Finfinnee, Waxabajjii 6/2022– Baatii Shanii as hidhaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhuun raawwatamuu hammate jiraattootni Godina Arsii fi Arsii Lixaa Addis Standarditti himaniiru.
Barsiisa Gammadii Wabii Nageelle Boranaatti mana Barnoota Sadarkaa 2ffaatti barsiisaa ture sirna awwaalchaa irraa qabamuu himti obboleettiin isaa Zayituunaa Wabii. “Baatii lama dura gaafa guyyaa 22/03/2022 magaalaa shashamannee keessatti , sirna awwalchaa Maanguddoo Oromoo Hajii Hasan Gammadaa irratti namoota heddu waliin qabamee hidhame” jetti.
Sababa barsiisaa Gammadiin hojii isaarraa hidhameef wayita poolisoota buufaticha jiran gaafatan, “Nuti waanti beeknu hin jiru warra tikaatu adaraadhan nu bira kaawwate, kan hidhes, kan hiikuu danda’ullee isani nuun jedhani” jette Zayituunan.
Gammadii waliin namootni 16 ta’an sababa siyaasa wal-fakkaataan buufaticha keessatti hidhamanii akka jiran kan eertu Zayituunaan, gaaffii tokkoo malee ja’a tokko oliif erga hidhamanii booda nama bakka buufachuun akka mana murtiitti dhiyaataniif hiyyatanii gaafa guyyaa 28/08/2014 yeroo jalqabaaf mana murtiitti dhiyaachu eegaluu himti.
Himannaan irratti banames Waraana Bilisummaa Oromoo (Kan Mootummaan Shanee jedhuun) waliin “hariiroo qabduu” jedhamuun ta’uu fi namootni nagaan haala wal fakkaatun magaalaa shashamannee fi magaalaa Kuyyaraa bakka adda addaa keessatti “hidhamanii akka jiran quban qaba” jette.
Mo’ataa fi Abdullaakim obboleeyyan lamaan magaalaa Shashamannee Buufatuma poolisii 08 keessatti baatii Bitootessa darbe as hidhamanii jiru. Obboleessi isaanii Wabii Huseen “shororkeessitoota waliin hariiroo qabdu” kan jedhuu akka himataman eeree “qaamni himata kana irratti dhiyessee ragaan mana murtitti dhiyeessuu hin dandeenye” jedhe.
Akkuma hidhamtoota biroo mana murtiitti dhiyaachuuf iyyataniiru, “Iyyata akka mana murtitti dhiyataniif yeroo 3ffaaf barreeffataniin amma mana murtitti dhiyaachuu eegalaniyyuu, manni murtii beellamaan deddebisuu malee furmata tokko hin kennineef” jedhe Wabiin.
Ijaan argee Nyaata itti kennuun alatti obboloota isaa waliin dubbiin biraa waan dhorkamuuf akkaataan qabiinsa isaanii fi sarbamni mirga irratti raawatamuu akka hin oollee yaaddoo qabus Wabiin Addis Standarditti himeera
Firoomsaa Fiqaaduu barataa kutaa 12 xumuree gara Yuunivarsiitii deemuuf qophaa’aa ture. Guyyaa Ayyaana Sooma hiika hordoftoota Amantaa Islamaa maatii isaa biratti dabarsuuf magaalaa Shashamannee irraa Aanaa Qoreetti utuu imalaa jiru konkolataa irraa buufamuun buufata poolsii anichatti hidhame.
Sababa hidhamuuf wayita gaafatu ammoo “Ilaalcha mootummaa fonqolchuu qabda” akka isaan jedhan hima. Isa malee namootni haala kanaan buufata Poolisii Aanichatti hidhaman kudha tokko ji’a afurii oliif mana murtiitti utuu hin dhiyaatin turan waliin, hidhamuun torban lama booda namoota kudha lamaan ta’uun mana murtiitti dhiyaachu hime.
Haala mana hidhaa keessa ture yeroo ibsu “manneen hidhaatti mallattoo ittin walii galantu jira. Dhimma haala yerooti jedhamnaan ol galuu qofa malee gaafiiin biraa hin jiru. Namootni baay’een eenyu akka isaan hidhuu fi maalif akka hidhamanillee akka hin beekan, namoota hidhamtoota gaafachuu achi dhaqan dabalatee namootni haraan yeroo yeroon qabamuun achitti hidhamaa turan” jedha.
Firoomsan himanni isarratti dhiyaate heddu ta’uu fi keessumaa Waraanna Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdaa kan jedhuun torban sadii oliif erga hidhamee booda ragaan waan irratti hin dhiyaanneef wabiin akka hiikame Addis Standarditti hime.
Umar Boonsamoo manguddoo Aanaa Nansaboo Ganda Baddeessaati. Ilmi isaa Abdulqaadir baati 6 dura poolisootan qabamuun godina Arsii Lixaa buufata poolisii Aanaa Nansaboo keessatti hidhamuu Addis Standarditti hime. “Himanni Shororkeessummaa irratti dhiyaachuun manni murtii bilisa basuullee Poolisii fi bulchiinsi didanii achitti hambisani” jedhe. Jireenya dhuunfaa fi qaala’iinsa jireenyaa jiru waliin amma nyaata fi bishanillee bitee achitti geessufiin akka itti ulfaate himeera.
Erga mana murtiitin bilisa ba’ee booda “namoota biroo afur waliin ‘yaalii fonqolcha mootummaatin’ himatni irratti dhiyaatee baatii Ebla darbe ammas manni murticha Wabii birrii kuma 5tin akka ba’an ajajullee hiikamuu hin dandeenye” jedhe. Kana Malees torban lamaan dura namoota gandoota Aanichaa adda addaa irraa qabamuun buufaticha keessatti hidhamuu fi walumaa galatti hangi namoota 30 ol ta’an sababa WBO waliin hariiroo qabdu jedhamuun hidhamnii jirachuu arguu himeera.
