Miidhamaan rakkoo hongee magaalaa Yaa’aballoo kaampii buqqaatota Elwayaa keessatti daakuu gargaarsaa baatee deemu. (Suuraa: Addis Standard)
Finfinnee, Ebla 13, 2023 – Qotee bultoonni naannoo Oromiyaa, godina Booranaa aanaa Dubulluq keessatti sababa hongee mudateen beeyladaa fi qabeenyasaanii dhaban gandootaa aanichaa 13 keessaa buqqa’uun mooraa baqattootaa magaala Dubulluqiitti argamutti erga baqatanii waggaa tokko ol ta’eera. Mooraan buqqaatotaa Dubulluq kan maatii 9,000 olii fi walumagalatti buqqaatota 54,000 ol qabatee jiru keessa jiraniif gargaarsi godhamaa jiru gahaa kan hin taane ta’uu buqqaatonnii fi hoggansi bulchiinsa aanichaa Addis Standard’tti himaniiru. Baay’ina namootaarraa kan ka’e gargaarsa ergamu ummataaf tamsaasuun kan isaan rakkise ta’uu hoggansi kuni ibseera.
Aanaa Dubulluuq qofaa loowwan 43,000 ol ta’an kan dhuman yoo ta’u bokkaan roobuun dura dadhaban 20,000 ta’an akka jiran kan ibsan bulchaan aanaa Dubulluuq Abdulqaadir Alii carraa beeyladoonni kunneen lubbuun hafuuf qaban gadi aanaa ta’uu himaniiru.
Galma Guleen aanaa Kadiireetii buqqaa’ee mooraa baqattootaa Dubulluq erga galee waggaa tokko guuteera. Rakkoon meeshaalee gargaarsaa bu’uuraa mooraa keessa jiru hammaataa waan ta’eef fedhii ijoolleesaanii kan hin guutin waan ta’eef lubbuusaanii kan galaafatan hedduu ta’uu ibseera. “Sababa hongeetiin loowwan isaanii dhabuunii fi ijoolleesaanii yemmuu beela’an arguun itti ulfaatee of fanniisanii yookimmoo bishaan haroo keessa lixuun kan du’an hedduutu jiru,” jechuun Addis Standard’itti himeera.
Gargaarsi isaaniif godhamaa jiru maatii tokkoof xaasaa kudhan hin caalu jedheera. Waggoota shaniif bokkaan otuu hin roobin waan tureef lubbuun loowwanii fi namootaa darbuu eeruun ammas gargaarsi kuni addaan kan citu yoo ta’e lubbuun namaa darbuun hin oolu jedheera.
“Nuti kadhaa hin beeknu. Kan bishaan nu kadhateef aannan laannaaf. Yeroo rakkannu re’ee yookiin loon baafnee gurgurraa ture amma garuu sababa hongeetiin loon hundi nu jalaa dhumaniiru. Gargaarsi nuuf laatamaa jiru yoo dhaabbate yookiin hir’ate dhumuu keenya,” jedheera.
Jiraataan biraa kan aanaa Bokoksaa kan magaala Dubulluq irraa fageenya kiloomeetira 36tti argamtuu buqqa’e obbo Adii Areeroo erga mooraa baqattootaa keessa jiraachuu eegalee ji’a kudhan kan guute ta’uu ibsuun “otuu loon keenya sababa hongeetiin hin dhumin dura gargaarsa namaa hin barbaannu ture. Loon keenya nurraa hafanii namoota birootiif oolu ture. Amma garuu hundaa dhabne daakuu nuuf qicamuu eeggataa taanneerra,” jechuun Addis Standard’itti himeera.
Nyaataa fi wantoota isaan barbaachisan biroo loon isaanirraa kan argatan ta’uu himuun amma garuu suni seenaa ta’ee hafeera jedhu. Wanta feene nyaachuu haa hafee guyyaatti si’a tokko nyaachuu kan dadhabaa jiran ta’uu, Adiin hime.
“Guyyaatti al tokko illee nyaachuu hin dandeenye, kanarraa kan ka’es maanguddoonnii fi daa’imman akka malee miidhamaa jiru”
Adii Areeroo
Maatii mooraa keessa jiru tokkoof daakuun kennamu hamma xaasaa kudhanii ta’uu ibsuun gargaarsi godhamaa jiru gahaa waan hin taaneef daa’immanii fi maanguddoon miidhamaa akka jiran dabalee himeera. Maanguddoo, daa’immanii fi barattoottarratti xiyyeeffannoon addaa akka taaasifamus mootummaadhaaf waamicha taasisaniiru.
