Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa
Finfinnee, Adoolessa 18/2023 – Erga hundeeffame waggoota 13 kan lakkoofsise fi yeroo ammaa kana barreessitota 123 dabalatee miseensota 300 of keessatti hammatee Waldaan Barreessitota Oromiyaa (WBO), kitaaba haaraa kuusaa asoosamoota gaggabaaboo mata duree ‘SEEDAA Asoogawwan Biroo Waliin’ jedhuun qopheesse Dilbata, Adoolessa 23 bara 2023 ni eebbisiisa.
Barreessaa Waldaa Barreessitoota Oromiyaa kan ta’e Lalisaa Indiriis Adam waa’ee kitaaba Dilbata dhufu eebbifamuuf jedhu dabalatee hojiiwwan waldichi hojjechaa jiru fi danqaawwan isa mudachaa jiran irratti Addis Standard waliin turtii taasiseera.
Qabiyyeen kitaabichaa maali?
“Kayyoon keenya og-barruu mala saayinsawaan deeggarame katabuudha,” kan jedhu barreessaa Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Lalisaa Idiriis, kitaaba ‘SEEDAA Asoogawwan biroo waliin’ jedhu kana qopheessuu keessatti barreessitootni miseensa waldichaa ta’an 13 hirmaachuu hime.
Barreessitootni kunneenis dhaloota hunda bakka bu’uu kan danda’an ta’uu hima. “Kanneen akka Isaayyaas Hordofaa, Kumsaa Buraayyuu fi Mootummaa Asaffaan barreessitoota buleeyyii bakka bu’uu danda’u. Kanneen akka Yaasoo Kabbadaa ammoo dhaloota giddugaleessaa kan bakka bu’an yoo ta’u, Maartaa Kabitee fi Siifan Gammachuu akka barreessitoota ol adeemoo jechu ni dandeenya.Walumaagalatti barreessitoota 13 asoosama gababaa (Asoogawwan) kan katamuu irratti hirmaataniiru.”
Kuusaan asoosama gabaabaa kun qabiyyee kan akka aadaa, jaalala, siyaasaa, safuu, seenaa fi diinagdee of keessatti kan qabate ta’uu kan himu Lalisaan, kitaabni kun akka maxxanfamuuf dhaabbileen kan akka koolleejjii Akimoon Inisheetiivii fi mana barumsaa Lalisee Taalant jedhaman deeggarsa taasisuu hime.
Waldichi hundeeffama irraa kaasee…
Waldaan Barreesitoota Oromiyaa bara 2010tti barreessitoota gameeyyii Oromoo ta’an torbaan magaalaa Finfinnee keessatti hundeeffame. Barreessitoonni gameeyyii waldicha hundeessan kunneen Gaaddisaa Birruu, Isaayyaas Hordofaa, Mulugeetaa Tsahaayii, Masqaluu Balchaa, Toleeraa Fiqiruu fi Tafarrii Nuguseedha.
Pirezidaantiin jalqabaa Waldaa Barreesitoota Oromiyaa kan ture barreessaa Asoosama Afaan Oromoo Gaaddisaa Birruudha.
Akka Lalisaan jedhutti, yeroos dhiibbaan siyaasaa baay’ee jabaa waan tureef, waldichi waajjira mataa isaa hin qabu ture, kan walgahii gaggeessan mana nama dhuunfaa keessa ture. Walgahii waldichi hojii itti jalqabe mana Isaayyaas Hordofaa keessatti ta’ame ture. “Haalaa ulfaataa waldaan kun keessa darbaa tureen kitaabonni barreessitoota isaa irraa saamamuun ni ugguramuu ture. Akkasumas barreessitoonni ni hidhamu turan. Hoggantoonni waldichaas rakkoo akkuma kanaa keessa darbaa turan,” jedha Lalisaan.
Waldichi jalqabaa eeyyama kan argatee sadarkaa federaalaatti akka ture kan himu Lalisaan, haata’u malee danqaawwan gama mootummaa federaalaa irraa isa mudachaa tureen waldichi bara 2019 eeyyama isaa gara mootummaa naannoo Oromiyaatti jijjjiiruu kaase. “Sadarkaa federaalaatti maqaa sabaan waldaa dhaabbachuun hin danda’amu, yookaan waldaa barreeessitoota Itoophiyaatti makamaa nuun jedhaninnaan eeyyama keenya gara naannoo Oromiyaatti jijjiirree maqaa Waldaa Barreesitoota Oromiyaa jedhuun hojii keenya itti fufne.”
Waldaan kun yeroo ammaatti marsariitii fi jornaalii mataa isaa qaba. Bara 2022 kaasee badhaasa ogbarruu akka biyyattiitti kan jalqabaa ta’ee fi barreessaa hangafa Asoosama Afaan Oromoo ammayyaa Gaaddisaa Birruu yaadachuuf maqaa ‘Badhaasa Gaaddisaa’ jedhuun moggaafame jalqabeera. ‘Badhaasni Gaaddisaa’ barreeffamoota Afaan Oromootin hojjataman irratti kan xiyyeeffatee fi gosoota ogbarruu hunda akka badhaasu kan ibsame yoo ta’u, isaanis Walaloo, Asoosama (dheeraa fi gabaabaa), Wallee/Lyrics, Iskiriiptii (kan Fiilmii, Diraamaa, Tiyaatira) fi kitaabolee seenaa of keessatti kan qabateedha.
Gaaddisaan waldaa kana hundeessuun ala nama asoosama “Kuusaa Gadoo” jedhu yeroo jalqabaaf qubee Afaan Oromootiin barreessan ta’uun hangafummaan yaadatamu.
Waldaan kun yeroo ammaa kana waajjira isaa Giddu Gala Aadaa Oromootti godhatee kan argamu yoo ta’u, miseensota 300 ol of keessatti qabatee jira.
Kaayyoo hundeeffama waldichaa
Barreessaan waldichaa Lalisaan, kaayyoo hundeeffama Waldaa Barreessitoota Oromiyaa keessaa muraasni isaanii; barreessitonni dhiibbaa amantaa, siyaasaa, dinagdee fi saalaa tokko malee akka barreessanii fi uummataa bira gahan tumsuu akka ta’e hima.
Kana malees, barreessitoota haaraa dandeettiin isaanii sababa diinagdeen akka hin daangeeffamnee gochu, kitaaboota Afaan Oromoon katabamanii rakkoo tokko malee hawaasa dubbisuu bira akka gahan gochuu, dagaagina og-baruu Oromoof gahee isaa gumaachuu fi barreesitoota dandeettii isaanii guddifachuu barbaadaniif leenjii kennuu akka kaayyootti qabatee hojiitti bobba’uu ibse.
Hojiilee waldichi hojjataa jiru
Waldaan Barreessitoota Oromiyaa hojii namoomaa fi hojii ogbarruun walqabatan hojjachaa jiraachuu barreessaan waldichaa Lalisaa Idiriis Addis Standarditti himeera. Akka Lalisaan jedhutti, hojiilee kanneen ogbarruun walqabate hojjatee keessaa, barruu ‘Egeree’ jedhamu kan ji’atti al tokko maxxanfamuu, kitaaba ‘NAMUMMAA’ jedhu barreessitoota waldichaan barreeffamee ni eeramu. Akkasumas barreesitoota ol adeemoo kan sababa maallaqaan hojiin isaanii gabaatti hin baane wal dorgomsiisuun kitaaboota shan ispoonsara barbaaduun maxxansiisu danda’ee jira. Yeroo ammaa kana ammoo kitaaba ‘’SEEDAA Asoogawwan biroo waliin’’ jedhu maxxansisee dubbistoota bira gahuuf qophirraa jira.
Kana malees, dhimma ogbarruu kana irratti miidiyalee fayyadamuun hubannoo kennuu, dhimmoota aartii fi ogbarruu walqabatan waajjiraalee faana hojii hojjachuu, fi barreessitoonni hojii ogbarruu isaanii hawaasa bira akka gahuuf gargaarsa ogummaa fi xalayaa deeggarsaa ni taasisa. Akkasumas, bara 2019/20 yeroo barreessaa gameeyyii fi hundeessaa waldichaa Gaaddisaa Birruu dhukkubste sanatti sagantaa galii sassaabuu taasisuus Lalisaan himeera.
Rakkoo yeroo ammaa waldicha mudachaa jiru
“Waldaan Barreessitoota Oromiyaa rakkoo humnaa fi yaadaa hin qabu,” kan jedhu Lalisaan, rakkoon waldichi yeroo ammaa kana isa danqaa jiru rakkoo maallaqaa ta’uu eere. “Waldaan keenya rakkoo maallaqaa fi meeshaalee garaagaraa qaba. Gaggeessitoonni waldichaa maallaqa tokko malee hojii waldichaa hojjachaa jiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa waldicha hubachuun deeggarsa hin goone. Dhaabbileen dhuunfaa hedduus dhimma Afaan Oromoo ija siyaasaatin waan ilaalaniif deeggarsa gochu hin barbaadan,” jedhe.
“Namoota hubannoo og-barruu fi aartii qaban muraasatu nu deeggaraa jira.” Lalisaan namni fedhii qabu kamuu miseensa waldichaa ta’u akka danda’u himuun, namni hubannoo aartii qabuu fi eenyummaa isaatti boonu waan humna isaa danda’uun maallaqa fi ogummaa isaatiin waldicha cinaa akka dhaabbatu dhaamsa dabarfateera. AS