Geetaahun Laggasaa @Birmaduu2
Finfinnee, Adoolessa 07/2023 – Battaluma facaasaan gannaa bara 2015/2016 balbalarra jiru kanatti, xaa’oo waliigalaa kuntaala miliyoona 12 ol qonnaan bultoonni Itoophiyaa facaasaa ganna bara kanaatiif barbaadan keessaa kuntaala miliyoona 7.4 bitamee raabsamuuf gara biyyattii geejjibamaa jiraachuu korporeeshiniin daldala qonnaa Itoophiyaa beeksiseera.
Karaa biraatiin, rakkinni dhiyeessii xaa’oo karaa adda addaatiin isaan mudachuu fi gatii ol ka’aatiin gabaa gurraachatti seeraan alaan gurguramaa jiraachuu qonaan bultoonni tokko tokko Addis Standard’tti himaniiru.
Maalummaa fi ka’umsa himata kanaa fi rakkina hir’ina dhiyeessii xaa’oo maal akka ta’e adda baafachuuf Addis Standard qonnaan bultoota garaagaraa kutaa biyyattii garaagaraa jiraatan irraa odeeffateera.
Naannoo Oromiyaatti hir’inni xaa’oo jiraachuu qonnaan bultoota fi waldaalee qonnaan bultootaa ibsaniiru. Qonnaan bulaa godina Harargee Lixaa magaala Harar obbo Sheek Aliyyii Maammadee xaa’oon araddaa qonnaan bultoota aanaa isaaniitti kan hin argamne waan ta’eef xaa’oo barbaacha aanaalee dhiyeeenya jiran kan akka aanaa Kombolchaattii imalanii barbaadaa jiraachuu himaniiru. Dhabamuun xaa’oo hojii qonnaa naannichaatti “waanjoo ta’eera” jedhan.
Kana malees, xaa’oo jirus kan kennamu qonnaan bultoota miseensa araddaa qonnan bultootaa ta’an qofaaf “kootaadhaan” waan ta’eef maqaa namoota biraatiin bitachuuf yaalii taasisaa jiraachuuu ibsaniiru. Miidhaan naannoo isaaniitti faca’uu xaa’oo garmalee kan barbaadu waan ta’eef xaa’oo malee facaasuun omisha waan hin kennineef kasaaraadha jedhan.
Daldala seeraan alaa naannoo isaaniitti taasifamuun walqabatee gaaffii gaafatamaniif deebii kennaniin daldalli seeraan alaa jiraachuu eeruun gatiin isaa ol ka’aa waan ta’eef bitachuu isaan kan rakkise ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni godina Baalee aanaa Sinaanaa jalatti argaman Addis Standard dubbise keessaa tokko tokkos rakkoon dhiyeessii xaa’oo jiraachuu ibsuun gosti xaa’oo jirus isa NPSB jedhamu qofa yoo ta’u kan isaan barbaadan garuu UREA ta’uu himaniiru.
Godina Baalee aanaa Sinaanaa ganda Basaasaatti qonnaan bulaan miseensa waldaa qonnaan bultoota Sikkoo Mandoo kan ta’e obbo Tulluu Simee jedhaman Addis Standard’tti akka himanitti hir’ina xaa’oo jiraachuu mirkaneessuun hammi qonnaan bultootaaf kennamu hirmaannaa qonnaa bulaan qabu ilaalcha keessa galchuun kootaadhaan ta’uu ibsaniiru. Hammi kennamuu fi hammi qonnaabulaan barbaadu wal hin madaaluus jedhan.
“Ani fudhadheera haa ta’u malee, kan na gahe fudhadhe jechuu hin danda’u. Akkasumas, gosa xaa’oo barbaadu hin arganne; ani UREA barbaada garuu NPSB tu naaf laatame” jechuun hamma fi gosa barbaadu kan inni barbaadu kan hin argatin ta’uu ibseera.
“Qonnaanbulaan yeroo barbaade kanatti argachuuu hin dandeenye,” jechuun dhiyeessiin xaa’oo baranaa waqtiisaa kan eegatin ta’uu dhabuu dabalee addeessuun, “keessumaa UREA’n gonkumaa hin jiru,” jedheera.
Waldaa Qonnaan bultoota Sikkoo Mandootti hogganaa abbaa Adeemsa callaa guddiftuu kan ta’an Obbo Hasan Usmaan hamma yoonaatti dhiyeessi xaa’oo isaan bira gahee hamma barbaadamuu gadi ta’uu ibsuun kan isaan bira gahuus addaan ciccitee hamma xixiqqoo ta’een ta’uu addeesseera.
Akka Obbo Hasan jedhanitti waqtiin facaasaa gahee waan jiruun qonnaan bulaan xaa’oo barbaadaa jiraachuu ibsuun sababa hir’ina dhiyeessii xaa’ootiin rakkachaa jiru jedheera. “Amma fakkeenyaaf, xaaa’oo keeshaa 100 yookiin 200 ta’uu gara ganda tokkoo yoo ergine guyyaa tokko hin oolu; sa’aatii boodatti gurguramee dhumateera. Qonnaanbulaan harkaaf harkatti bitachaa jira,” jedheera.
