Finfinnee, Onkoloolessa 26/2022 – Madaallii Ol’aantummaa Seeraa Pirojeektii Haqaa Addunyaa (WJP) bara 2022 Onkoloolessa 25 ba’e akka mul’isutti qabxiin madaallii ol’aantummaa seeraa Itoophiyaa waliigala Indeeksii bara kanaatiin 3.6% gadi bu’uu ibseera. Itoophiyaan qabxii madaallii kan bara darbe irraa sadarkaa tokkoon gadi bu’uun biyyoota addunyaa 140 keessaa sadarkaa 123ffaa irratti argamti.
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii argaman 34 keessaa sadarkaa 27ffaa irra jirti. Biyyoota naannoo kana keessaa ga’umsa olaanaa kan agarsiifte Ruwaandaa yoo taatu (akka addunyaatti biyyoota 140 keessaa sadarkaa 42ffaa irra jirti), ishee itti aanuun Moorishiyasii fi Naamibiyaan sadarkaa ga’umsa olaanaa agarsiisaniiru. Biyyoonni sadan naannichatti qabxii gadi aanaa qaban ammoo Mooriitaaniyaa, Kaameeruun, fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo yoo ta’an, akka addunyaatti sadarkaa 137ffaa irratti argamu.
Waggaa darbe keessa biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadi argaman 34 keessaa 20 sadarkaan isaanii gadi bu’eera. Biyyoota 20 sana keessaa 15 ammoo waggaa isa dura keessas gadi bu’aniiru.
Afgaanistaan, Burkinaa Faasoo, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Gaambiyaa, Giinii, Laayibeeriyaa, Madagaaskaar, Maalaawii, Maalii, Moozaambiik, Niijar, Ruwaandaa, Seeraaliyoon, Sudaan, Togoo, Yugaandaa dabalatee biyyoota galii gadi aanaa qaban 17 keessaa Itoophiyaan sadarkaa 13ffaa irra teesse.
Ragaan jalqabaa Pirojektii Haqaa Addunyaa, kan biyyoota 140 fi aangoo murtii addunyaa madaale, biyyoota bara kanaaf qorataman keessaa Itoophiyaa dabalatee kanneen dhibbeentaa 61 (61%) ta’anitti olaantummaa seeraa kabajuun akka gadi bu’e agarsiisa.
“Ragaan madaallichaa akka agarsiisutti, adeemsi abbaa irree weerara Covid dura ture – kan akka aangoo raawwachiisummaa irratti sakatta’iinsa laafaa ta’uu fi haleellaa miidiyaa irratti raawwatamu dabaluu – olaantummaa seeraa addunyaa irraa balleessuu itti fufeera,” kan jedhe WJP, olaantummaa seeraa sirna waaraa seerotaa, dhaabbilee, safuu, fi waadaa hawaasaa; itti gaafatamummaa, seera haqa qabeessa, mootummaa ifa, fi haqaa dhaqqabummaa qabu kan kennu jechuun hiika.
Haa ta’u malee, gadi bu’iinsi kun kan bara darbe, yeroo sababa weerara Covidiin sirna haqaa haala ajaa’ibaatiin jeeqee fi mootummoonni aangoo atattamaa bilisummaa lammummaa hir’isuu fi mala iftoominaa hamibisan waliin walbira qabame yoo ilaalamu kan baranaa bal’inaan kan hin mul’anne fi garmalee kan hin taaneedha.
“Kufaatiin guddaa addunyaa bara kanaa keessa muraasni sababoota Madaallii abbaa irrummaa dabalaa jiruu fi olaantummaa seeraa yeroo dheeraadhaaf balleeffamuu wajjin kan walqabatan turan. Bara kana biyyoota harka sadii keessaa lama keessatti kabajni mirgoota bu’uuraa gadi bu’eera. Sakatta’iinsi aangoo mootummaa— kan akka to’annoo qaama haqaa, seera baastuu, fi miidiyaatiin- bara kana biyyoota 58% keessatti gadi bu’eera,” kan jedhe WJPn akka addunyaatti namoonni biiliyoona 4.4 biyyoota olaantummaan seeraa waggaa darbetti gadi bu’e keessa jiraatu jedhe.
“Weeraricha keessaa ba’aa jirra, garuu kufaatiin olaantummaa seeraa addunyaa itti fufee jira,” jette daayreektarri olaantuu Pirojektii Haqaa Addunyaa (WJP) Elizaabeet Andarsan. “Olaantummaan seeraa waa’ee haqa qabeessummaati–jechuunis, itti gaafatamummaa, mirga walqixaa, fi haqaa hundaaf ta’uu isaati. Akkasumas addunyaan haqa qabeessa hin taane, jijjiirama kan hin qabne ta’uun isaa hin oolu.” AS