Finfinnee – Naannoon Sidaamaa ayyaana bara haaraa uummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaa kabaju jalqabe. Magaalaa Hawaasaa addabaabayii Soreessaa Gudumaalleetti kan kabajamu ayyaanni bara kanaa, Naannoon Sidaamaa filannoo Sadaasa bara 2019 gaggeeffameen mootummaa naannoo of danda’e erga ta’e booda isa jalqabaati. Weerara Covid 19iin kan addaan citee ture kabajni Fichee Cambalaalaa hirmaannaa uummataan kabajamaa jira.
Pireezidaantiin Naannichaa Dastaa Ledaamoo, ergaa ayyaana kana waliin walqabsiisee dabarseen, ayyaanni Fichee Cambalaalaa baranaa erga naannoon Sidaamaa hundeeffame yeroo jalqabaaf kan kabajamu ta’uusaa adda akka isa taasisu himeera. Akkasumas baatii kana guutuu sagantaalee adda addaan akka kabajamu waajjirri Pireezidaantii beeksiseera.
Kaleessa ganama jilli Hoggantoota Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaatin durfamu, akkasumas miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, aanga’oota Federaalaa olaanoo fi keessummoota Ministeera Aadaa fi Turizimiirraa dhufan ayyaanicha kabajuuf magaalaa guddoo Naannichaa Hawaasaa galaniiru.
Torban darbe guyyaan ayyaanni Fichee Cambalaalaa itti kabajamu murteeffamuun dura jaarsoliin Sidaamaa ‘Ayaanto’ jedhamuun beekaman sochii urjii hubachuuf sassaabamanii kabaja ijoo ayyaanicha Ebla 28 fi 29 akka ta’u murteessaniiru. Haata’u malee hanga baatii Caamsaatti taateewwan kabaja ayyaanicha akka itti fufan waajjirri Pirees Sekretariyaatii Naannichaa beeksiseera.
Bara 2015, UNESCOn ayyaana Fichee Cambalaalaatin tarree “hambaalee aadaa dhala namaa” galcheera.
Waa’ee Fichee Cambalaalaa UNESCOtiin
Fichee Cambalaalaan ayyaana bara haaraa uummata Sidaamaati. Ficheen, dubartii Sidaamaa erga heerumtee booda waggaatti al tokko bursaamee, Warqee, aannan fi dhadhaa qabattee maatii fi firoottan ishee gaafattuu yaadachiisa. Waan isheen qabattee deemtu ollaattis qoodama. Ergasii Ficheen mallattoo tokkummaa uummata Sidaamaa taateetti. Waggaa waggaan beektota urjii guyyaa ayyaannichi itti kabajamu murteessanii Gosatti himu. Sirba aadaa fi ragada dabalatee sagataalee adda addaa ni gaggeeffamu. Umurii, saala fi haala hawaasummaa osoo adda hin baasiin hunduu ni hirmaata. Guyyaa duraa irratti, ijoolleen manaa manatti gara ollaa isaani deemuun bursaamee fudhatu. Ayyaanicha irratti uummatni Sidaamaa cimee hojjachuun jaarsolii biyyaa akka kabaju fi akka deeggaru, akkasumas mukkeen akka hin ketone, ragaa bahumsa sobaa fi hanna irraa akka of qusatu hogganttootni gosaa gorsu. Kanaafis ayyaanichi saba Sidaamaa fi uummattoota Itoophiyaa biroo giddu haqa qabeessummaa, bulchiinsa gaarii, walta’iinsa hawaasummaa fi jireenya naga-qabeessaa kan guddisudha. Maatiin ijoollee isaanif aadaa kana dabarsuuf. Keessattuu dubartoonni beekumsa fi dandeettii akkaataa dhahanna rifeensaa fi akkaataa qopheeffannaa bursaamee waliin walqabatan ijoollee isaanif dabarsu.