Adii Adeeroo maatiisaa miseensa saddeet qabu wajjiin kan jiraatu yoo ta’u barsiifachuu waan hin danda’iniif ijoolleensaa barnoota addaan kan kutan ta’uu ibseera. Baay’inni barattoota buqqa’anii fi dandeettiin manneen barnootaa barattoota keessummeessuu kan wal hin madaalle waan ta’eef barattoonni barnoota addaan kutan hedduu ta’uu hubachiisan.
Haadhoon biraa mooraa baqattootaa keessa jiraattu, “Gargaarsi haala wal qixa ta’een qoodamaa hin jiru. Keessumaa namoota haaraa dhufanii fi gareen hin gurmaa’iniif kennamaa hin jiru. Yeroo isaan bira dhaqnu eegaa nuun jedhu eegaa oollee galgala yemmuu dukkanaa’u boru deebi’aa nuun jedhu. Ganama yeroo deebinu namoota gareen gurmaa’aniif qofa kennama. Nuti homaa otuu hin argatin namoonni irra deddeebi’anii fudhatan ni jiru; Nuti harka duwwaa deebina. Rakkoon nuti keessa jirru dubbatamee hin dhumu. Ijoolleen keenya beelaan miidhamaa jiru,” jechuun miira roorrootiin dubbatu.
Garaachoo dhadhaa ganda Filiinqaatii kan buqqa’e yoo ta’u waggaa tokkoof mooraa buqqaatootaa kana keesssa jiraateera. Iddoon amma itti qubatanii argaman kuni yeroo durii gabaa loonii ture jedhu. “Loowwan keenya hongeetiin dhuman. Re’ootas nuti nyaannee fixne. Harka qullaa yeroo taanu mootummaan akka nu arguuf jecha buqqaanee daandiitti baane,” jedheera.
Gara Dubulluq dhufuusaaniitiin lubbuun jiraachuu kan danda’an ta’us gargaarsi isaan godhamaa jiru gahaa akka hin taane gaazeexeessitoota Addis Standard’itti himaniiru. Gargaarsi godhamaa jiru dhiyeenya kan eegale ta’uu eeeruun sana dura rakkoon midhaan nyaataa hammaataan kan ture ta’uu Garaachoon ibseera.
Garaachoon dargaggoo sababa hongeetiin loowwan 48 ol dhabee ta’uu himuun mooraa buqqaatotaa keessa rakkoon bishaanii, nyaataa fi dahoo (manaa) kan jiru ta’u hubachiiseera. “Mooraa kana keessa kuusaa bishaanii afur duwwaatu jira. Namni baay’ee waan ta’eef kusaan afranuu guyyaa tokko caala hin turan. Inni biraammoo rakkoo manaas ni qabna. Akkuma mul’atu sharaa diriirsineetu keessa bulla. Bokkaan roobuun dura guyyaa guyyaa ni ho’a; galagalammoo dilallisaa nama hin raffisu. Sharaa hedduusaa aduun nyaateera. Tokko tokko cicciteera. Bokkaan yeroo roobu tortorree bulla. Mooraan gaariin dhabamuurraa kan ka’e rakkoo hamtuu keessa jirra,” jedheera.
Dahoo (dukkaana) keessatti kan argine haadhoon Elemaa Boruu jedhaman akka ibsanitti hamma yeroo dhiyootti gargaarsi homaayyuu akka isaan hin qaqqabin dubbachuun yeroo dhiyoo as gargaarsi laatamaafii akka jiru himaniiru. Haata’u malee, gargaarsi godhamaa jiru gahaa akka hin taane dubbatu.
Loon 178 keessaa afur qofti kan hafeef obbo Huseen Shaanee gaddaa fi dhiphina sammuutiin kan dhukkubstan yoo ta’u guyyoota 38tiif talaalamaa turuun wayyaaheera. “Dur Boorana dhuftee bishaan yeroo gaafattu aannan si laata ture. Har’a garuu bishaan qoricha ittiin liqimsuyyuu hin qabu. Ummanni Booranaa kadhatee hin beeku. Haa ta’u malee, har’a gargaarsa eeggataa taaneerra,” jedheera. Gargaarsi namoota 35 hamma afurtamaa ta’aniif kennamu korojoo daakuu kiiloo 50 qabu afur kan hin caalleedha kan jedhe obbo Huseen maatii tokkoof kan gahu kiiloo shanii ol hin ta’uu jechuun gaddaan ibsaniiru.