Xaa’oon qonnaan bultootaaf kan raabsamuu kootaadhaan ta’uu ibsuun xaa’oo jiru kootaa barbaadamu sanaa gadiidha jedhe. Kootaa godinni Baalee qabate keessaa kan godinicha qaqqabe walakkaa (50%) gadi jechuun rakkinni xaa’oo hammaataa ta’uu ibsaniiru.
Gosti xaa’oo qonnaan bultootaan barbaadamu UREA ta’us kan isaan bira gahe garuu NPSB qofa ta’uu ta’uus dabalee himeera. “Isayyuu [NPSB] yeroo ammaatti wanti kuusaa keenyaa qabnu kuntaala kuma jaha hin caalu,” jechuun hir’inni xaa’oo hammaataa ta’uu hogganichi addeesseera. Bara darbe waqtii kanatti gosti xaa’oo barbaadamu hunduu kuusa keenya gahee qonnaanbultootaaf raabsameera jechuun kan baranaa adda ta’uu ibseera.
“Gatiin xaa’oo waldaan itti gurguru qaalii miti,” jedheera. Gatiin xaa’oo kiloo shantamaa qarshii kuma afurii gadi ta’uu himeera. Gatiidhaan walqabatee gaaffiin hawaasni kaasu baay’ee kan hin jirre ta’uu ibseera.
Daldala seeraa alaa karaa gabaa gurraachaatiin godhamaa jiruun walqabatee gaaffiin hogganaa adeemsa omisha guddisuu obbo Hasan gochaaan akkasii “baruma baraan ni jira” jechuun maddi isaa eessa akka ta’eefii akkamitti akka uumame wanti beekan kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.
Kana malees, godina Booranaa kan walitti aansuun waqtiilee qonnaa shaniif hongeedhaan miidhamaa turuun dhiyeenya kana rooba argatetti hogganaa waajjira qonnaa aanaa Areeroo Obbo Liiban Garbichaa hir’inni dhiyeessi xaa’oo jiraachuu ibsuun akka aanichaatti xaa’oon laatame kuntaala 200 qofa ta’uu himaniiru. Hammi xaa’oo aanichaaf dhiyaate kun kan barbaadamuun walbira qabamee yoo ilaalamu 25% gadiidha jedhe.
Hogganaan kun, “Daladalli xaa’oo seeraan alaa godina keenya keessa hin jiru,” jedhaniiru. Dabalataan gosti xaa’oo aanichaaf dhiyaate gosa xaa’oo tokko qofa (NPSB) ta’uu eeruun qonnaanbulaan garuu gosa xaa’oo biroo kan barbaadu ta’uu himeera. Akkasumas, gosti xaa’oo (NPSB) aanichaaf ergame kuni qonnaanbulaa aanicha keessa jiruun yoo wal bira qabnu kurmaana hin ta’u jedheera.
Rakkoon dhiyeessii xaa’oo fi hanna raabsaa kanaan walqabatee uumamu naannoo Oromiyaa keessatti qofa kan daangeeffame miti. Naannolee kan akka Amaaraa, Sidaamaa fi Tigraayitti illee rakkoon kun mul’achaa jira.
Daawwii miseensonni paarlaamaa koree dhimma qonnaa qoratu gara naannoo Amaaraatti godhaniin rakkoon daldaala seeraan alaa argamuu ibsuun mootummaan tarkaanfii cimaa akka fudhatamu mootummaa gaafachuu Addis Standard gabaasee ture. Sakatta’iinsa miseensonni kunnen godhanii xaa’oon kuntaala 6,165 ta’u kuusa waldaalee qonnaanbultootaa keessatti awwaalamee otoo jiruu qonnaanbulaan hir’ina xaa’ootiin rakkachaa jiraachuu ifa taasifameera.
Karaa biraatiin naannoo Amaaraatti qonnaan bultoonni rakkinni dhiyeeessii xaa’oo jiraachuu ibsuun magaala Baahir Daaritti Caamsaa 30, 2023 qonnaanbultoonni dhibbootaan lakkaa’aman hiriira nagaa bahanii ture. Xaa’oo nu qaqqaba jedhanii “abdiin eeggachaa turrus wanti isaan bira nu bira gahe hin jiru” ta’uus dhaadannoo hiriira mormicharratti dhageessisaniin ibsaniiru.
