Xiinxala: Abbootiin Gadaa Karrayyuu Erga Ajjeefamanii Waggaa Guutus Hawaasni Karrayyuu Haqas, Nagaas Hin Arganne
Finfinnee, Mudde 7/2022- Sadaasa 30/2021 tuutni Gadaa Michillee bakka Mootoma jedhamu, kan Haroo Qarsaa irraa kilomeetira 60 fagaattutti,Jila Waaqa Kadhannaa gaggessuuf walitti qabame irraa humnoota mootummaatiin qabaman. Miseensota tuuta gadaa qabaman keessa 14 Mudde 1/2021 haala sukkanneessaan ajjeefaman. Kanneen hafan hidhaa keessatti erga hiraarfamanii booda