Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa
Finfinnee, Adoolessa 29/2023 – Dureettii Baanjii jedhamti. Godina Gujii Bahaa Aanaa Agaa Waayyuu, ganda Dawwaatti dhalattee guddate. Barnoota sadarkaa tokkoffaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Dawwaa jedhamu keessatti, sadarkaa lammaffaa ammoo mana barumsaa Malkaa Guddaa jedhamutti hordofte. Barnoota ishee qophaa’inaa ammoo Shaakkisootti baratte.
Tibbana Yuunivarsiitii Bulee Horaa irraa muummee barnoota Baayoloojiitin digirii ishee jalqabaa qabxii 3.82 galmeessuun badhaasa medaaliyaa warqee waliin eebbifamteetti. Akkasumas barana guyyaan dubartoota addunyaa (march 8) yeroo kabajamu dubartoota cimtuu jedhamanii badhaafaman keessaa tokko ta’uun medaaliyaa kan biraa argachuun waggaa milkii kana golabdeetti.
Iccitiin milkaa’ina ishee
Dureettiin ijoollummaa isheerraa kaasee barnootaaf iddoo addaa kennuun qabxii gaarii galmeessisaa guddachuu himti. Keessattuu barnoota Baayoloojiif jaalala guddaa qabdi. Booda garuu sababa barnootaaf maatiirraa fagaattee turteef qabxiin ishee gadi bu’aa dhufuus gara yuunivarsiitii yeroo seentu haala xiyyeeffannoo barnootaaf kennitu sirreessuun gara sadarkaa cimina duriisheetti deebi’uu dubbatte.
“Jalqabummaa irraa kaaseen barnoota baay’ee jaalladha ture. Kutaa sadii kaaseen hanga kutaa kudhanitti tokkoffaa baha ture garuu jiddutti sababa maatii kiyya irraa faaadheef barnoota koo irratti laaffadheen ture. Yuunivarsiitii erga galee booda barnoota koo duraan itti laaffadhe ture fooyyeessuuf cimee hordofuun gara cimina kootti deebi’e.”
Dureettiin iccitii milkaa’ina ishee yeroo ibsitu “barnootaaf dursa kennuu” akka ta’e himti. Barnoota ishee sirnaan qo’achuuf sagantaa guyyaa guyyaa fi kan torbanii baasuun akka qo’attu kan himtu Dureettiin, kana jechuun garuu guyyaa guutuu qoʼannaadhaaf of kennuu jechuu miti jetti. “Guyyaa guyyaan milkaa’inaatti of dhiheessuun cinatti, guyyaa milkaa’inaaf si qopheessu qabaachuu qabda. Jechuun sammuu kee bohaarsuu qabda. Sochii hawaasummaa waliin yeroo qabnu osoo hin qisaasiin barnoota keenyaaf laachuu dandeenya,” jetti.
“Galgala dafeen rafa, ganama immoo sa’aatii kudhanitti ka’een hanga sa’aatii tokkotti dubbisa. Yeroo koo sirnaan fayyadamu irratti kutannoo cimaadhaanin baradhe xumure,” jechuun dubbatti.
“Barataan milkaa’u barbaadu itti gaafatamummaa ofii fudhachuu qaba”
Barataan milkaa’u fedhu yeroo hunda xiyyeeffannoon socho’uu fi haala naannoo isaatti uumamu sirritti hubachuun dirqama ta’uu kaasti Dureettin. Akkasumas milkaa’ina fi kufaatii isaatif itti gaafatamummaa fudhachuu qaba jetti.
“Barattoonni milkaa’an yeroo hunda daree ni galuu, yeroo isaaniitti argamu. Akkasumas daree keessatti maal akka barsiifame addatti hubatu. Barattoonni milkaa’an itti gaafatamummaa ofii isaanii ni fudhatu.”
“Yeroo boqonnaa koo hojii fi dubbisaan dabarsa”
Yeroo boqonnaa isheetti hojiidhaan maatii ishee gargaaru fi kitaabota dubbisuun akka dabarsitu kan himtu Dureettiin, dargaggoonni yeroo qaban hundaan wantoota gaggaarii ta’an hojjechu akka qaban gorsiti. “Ganna yeroo boqonnaaf [gara maatiitti] galu mana nyaataa maatiin kiyya qaban keessa hojjechuun nan dabarsa. Maatiin kiyya galii mana nyaataa irraa argamuun na barsiisan,” jetti.