Qonnaanbultoonni kunneen si’a sadaffaatiif jirraattonni godina Gojjaam Lixaa aanaalee naannawa magaala Baahir Daar jiraatan Waxabajjii 19, 2023 hiriira bahanii ture. Hiriira kanaanis qonnaanbultoonni qaccee dhukaasaa magaala Baahirdaar keessa naanna’uun mormii dhageessisaniin “obsa fixanneerra” waan ta’eef kana booda “tarkaanfii fudhachuutti” ceena jechuusaanii VOA Amharic gabaaseera. Sababa hir’ina xaa’ootiin waqtiin facaasaa mishingaaa jala darbaa jiraachuu qoonnabultoonni kunneen ibsaniiru.
Akkasumas, xaa’oon gabaa gurraachatti karaa seeraan alaatiin daldaltoonni dhuunfaa gatii olaanaadhaan gabaadhaaf dhiyeessaa jiraachus qonnabultoonni hiriira bahan kunneen himaniiru. “Xaa’oon daldaltoota dhuunfaatiin gatii qaaliitiin gurguramaa jira. Nuti warri dadhaboon garuu isa argachuu hin dandeenye,” jechuun qonnabulaan tokko VOA’tti himeera.
Haaluma wal fakkaatuun qonnaanbultoonni naannoo Sidaamaa hanqina xaa’ootiin dadhabbiin qonna ganna baranaa isaanii gatii dhabuuf deemaa jiraachuu manni marii bakka bu’oota ummataa beeksiseera. Qonnaan bultoonni kunneen komii kana kan kaasan battala miseensonni paarlaamaa koree dhaabbataa qonnaa fi aanga’oota naannichaa wajjiin gandoota aanaa Bilaattee keessatti argamanitti qaamaan argamuun adeemsa qonnaa yeroo daawwatanitti ture.
Walitti qabaa koree dhaabbataa qonnaa kan ta’an obbo Salamoon Laalee hanqinni dhiyeessii xaa’oo rakkina sharafa alaa biyyattii mudateen walqabatee xaa’oo hamma barbaadamu si’a tokkoon bituu kan hin danda’amin ta’uu ibsi manni marichaa baase kuni addeesseera.
Waqtii qonnaa ganna ammaa kanaaf qofa xaa’oo kuntaala 21,000 qonnaan bultoota naannichaatiin kan barbaadamu ta’uu ibsuun torban keessatti qonnanbulaa bira kan hin geenye taanaan waqtiin qonnaa kan darbu ta’uu hogganaa biiroo qonnaa naannichaa Maammiruu Mookeemiin wabii godhachuun ibsichi ifa taasiseera.
Ilaalcha ogeessa diinagdee
Ogeessa fi qorataa dinagdee Guutuu Teessoo (PhD) rakkoon xaa’oo kan uumame sababa wal xaxaa fi bal’aa qaba haa qabaatu malee sababni ijooon qaala’iinsaa fi hir’ina dhiyeessii yeroo kanatti mudate qajeelaan ta’ee karaa diidagalaatiin rakkina hir’ina sharafa alaatiin kan walqabatu ta’uu aaraniiru.
Dr Guutuun yaada Addis Standard’iif keennaniin akka jedhanitti, ka’umsi dhabamuu xaa’oo dhiyeessii xaa’oo mootummaan sharafa biyya alaa xaa’oo bituuf oolu harkaa dhabuu agarsiisa jedheera. Kunis gaaga’ama dinagdee biyyattii kan garsiisuudha.
Akkasumas, mootummaan qonnarratti xiyyeeffannoo kennaa jira haa jedhu malee dhugaan jiru kana hin mul’isu. Omisha qonnaa guddifnee gara biyya laa ergina jedhaa turus xaa’oo omisha guddisuuf oolu dhiyeeessuu dhabuun xiyyeeffannoo mootummaan qonnaaf kennaa jiru gadi aanaa ta’uu kan mul’isu ta’uu ibseera.
“Mootuummaan akkuma silaa jechaa ture qonnaaf xiyyeeffannoo osoo kennee hojii xaa’oo bituu fi geejjibuu dursee xumuruu ni danda’a ture,” jechuun xiyyeeffannoon laatame gadi aanaa ta’uu himeera.
Daladalli xaa’oo seeraan alaatiin walqabatee yeroo dubbatetti, gabaan seeraan alaa kan uumamu qaala’iinsa gabaatiin walqabatee ta’uu eereera. “Hir’inni dhiyeessii jira taanaan namoonni malaammaltummaa fi qaxxamuraan badhaadhuu barbaadan karaa gabaa gurraachaatiin dhiyeessuun baramaadha,” jechuun daldala seeraan alaa dhabamsiisuuf mootummaan geejjibaa fi dhiyeessii xaa’oo sirriitti too’achuu kan qabu ta’uu dabaluun eereera.
Rakkoon dhiyeessi xaa’oo omisha miidhaanii gadi buusuun, gaaga’ama dinagdee hammeessuunii fi lammilee durumaa beela wajjiin wal’aansoo keessa jiran garmalee kan hubu ta’uu himeera. Mallattooleen akkanaa kuni dinagdeen biyyattii garam akka deemaa jiru agarsiiftuu ta’uu addeessaniiru. AS