Godina Arsii Lixaa Aanaalee akka, Heeban, Adabbaa, Dodolaa fi bakkeewwan adda addatti hidhaan wal fakkartaan jirattoota irratti rawwatamaa jirachuu maddeen kan eeran. Godina Arsii keessaa ammoo Aanaalee akka Muunessaa, Collee, Shirkaa fi Boqojjitti illee gochi wal fakkataan rawwatamaa jiraachuu Jiraatan Aanaa Muunessaa Amaan Jaarsoo Addis Standarditti himeera.
Labsii duula farra riphee lolaa jedhu kan guutuu Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru hordofee Godinaalee lamanitti jumlaan namoota hidhuu fi dararuun kan hammataa dhufe ta’uudha kan jiraattonni himan. Hammachuun hidhaa kun “Aanaalee, Magaaloota godinaalee Arsii fi Arsii lixaa keessatti ammayyuu labsiin yeroo muddamaa dhokataan hojiirraa oolaa akka jiru agarsiisa” jedhe Firoomsaan.
Godinaalee kanneen keessatti namootni ilaalcha siyaasaa mootummaa hin deeggarre, dargaggootni qeerroo jijjiiramaa hin taane, miseensootni fi deeggartootni paartilee mormitoota kanneen hidhan dhimma haala yeroo kanaaf daran saaxilamaniidha. Namootni haala kanaan hidhamanii jiran hedduun mana murtiitti utuu hin dhihaatinii fi adeemsa seeraa tokko malee baatilee hedduuf dararamaa jiru. Godina Arsii lixaa qofa keessatti miseensootni Kongireensii Federalawaa Oromoo 30 ol ta’an hidharra akka jiran Dura taa’aan Paartii Kongireensii Federalawaa Oromoo kan Arsii Lixaa Daraaroo Duubee Addis Standarditti himeera.
Hidhaan jumlaa fi sarbamni mirga namoomaa cimaan lammiilee nagayaa irratti rawwatamu daranuu kan hammaate erga Mootummaan labsii riphee loltoota balleessuu jedhu guutuu Oromiyaa irratti labsee kaaseeti.
Haa ta’uu malee Bulchaan Godina Arsii Lixaa Ahimed Hajii namootni nagaan hidhamuu haaludhaan, kanneen hidhaa jiran namoota “ ergama diinaa fudhatanii nageenya ummata jeequuf socho’aa turan qofaadha” jedhe. Garuu ragan kana agarsiisu mana murtitti maalif irratti dhiyaachuu akka dadhabe, gaafii gafatameef Ahimed, “hidhamtoota hedduu irratti dhiyaatee jira, isa kaan ammoo ragaa funannee qindeessinee dhiyeessa jirra” jedhe.
Kantiibaa Magaalaa Shashamannnee Woshoo kadiir, akkasumas, Hogganaa Itti aanaa Biiroo dhimma Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Koloneeel Abbabaa Garasuu dubbisuuf yaaliin Addis Standarditti taasise hin milkoofne.
Koloneel Abbabaa Garasuu baatii Eblaa darbe turtii Faanaa Biroodkaastiing Korporeet waliin taasiseen tarkaanfii godinaalee sagal keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo(Kan mootummaan shanee jedhee waamu) irratti fudhatameen uummatni tasgabbii fi boqonnaa argateera, garichis akka kanaan duraa sodaa nageenyaa hin ta’u jedhe.
Baatii Bitootessa darbe, yaa’ii Caffee Oromiyaa irratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa,“adeemsa riphee loltoota fashaleessuuf qajeelfamni qophaa’ee hojiitti galamaa jira, ji’oota muraasa keessatti jijiiramni guddaan akka dhufu abdii guddaa qabna.”jechuun Caffeef mirkaneesse. Kana malees ”Samiidhaa gaditti waan godhamuu qabu hunda goonee uummatni keenya akka nagaa argatu ni goona” jedhee ture
Paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo(KFO) ibsa Caamsaa 13, 2022 miidiyaaleef kenneen “batiwwaan muraasa dabran keessa Oromiyaa qofatti lammileen nagaa 297 humnoota mootummaatiin ajjeefamuu, manneen heddu gubachuu namoonni ajaja mana murtiin ala hidhamu, dararaan irratti gaggeeffamuu, ukkaamsaa fi ajjeechaan Oromiyaa keessatti rawwatamaa jiraachuu” eeruun haleellan akkasii kun akka dhabbatuuf waamicha dhiyeessera. Addi Bilisummaa Oromoo ABO ‘nis miidhaawwan jumlaa Oromiyaa kutaalee garagaraa keessatti raawwatamaa jiru qaamni idil-addunyaa akka qoratu gaafateera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ammoo ibsa Caamsaa 22, 2022 baaseen tibbana tarkaanfii humnootni nageenyaa mootummaan federaalaa fi naannoo “ol’aantummaa seeraa qindaa’aa” jedhu jalqaban hordofee namootni hedduun hidhamuu ifoomsera. Haa ta’uu malee hidhamtoonni hedduun ajaja mana murtii malee hidhamuu, hedduun mana murtiitti akka hin dhiyeefamne, kanneen miseensota maatiin akka hin gafatamne dhorkaman, Muraasni ammoo manneen hidhaa idileen alatti hidhamurraa kan ka’e maatiin isaanii eessa akka jiranuu kan hin beekne ta’uu Komishiinichi bira ga’uu eeruun “Hidhaan qajeeltoowwan bu’uuraa mirga namoomaa hin hordofne akkasii fudhatama hin qabu.” jedheera.AS