Biruk Alamuutin @Birukalemu21
Finfinnee, Caamsaa 13/2022– Paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo(KFO) Itoophiyaan maraammartoo “Kufaatii siyaasaa, walwaraansi fi kufaatiin diinagdee” keessa jiraachuu eeree waraanni akka dhaabatuu fi mariin biyyaalessaa dhugaa akka taasifamu waamicha dhiyeesse.
Ibsa kaleessa magaalaa Finfinneetti laateen paartichi, “Eddoowwan garaa garaa biyyattiitti keesummatuu Kaaba Itoophiyaatii waggaa tokkoo fi ji’oota 8ti °tiff waraanni gaggeefamaa jiruu du’a namoota kumoota dhibbatti lakkaayamaniif,buqqaatii miiliyoonotaaf,manca’uu qabeenya Birrii biiliyoonota dhibbaaatti shallagamuuf sababaa ta’ee jira. Biyyatiis gara qamara gaaga’amuu waliigalaatti geessee jira. Naannoleen Tigraay, Affaar, Oromiyaa fi Beenishaangul-Gumuz kallatiin yoo hubaman, naannoleen irra hafanis balaa waraanichaatiin miidhamaa jiru.” jedhe.
Gaaga’amni siyaasaa Itoophiyaa keessatti mul’atu, “ Kufaatiin siyaasaa biyyaa, Walwaraansi fi kufaatiin diinagdee kallatiin kan walqabataniifi walitti hidhama qabaniidha. Furmaanni isaas walwaraansa dhaabuun rakkoolee keenya gara marii dirree siyaasaatti deebisuu dha.” jedhe KFO’n.
Haa ta’u malee “Yeroo ammaa kana sochiin maqaa marii biyyoolessatiin gaggeeffamaa jiru adeemsa posaa ta’uu bira darbee rakkoolee jiran kan daran hammeessuu adeemsa balaa qabuudha. Komishiniin ijaarames ta’e adeemsi isaa walabas, hirmaachisaas miti.” jedhe.
Ji’oota muraasa dabran keessa Oromiyaa qofatti lammileen nagaa 297 humnoota mootummaatiin yoo ajjeefaman
KFO
Paartichi walwaraansa giddutti marii biyyaaleessaa adeemsisu akka hin danda’amne ibsuun, mootummaan waraanicha dhaabee dhimmicha gara marii siyaasaatti akka dhiyeessu fi uummata akka boqochiisu gaafateera.
Guutuu ijoo dubbii
1. Kufaatii siyaasaa, walwaraansi fi kufaatiin diinagdee marsaalee rakkoo kalattiin walhidhata qabaniifii Itoophiyaa goolaa jiraniidha.
. Baldhina lafaatinis ta’e baay’ina ummataatiin guddicha kan ta’e Naannoon Oromiyaa akkasumas ummani baldhaan Oromoo wagoota afran darbaniif nagaaf tasgabbii argatee hin beeku. Yeroo amma haasayaa jirru kanatti, godinaalee Oromiyaa gara garaatti walwaraansi dhiiga namaa gadinaqu ija adugnaa jalaa dhokfamee gaggeeffamaa jira. Keesumattuu ji’oota muraasan asi haleellaan lammilee nagaa irra gahagaa jiru daran dabalee jira.
. Ji’oota muraasa dabran keessa Oromiyaa qofatti lammileen nagaa 297 humnoota mootummaatiin yoo ajjeefaman; manneen heddu gubatanii jiru; sababaa waraanatiin namoonni 500,000 of ta’an yoo buqqa’an; manneen barmootaa dhibootatti lakkayaman cufamanii hospitaalotaafi wiirtuleen fayyaa cufamanii tajaajila ala ta’anii jiryu. Namoonni ajaja mana murtiin ala hidhamu, hiraarsis irratti gaggeeffama; cinaan murtii malee ajjeefamu,cinan ukkamfamanii dhabamsiifamu. Sirni haqaa akkamalee laafee jira; ajajni mana murtii qaama bulchiinsaatiin salphatti irra dabrama. Kibba Oromiyaatti horsiisee bulaa fi qonnaan bulaan Oromoo sababaa hoongeetiin loon miliyoonatti laakaayamu yoo dhabu, Godina Booranatti qonnan bbulaan Oromoo ilmaan ofii akka qotiyyotti camadee lafa ofii akka qotu dirqamee jira. Seenaa dheeraa isaa keessatti ummani Oromoo gidiraa akkanaa argee hin beeku.
