Geetahuun Laggasaa @Birmaduu2
Finfinnee, Guraandhala 13, 2023 – Lammiileen haleellaa godinoota Giddaa Ayyaaanaa fi Kiiramuu kessatti uumame dheessuun gara magaala Giddaatti baqatan hanqina nyaataa fi tajaajila fayyaa hamtuu keessa jiru.
“Ji’a tokko yookiin lama keessatti daakuu kiiloo 25tu maatii tokkoof laatama. Tajaajila bishaan qulqulluu hin argannu. Lagaa waraaabna yookiimmoo binnee fayyadamaa jirra. Tajaajila fayyaas argachaa hin jirru,” baqataa magaala Giddaatti argamu Addis Standr’itti hime.
“Irra caalaan keenya dandiirra jiraanna. Halkan balbala namaa dura ciifna,” jedheera.
Buqqaatonni 30,000 ol ta’an kan magaala Giddaatti argaman rakkoo gaaga’ama namoomaa hamtuu keessa akka turan Addis Standard ji’a Muddee keesssa gabaasee ture.
Bulchaan aanaa Giddaa Ayyaanaa obbo Ijjiguu Guddataa Addis Standard’itti akka himanitti buqqaatonni 22,000 ta’an kan aanaa Kiiramuutii fi 13,000 immoo kan gandoota aanaa Giddaa Ayyaanaa jalatti argaman keessaa buqqa’an magaala Giddaa keessa jiru.
Bulchiinsi godina Wallagga Bahaa gargaarsi karaa aanaatiin akka godhamu waan murteesseef buqqaatonni aanaa Kiiramuuutii gara magaala Giddaa dhufan gara aanaa irraa buqqa’anitti akka deebi’an hubachiisni kennamuu himu Obbo Ijjiguun. Buqqaatonni deebi’an akka jiran eeruun irra caalaan garuu magaaluma Giddaa keessatti rakkachaa jiru jedhan.
“Buqqaatonni kunneen gara aanaa irraa dhufanitti akka deebi’an waamicha taasifna. Buqqaatota 22,000 anaa Kiiramuutii dhufaniif mana kireessuu hin dandeenyu. Filannoon jiru gara aanaa Kiiramuutti akka deebi’an taasisuun karaa aanichaatiin gargaarsa raabsuu dha,” Obboo Ijjiguutu jedhe.
Haaluma walfakkaatuun, bulchaan aanaa Kiiramauu Fiqaaduu Hundee gargaarsa fooyya’aa argachuu kan barbaadan gara aanichaatti akka deebi’an waamicha godheera.
Haata’u malee, buqqaatonni rakkoon nageenyaa akka jiru ibsuun gara aanichaa deebi’uu kan hin barbaanne ta’uu himu. “Rakkoon nageenyaa ture otuu hin furamin gara ganda keenyaatti deebi’uun rakkoo biraaf nu saaxiluu danda’a,” kan jedhe buqqa’aa maqaansaa akka hin eeramne gaafateedha.
“Nageenya naannichaa ammas amansiisaa miti. Erga humnoonni tika mootummaa iddoo gadi lakkisanii booda hidhaatoonnii Faannoo deebi’anii dhufuun haleellaa marsaa biraa eegaluu danda’u. Rakkoon akkasii kanaan duras uumamee ture,” baqataa aanaa Kiiramuutii dheesseetu jedhe.
“Hamma yoonaatti, mootummaan nageenya naannichaa deebisee mirkaneessuu hin dandeenye. Haata’u malee, gara aanichaatti [Kiirmauu] akka deebinuuf dhiibbaan nurratti godhamaa jira,” dabalee jedheera.
Mootummaan ka’umsa jeequmsichaarratti qorannoo gaggeessuun ittigaafatamummaa akka mirkaneessuus gaafateera.
“Qabeenyi keenya saamamee fi barbadaa’eera. Manneen lkeenya gubaniiru. Miidhaan lafa qonnaa keenyarra jirus barbadeessaniiru. Loowwan keenya saamaniiru. Kanaafuu, akka nuuf gaafatamaniin barbaanna,” jechuun hubachiiseera.
Haaleellaawwan lama kan Sadaasa 25 fi 29 aanaa Kiiramuu keessatti raawwataman kan jiraattonnii fi aanga’oonni aanichaa hidhattoota Amaara Faannoo ittiin yakkan namoota hedduu ajjeessuun jiraattota aanichaa guutuun akka buqqa’u taasiseera.
Lolli biraa Muddee 03 fi 04 humnoota nagenyaa naannichaa, humnoota feederaalaa, hidhaattoota Amaaraa Faannoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti taasifameen lubbuun namootaa darbuu fi namoonni hedduu buqqisuu gabaasonni adda addaa mul’isaniiru.
Aanga’oonni aanalee lamaanii nageenyi godinoota kanneen amansiisaa akka hin taane amananuun rakkoo jiru itti fufiinsaanfuruu fi nageenya amansiisaa buusuuf bulchiinsi aanaa hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Gargaarsi namoomaa buqqatotaaf laatamaa jiru kan barbaadamuu gadi ta’uu eeruun gargaarsa cimsanii akka itti fufan dhaabbatoota mootummaa fi dhuunfaa gaafataniitru.
Gabaasa UN Guraandhala 02 baaseen, lammileen sababa waraanaatiin aanaa Giddaa Ayyaanaatii ji’a tokko dura buqqa’an rakkoo hir’ina nyaataa fi tajaajiloota birootiif saaxilamuu eereera. Kibbaa fi Lixi Oromiyaa ammas rakkoo nageenyaa biraatiif keessa kan jiru ta’uu ibseera.
Rakkoo nageenyaa bara 2019 irraa eegalee lixaa fi Kibba Oromiyaa keesa tureen buqqatonni 740,000 ta’an kan lixa Oromiyaa daangaa naannoolee Amaaraa fi Beneishaangul Gumuzitti argaman gaaga’ama namoomaa yeroodhaa gara yeroo hammaachaa dhufeen hubamuu addeesseera. AS