Itti dabaluun, “dubbisuun keessumaa dargaggoota biratti faayidaa lakkoofsa hin qabne qaba. Sammuu kakaasuu fi dhiphina hir’isuu qofa osoo hin taane, yaadafi seenaa addunyaa guutuu keessaa isa gaarii ta’eef nama saaxila. Jechoota kee fooyyessuu fi dandeettii barreessuu gargaaruun akka nama qaroo taanu nu taasisa. Wantoota kana guddifachuuf jecha kitaabolee dubbisuun yeroo koo dabarsa,” jechuun warri kaanis akkuma ishee dubbisuu akka qaban dubbatti.
Danqaalee ishee qunnaman
Sadarkaa amma irra geesserra teesse gara duubatti garagaluun karaa irra dabarte yeroo yaadattu, keessattuu barattoota shamarraniif, barnoota hordofanii sadarkaa olaanaan eebbifamuun kan nama dandeessisu akka hin taane yaadatti.
“Ani bakkan dhaladhe guddadhe sadarkaa magaalaa jedhamu irratti miti. Akkuma biyya kanaatti rakkoo mana barnoota fi meeshaaleen barnoota ni mul’ata. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaa fi lamaffaa mana maatii kiyya keessa taa’een baradhe. Garuu barnoota koo qophaa’inaaf gara magaalaa Shaakkisootti deemeen baradhe. Haala kanaan maatii kiyya irraa fagaachuun koo rakkoolee garagaraaf saaxilameen ture. Jireenyi magaalaa baay’ee natti ulfaatee barnoota koo irratti dhiibbaa guddaa fide,” jechuun himti.
Kana malees, haala qabatamaa biyya Itoophiyaa keessatti ammoo dubartii ta’uun mataa isaatin qormaata dabalataati jetti. “Barattoonni baay’ee baadiyyaa keessa jiraatan rakkoo hawaas-diinagdee isaan mudachuu danda’a. Anaanis kan na mudate kanuma akkasiiti. Haala biyya keenya kanaatin ammoo dubartii ta’uun mataa isaa rakkoo of danda’edha. Ilaalchi dubartoonni hin danda’an jedhamuutu jira. Kun ammoo xiinsammuu dubartoota hedduu keessa jira. Anis wal’aansoo kana keessa darbeen as gahe,” jette.
“Kaayyoo fi galmi keenya waan nu gaafatu qaba, aarsaa gochuuf qabnu barbaada,” kan jettu Dureettiin, dargaggoonni kaayyoo ganamaa qabatanii imalaa jiran galmaan ga’uuf abdii kutannaa malee cichoominaan hojjechaa akka qaban dubbatti. “Keessattuu shamarran mana barnoota fi kolleejjii keessatti yeroo dabarsan danqaalee fi qormaata hedduu keessa darbu. Danqaalee kana keessa karaa itti bahuu danda’an tokko yeroo isaanii haalaan fayydamuu fi abdii kutachuu dhabuudha,” jette.
Karoora gara fuulduraa…
Fuulduratti muummee barnoota Baayoloojiitti itti fufuun hawaasa ishee barsiisee tajaajilu akka feetu dubbatte. “Fuulduratti sagantaa fi kaayyoo baay’ee baafadheen hojjachaa jira. Amma diggirii lamaffaa fi sadaffaa koo gama baayooloojiin itti fufee hawaasa tajaajiluu barbaada. Hawaasa osoo hin baratiin na barsiise tajaajiluun kaayyoo koo isa ijooti.”
Kana malees, ilaalcha dargaggoonni barnootaaf qaban jijjiiruun kaayyoo ishee kan biraa ta’uu himti. “Naannoo keenyatti dargaggoonni barnootaaf xiyyeeffannoo hin kennan. Sababa maallaqni hojii albuudaatin argama jedhaniif barnoota irrattii xiyyeeffannoo hin kennan. Animmoo digirii lamaffaa koo baradheen ilaalcha dargaggoonni barbaachisummaa barnootaaf qaban jijjiiru irratti nan xiyyeeffadha,” jette. AS