. Eddoowwan garaa garaa biyyattiitti keesummatuu Kaaba Itoophiyaatii waggaa tokkoo fi ji’oota 8ti oliif waraanni gaggeefamaa jiruu du’a namoota kumoota dhibbatti lakkaayamaniif,buqqaatii miiliyoonotaaf,manca’uu qabeenya Birrii biiliyoonota dhibbaaatti shallagamuuf sababaa ta’ee jira. Biyyatiis gara qamara gaaga’amuu waliigalaatti geessee jira. Nannoleen Tigraay, Affaar, Oromiyaa fi Beenishaangul-Gumuz kallatiin yoo hubaman, naannoleen irra hafanis balaa waraanichaatiin miidhamaa jiru.Humnoonni Faannoo, Milishaa fi Humni Addaa Naanoo Amaaratiin deegaraman, Naanoolee Amaaraa, Oromiyaa fi Beenishaangul-Gumuzitti ajjechaa lammilee nagaa, mana gubuu fi saamicha midhaani fi loonii irratti baldhinaan bobba’anii argamu. Naannoo Amaaratti waraana kaabaa hordofee humnoonni seeran ala gurmaawanii hidhatanii socho’an baldhinaan muldhachaa yoo dhufan, nageenya naanichaa, naannolee ollaafii biyya guutuufis sodaa nageenyaa ta’aa jiru.
.Jibbaa amantii fi haleellaa amantii adda baasee marsaa gara garaan raawwatamuun lammileen Iubbu dhabanii kan dabalaa dhufe yoo ta’u; warri badii geesse seeraaf dhiyatanii yoo adabaman heduu hin muldhatu. Rakkoo kanaaf fakkeenya kan ta’u magaalaa Goondari fi Dabaarqitti ajeechaa Muslimoota 20 oli fi barbadeessuu masjiidotaa, akkasumas haleellaa bataskaana magaalaa Waraabetti dhiheenha kana gaggeffaman kaasuu danda’ama.
Walwaraansi yoo furmaata hin argatin, gaaga’amni siyaasaa fi kufaatiin diinagdee biyyattii daran haamaataa fi walxaxaa deemun isaa hin hafu.
KFO
. Sababaa waraanatiin yeroo ammaa kana biyyattiin kufaatii diinagdee hamaa keessa galtee jirti. Qoteebulaan oomishuu hin dandeenne; hanqina meeshalee bu’uuraa; qaalayiinsa jireenyaa too’annoo ala babe; garmalee qabbanaayuu daldalaa;hanqina sharafa alaa hamaa; kaapitaalli biyyaa miliquu hamaa fi invasitimantii alaa garmalee hir’achuun uumamee jira; Warshaawwan dhibbootatti lakkaayaman cufamanii jiru. Kunis jiruu ummata irratti hammeessee, hojidhabdummaa babaldhisee jira. Sababaa hoongeetiin hanqinni roobaa uumame gara beelaatti akka j ijj tramu godhee jira.
. Waraanichi muramuu waahilummaa daldalaa (akka AGOA) dabalatee, deegarsa baajataa fi liqii biyyoota alaa irraa argamu akka adda muramu yoo godhu; qoqqobii diinagdee fi dipiloomasii hordofsiisee jira.
. Walwaraansi yoo furmaata hin argatin, gaaga’amni siyaasaa fi kufaatiin diinagdee biyyattii daran haamaataa fi walxaxaa deemun isaa hin hafu.
.Kufaatiin siyaasaa biyyaa,Walwaraansi fi kufaatiin diinagdee kallatiin kan walqabataniifi walitti hidhama qabaniidha. Furmaanni isaas walwaraansa dhaabuun rakkoolee keenya gara marii dirree siyaasaatti deebisuu dha.
