madaalliin raawwii garuu duwwaa kan godhamu ta’uu himeera. Sababa rakkoo fayyaatiin hojiirraa yoo hafame madaalliin duwwaa kan taasifamuuf “hojjataan hojiirratti argamuun hojiichaaf barbaachisaa waan ta’eefi” jedheera.
Geejjibaaan walqabatee komii hojjettoonni, “geejjibni akka mijeeffamuuf gaaffannee ture jijjiiramni xiqqoo kan ture ta’us ammatti garuu tajaajila kana addaan waan kuteef hojjataan ganama sa’aatii 11:00 tti hojiidhaa bahu hamma bari’uutti turee gara manaa akka adeemu taasifameera,” jedhu kaasan haaluun rakkinni geejjibaa homaayyuu kan hin jirre ta’uu obbo Iyyu’eeli himaniiru. Akkuma waliigaltee keenyaatti hojjataadhaaf geejjiba gahaa dhiyeessaa jirra jechuun rakkoon xixiqqoo garuu jiraachuu mala jedheera.
Komii guddina hojii haqadhabeessa ta’ee fi seeraan ala hojjataa hojiirraa buqqoiisuun n walqabatee gaaffi ka’een komii hojjattoonni dhiyeessaniif yeroo deebii laatanitti hojjattoonni 10% ta’an gara hojii gaggeessummaatti guddachuu eeruun kuni “milkaaa’ina boonsaadha” jedheera.. Hojjataa kan guddifnu haala komiin ka’een osoo hin taane qabxiilee madaallii dhaabbatichi kaa’e irratti hundaa’uudhaani jedhe. Haa ta’u malee, qabxii madaallii kana osoo hij guutin kan guddatan jiraachuu garuu amananiiru.
Hojjattoota kan gaggeessinu akkaataa labsiin hojjataa fi hojjachiisaa eeyyamuuni jechuun komiin ka’u “jette jettee fi hamiidha” jedheera. Hojjattoonni hojii gadhiisan qabeenya dhaabbatichaa deebisuun karaa seeraqabeessa ta’een gaggeeffaman jedhan.
Iti gaafatamaa waldaa hojjattootta Charamlaak Taammiruu karaan hojiirraaa itti gaggeeffameerratti Addis Standard ibsa gaafatus dhaabbatichi “dhimmi kuni dhimma keessoo dhaabbatichaa waan ta’eef isin hin ilaallatu” jechuun deebii laachuu hin dandeenye. Dhimmi Charamlaak dhimma nama dhuunfaa tokkooti jedheera.
Haa ta’u malee, feedereeshiniin geejjibaa fi hariiroo waldaa hojjattootaa xalayaa Caamsaa 14, 2015 ALI bulchiinsa kutaa magaalaa Lidataaf barreesseen namichi hojiirraa kan gaggeeffame “karaa seera hin hordofiniin” ta’uu eereera.
Inshuraansii lubbuu fi miidhaa qaamaa gaggeessitootaaf malee hojjattootaaf hojiirra oolaa hin jiru himata jedhuuf yeroo deebii laatanitti obbo Iyyu’eel, “seerri nu dirqisiisa waan ta’eef hojjattoonni hunduu fayyadamaa jiru” jedhaniiru.
Hojjattoonni komii qaban yeroo dhiyeessanitti deebiin hin kennamuuf barbaaddan hojjadhaa yookiin hojii gadidhiisaa deebiin jedhuun walqabatee obbo Iyyu’eel “deebiin akkana jedhu hin laatamu,” jedhaniiru. Akka odeeffamu kanatti rakkoon akkanaa dhaabbaticha keessa hin jirus jedhaniiru.
Ayisan Ekspiiriyaans miindaa hojjattootaa 70% murata himata jedhuuf dhaabbatichi hojjattootaaf miindaa kan kaffalu ta’uu ibsuun guddinni fi xiqqeenyi miindaa dhimma dhaabbata tokko godhamee hubatamuu hin qabu jedheera. Dhaabbatichi hojjattootaaf miindaa kan kaffaluu akkaataa sadarkaa miindaa dhaabbatichaatiin ta’uu himan. Haa ta’u malee, miindaa harka 70 (70%) hambifata gaaffii jedhuuf deebii qajeelaa osoo hin deebisiin bira darbaniiru.
Dhimma komii bal’aa hojjettoota irraa ka’e ilaalchisee dhaabbata telekoomii Saafaarikoom irraa deebii argachuun yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS