Finfinnee, Fulbaana 20/2022 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) gabaasa haaraa Fulbaana 19, 2022 baaseen rakkoon namtolchee fi uumamaa naannolee Itoophiyaa adda addaa keessatti mul’atu fedhii namoomaa olaanaa ta’e daran dabalaa jiraachu beeksise. Akkuma Karoora Deebii Namoomaa (HRP) bara 2022 keessatti ibsameen, namoonni miliyoona 20 ol ta’an hanga dhuma bara 2022tti gargaarsa namoomaa fi tajaajila eegumsaa ni barbaadu jedhe.
Walitti bu’insi kutaalee Itoophiyaa lixaa, kibba fi bahaa keessatti gaggeeffamaa jiru fedhii gargaarsa namoomaa dabaluu itti fufeera kan jedhe UNOCHA, walitti bu’iinsa Lixa Oromiyaa keessattuu Godinaalee Wallagga keessatti gaggeeffamaa jiru lakkoofsi buqqaatota daran akka dabalu taasisu ibse.
Akka gabaasni UNOCHA kun jedhutti, Bahaa fi Kibba Bahaa Itoophiyaatti, mootummaa fi michootni gargaarsa namoomaa qabeenya sochoosuun gargaarsa lubbuu baraaruu dameelee hedduu namoota gara miliyoona 17tti dhihaatan naannoolee hongeen miidhaman keessatti jiraataniif qaqqabsiisuuf itti fufanis, deebiin kennamaa jiru ammallee gahaa akka hin taane ibse. Hanqinni wabii nyaataa dabalaa dhufuun alatti, barnoota addaan kutuu fi yaaddoon nageenyaa baay’eedha.
Yeroo ammaa kana namoonni gara miliyoona 9.9 ta’an gargaarsa nyaataa kan barbaadan yoo ta’u, daa’imman, dubartoonni ulfaa fi harma hoosisan miliyoona 2.9 hanga dhuma waggaa kanatti gargaarsa nyaataa barbaadu. Barnoonni daa’imman miliyoona 1.4 ta’anis sababa godaansa hongeedhaan dhufuun, cufamuu manneen barnootaa ykn dhukkuboota daddarboo ta’aniin addaan citee jira. Dhukkuba busaa fi garaa kaasaa dabalatee dhiibbaan hongeen fayyaa irratti qabu dabalaa jira.
Haala walqabatuun Dhaabbatni Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) gabaasa Hordoffii Haala Qilleensa Gaanfa Afrikaa (kan Waxabajjii hanga Fulbaana 2022 jiru) Fulbaana 19, 2022 baaseen haalli qilleensaa gogaa fi ho’aan ji’a Waxabajjii hanga Hagayyaatti itti fufiinsaan mul’ate dhiibbaa gogiinsa Somaaliyaa, Keeniyaa fi Kibba Itoophiyaa irratti geessise hammeesseera jedhe. Gogiinsi yeroo dheeraa fi ho’a haala idilee caalaa ta’een mul’atu kun tuuta beeyladaa laaffisee, oomisha midhaanii fi biqiltoota balaa irra buuse, hanqina bishaanii dabaleera. Kunis galii maatii gadi buuse, fi buqqa’iinsa namaa dabaleera jedhe.
Kutaalee Itoophiyaa (Naannoo Kibba, Giddu galeessa, Kibba Affaar, fi Baha Oromiyaa) kanneen waqtii kanatti rooba gaarii argachaa turanitti rooba giddu galeessa gadi ta’e galmaa’eera. Akkaataa raaga haala qilleensaa waqtiin Gaanfa Afrikaatti yeroo Onkoloolessa – Muddee keessatti waqtii shanaffaaf walitti aansuun rooba gadi aanaa akka mul’atu agarsiisa. Kunis haala gogiinsa jiru hammeessuu fi hanga sassaabbii itti aanu walakkeessa bara 2023tti hanqina nyaataa dheeressuun maatii oomisha midhaanii ijoodhaaf rooba Onkoloolessa – Muddee irratti hirkatan irratti dhiibbaa fida. Kunis namoota baay’ee hanqina wabii nyaataa hamaaf akka saaxilaman taasisa.
Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti naannolee hongeen miidhaman keessatti beeyladoota qabeenya hawaasni jireenyaaf itti hirkatan lakkoofsaan miiliyoona 9.2 ol ta’an sababa gogiinsa fi hongeetiin du’u isaani UNOCHA beeksiseera. AS