Namoonni dhukkubsatan yaalaaf yeroo dhaqan qorichi as hin jiru waan ta’eef alaa bitadhaa akka jedhaman dubbateera. “Namni as jiru gara mooraa kanaatti kan dheesse sababa rakkinaatiini. Maallaqa qoricha ittiin bitatu eessaa fida? Filannoon jiru manatti galee du’asaa eeggachuudha. Haala kanaan namoonni du’an ni jiru. Maangudddoonni sababa kanaan du’an ni jiru,” jedheera.
“Buqqaattoonni rakkoo iddoo boqonnaa (manaa) ni qabu. Iddoon isaan bulan mijataa miti. Guyyaa ho’i hammaataadha halkanimmoo ni qorra. Bokkaan dhibeedhaaf isaan saaxilaa jira. Lakkoofsi namootaa guyyaa gara guyyaatti dabalaa waan jiruuf gargaarsi midhaan nyaataa godhamaa jiru xiqqaa miti. Hir’inni dhiyeeessii qorichaa jira. Manni fincaanii lakkoofsa buqqaatotaa wajjiin wal madaaluus hin jiru. Rakkoon hir’ina konkolaataa bishaan raabsuus aanicha keessa waan jiruuf bishaan haala gahaa ta’een raabsuun hin danda’amne,” jechuun bulchaan aanaa Dubuluq Abdulqaadir Alii Addis Standard’iif yaada laateera.
Daa’imman maanguddoonnii fi haadholiin harma hoosisan hubamaa waan jiraniif nyaataa fi garggarsa addaa akka isaan barbaachisu hogganaan kuni yeroo hunda gargaarsaan jiraachuun waan hin danda’amneef hojiin gara iddoo irraa buqqa’aniitti deebisanii qubachiisuu hojjatamu qaba jedhu. Amma bokkaan roobaa otuu jiruu loon qonnaaf tajaajilan immoo waan dhumaniif akka of danda’aniif gargaarsa gochuun dirqama. Haata’u malee, qonnaa fi hojiilee birootiin hamma of danda’anitti gargaarsi godhamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu akeekkachiisaniiru.
Rakkoo biraa bokkaan qaqqabsiise
Bokkaan waggoota shaniif dachii Booranaatti hin roobin ture torban sadi dura roobuu kan eegaluun rakkoo biraa hordofsiisaa jira. Abdulqaadir Alii akka jedhutti, dukkaanni buqqaatonni keesssa jiraatan irra caalaan kan ciccite waan ta’eef roobni buqqaatota tortorsaa dilallaa fi dhibee birootiif isaan saaxileera. Lolaan mooraa baqattootaa seenuun midhaan gargaarsaa laatameef jalaa balleessaa kan jiru ta’uu ibseera.
Sababa bishaan mooraa baqattootaa kana keessa ciiseef dhibeen busaa fi Koleeraa ni mul’atu shakkii jedhus kan qaban ta’u hoggantichi ibsuun utaalloon namoota hedduu irratti mul’achaa jira jedhaniiru. Qorichi bishaan qulqulleessuu fi gonfaan (Agoobar) hatattamaan qophaa’uu qaba jechuun waaamicha taasiseera. Qorichi bishaan qulqulleessu kanaan dura kan jiru ibsuun garuu gahaa miti jedheera.
Buqqaatonni hamma yoonaatti dukkaana hin argatin ciccitaa keessa jiraachaa bokkaadhaan rukutamaa jiran akka jiran mirkaneessuun gargaarsi agoobara, dukkaana, nyaataa fi qooricha akka taasifamu dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaatiif waamicha taasiseera.
Qotee-bultoonni godina Booranaa hongeetiin hubaman kunneen qotanii of danda’uu hin dandeenye. Buqqaatonni loon isaanii sababa hongeetiin waan dhabaniif qotanii ofiin of danda’uu hin dandeenye kan jedhan obbo Abdulqaadir, “Sanyii qopheessinee tiraakteeraan akka qotatan gochuuf kan yaalle ta’us tiraakteera argachuu hin dandeenye. Tiraakteera akka nuuf laatuuf godinicha gaafanneerra. Kireeffannee dhiyeessuus yaalleerra, garuu argachuu hin dandeenye. Namoonni tokko tokko harkasaaniitiin qotuu yaalaa jiru,” jechuun hubachiiseera.
Bokkaa dhiyeenya kana roobeen torban lama keessatti qofa re’een 57,000 ta’an aanichaa keessa du’aniiru. Re’oonni kunneen kan du’an hongeetiin kan hubaman waan turaniif roobaa fi dilalla dandamachuu dadhabuudhaan ta’uu addeesseera.
Dhumarratti, buqqaatota kanneen deebisanii ijaaruuf sanyii, xaa’oo, tiraakteera fi kan kana fakkaatan arjoomuun of akka danda’an gochuun brbaachisaa dha jedhaniiru.
Mooraa Alwayyaa Amboo (Amboo Xiqqittii)
Rakkoon mooraan baqattootaa Alwayyaa kan magaala guddoo godina Booranaan Yaa’aballoorraa fageenya kiloomeetira 100 irratti argamu keessa jiru kan Dubulluq irraa adda miti. Gargaarsi nyaataa buqqaatotaaf dhiyaatu gahaa waan hin ta’iniif daa’imanii fi maanguddoonni beelaa fi dhibeedhaaf saaxilamaniiru. Buqaatonni Addis Standard dubbise akka himanitti dhibee beelaan dhufaniin kan du’an ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Makanniisaa jedhamurraa ji’a sagal dura buqqa’uun gara Alwayyaa galuu kan himtu dargaggeettiin Dakii Galmaa yeroo dheerraadhaaf gargaarsi tokkoyyuu kan isaan hin qaqqabin ture ta’uu ibsuun maanguddoonni hedduu humna dhabuudhaan du’atti dhiyaatanii ture jetteerti. “Loon tokkollee nuuf hin hafne. Sababa hongeetiin hundumaa dhabne. Iddoo kanatti kan walitti qabamne sana boodadha,” kan jettu Dakii dukkaana dahoo godhatan dhabuun gara magaalaa deemanii kadhachuun daandiirra kan bulaa turuusaanii dubbatteerti.
Bulchaa gandichaa kan ta’e Happii Garbichaa mooraa baqattootaa kana keessa maatii 1,110 ol ta’an kan jiran ta’uu ibseera. Namoonni 400 ol ta’an dhiyeenya aanota naannawa sanatti argaman irraa buqqa’uun kan baqatan ta’uu hima. Hir’inni gargaarsaa ni jira tajaajila fayyaa dhabuurraa kan ka’e namooonni du’aa jiru jedheera.
Mooraan baqattootaa kuni hundeeffamuun dura namoonni sababa beelaatiin du’an kan jiran ta’uu Addis Standard’itti himeera. Amma kana maanguddoonni 30 ol ta’an kan dadhabanii xiyyeeffannoo addaa barbaadan ni jiru jedheera.
Buqqaatota gargaarsi hin qaqqabne baadiyyaa gara magaalaa
Buqqaatonni naannoo gargaarsi hin qaqqabinii jiraatan gara magaala Yaa’aballootti imaluun konkolaachistoota gargaarsa fe’anii magaala keessa geejjibaa turan faana deemuun gargaarsa gaafachaa turan akka jiran gaazexessitoonni Addis Standard daawwataniiru. Buqaatonni Addis Standard dubbise kunneen gargaarsi homaatuu kan hin argatin ta’uu eeruun bulchiinsa magaalaa Yaa’aballoo qaamaan gaafatanis namni isaan keessummeesse waan hin jirreef konkolaataa gargaarsa fe’an faana deemanii kadhachuuf kan dirqaman ta’uu hubachiisaniiru.
Dubartoonni 25 ol ta’an kan ganda Yuubdootii dhufne jedhan magaala Yaa’aballoo keessa naanna’uun gargaarsa argatan maatii isaanii beela’aniif kan geessan ta’uu himu.
Gaazexeessitoonni godina booranaa keessatti argaman mooraa baqattootaa hunda keessatti rakkoon wal fakkaataan kan jiru ta’uu kan hubatan yoo ta’u buqqatonni kunneen gargaarsa midhaan nyaataa, dukkaana dahoo, uffata, tajaajila fayyaa fi qorichaa fi meeshaalee qonnaa (tiraakteera dabalatee) hatattamaan kan barbaadan ta’uu buqqaatota irraa hubataniiru. AS