. Tarsiimoo cehumsa siyaasaa marii irratti hundaaye dursee qophaayuu dhabuun; paartiin biyya bulchu Heera cabsee filannoo dabarsuun; carraan juramaa fi cehumsaa qisaasamuu fi qolamuun isaa gara walittibu’iinsa siyaasaa ol’aanaa akka deemufi; dhuma irratti walwaraansa ammaa uumee jira. Waraannis kufaatii diinagde keessa jirru dhalee jira.
. Akka KFOtti jalqabumarraa waraanicha kan balaaleffane yoo ta’u gareen hundi gara marii nagaa akka dhiyaatan yaamaa turre. Garuu gurra dhagahu hin arganne. Burqaan bu’uura waraana kanaa aadaa siyaasaa boodatti hafaa garaagarummaa siyaasaa humnaan furuu keessaa bahuu dadhabameedha.
. Ajjeechaa lammilee nagaa Oromiyaa fi eddowwan biyyattii adda addaatti humnoota mootummaatiin dabalatee raawwatamaa jiru cimsinee balaaleffanna. Haleellawan amantaa fi eenyummaa sabaa dahoo godhatee raawwatamu kamuu ni balaaleffanna. Ajeechaa jumlaa lammilee nagaa irratti Oromiyaa fi naannolee biyyattii adda addaatti dhiheenya kana raawwatamanii fi raawwatamaa jiran qaama idil adugnaa bilisa ta’een akka quiqulleeffaman fi yakkamtoonni seeraaf akka dhiyaatan gaafanna.
. Dhukaasni atattamaan dhaabbattee,walwaraansi akka goolabamu; dhimmichi gara marii siyaasa akka dhufu fi, gaaga’amni ummata keenna irra gahaa jirus akka hir’atu gaafanna.
. Hooggansa ol’aanoo KFO fi ABO dabalatee hidhamtoonni siyaasaa hundi akka hiikamanii qaama adeemsa siyaasa nagaa akka taasifaman irra deebin gaafanna.
2. Biyya teenya baraaruuf marlin biyyoolessa dhugaa furmaata filanno hin qabne.
. Rakkooleen keenya hedduu fi walxaxaadha. Humna paarti biyya bulchus ta’e garee siyaasaa tokkoo qofti Qabatama amma jiruun paartiin biyya bulchu kufaatii hamaa bulchiinsa biyyaa irratti isa mudate haqummaan amanee fudhachuun carraa biyya baraaruu uumuun isa irraa eeggama.
. Kana gochuuf immoo karaan filannoo hin qabne marii biyyoolessa hunda galeessa dhugaa; kan qaama walabaa fi amanamaa ta’een gaggeefamu; deegarsa ummata baldhaa fi kan hidhatanii mootummaan falmaa jiran dabalatee humnoota siyaasaa hunda hamate ta’uu isaa irra deebiin ibsina.
. Yeroo ammaa kana sochiin maqaa marii biyyoolessatiin gaggeeffamaa jiru adeemsa posaa ta’uu bira darbee rakkoolee jiran kan daran hammeessuu adeemsa balaa qabuudha. Komishiniin ijaarames ta’e adeemsi isaa walabas, hirmaachisaas miti.
. Paartiin aangoo mootummaa too’ate barcummaa amma qabatee jiruu olitti akka yaadufi biyya baraaruu irratti akka xiyyeefatu gaafanna. Adeemsas ta’e bu’aa marii biyyoolessaa kophatti too’achuuf godhu dhaabee ardaa siyaasaa akka banu gaafanna.
. Walwaraansa jiddutti mariin biyyoolessaa gaggeefamuu hin jiru. Kanaafuu qaamoleen walwaraanaa jiran hundi dhukaasa dhaabuun dhimma isaanii gara marii ardaa siyaasatti akka dhiyeeffatan gaafanna.
. Bu’ as siyaasaa yeroo gabaabaa caala yoo baldhifnee yaaduu hin dandeenye, ummata keennas gaaga’ama irraa oolchuu, biyya keenyas kufaatii waliigalaa irra baraaruu hin dandeenye.
Galatoomaa,
Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Caamsaa 4/2014
Finfinnee