Naatinaa’eel Fiixeetin @NatieFit
Finfinnee, Hagayya 04/2023 – Dhiibbaan Intarneetiin addunyaa irratti qabu yeroorraa gara yerootti dabalaa dhufuun yeroo ammaa kana uummata addunyaa irraa walakkaa ol intarneetii fayyadama. Fulbaana bara 2016 hojii kan eegale marsariitiin suur-sagalee gaggabaaboo ittiin gadhiifaman ‘Tiiktookii’ ammoo baay’inaan dargaggootaan jaalatamummaa guddaa argachuun yeroo ammaa kana fayyadamtoota biiliyoona 1.6 ol horateera.
Keessattuu weerarri Kooviid-19 namootni manaa akka hin baane dirqisiise akka carraa gaariitti fayyadamuun Tiiktookiin Itoophiyaa keessatti mana hedduu keessa seeneera. Dargaggoonni hedduu suur-sagalee namas ofiis bashannansiisan waraabanii gadhiisuun beekamtii fi mala jireenya isaanii argachaa jiru. Dargaggoota Tiiktookii fayyadamuun fedhii Aartii of keessa qabu uummata biraan gahuun fudhatamummaa argachaa jiran keessa tokko Addis Standard waliin turtii taasiseera.
Dargaggeessi kun maqaan isaa guutuu Fraanol Ahmad Abdullaahi jedhama. Dargaggeessa ganna 23ti. Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti dhalatee ji’a jahaa yeroo guutuu maatiin isaa gara Adaamaatti erga isa fuudhanii deeman booda jireenya isaa hafee magaalaa Adaamaa keessatti dabarse.
“Abbaan koo nama Baaleeti. Adaabbaatti dhalatee guddate. Haati koo ammoo Horroo Guduruu Wallaggaarra dhufte. Dahumsaaf gara Shaambuu deemte na deesse malee magaalaan ani beeku Adaamaadha,” jedhe.
Fraanol, barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaaffaa manneen barumsaa magaalaa Adaamaa keessatti argaman garagaraa keessa barate. “Sadarkaa gadirraa eegale manneen barumsaa Naafiyaad, Seent Jooseef, Abdii Booruu, Adaamaa lakk. 2 fi Goorootti baradheen xumure.”
Erga barnoota sadarkaa lammaffaa xumureen booda gara Yuunivarsiitii Adaamaa seenuun muummee barnoota Koompiitara Injinariingiitti makamuun barachaa osoo jiru hidhaan isa mudatee addaan cituuf dirqamuu hima.
Hidhaa imala jireenya isaa jijjiire
“Jalqaba sababa weerera Koroonaan barnoota addaan kutne galle. Boodarra hokkora sababa ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa walqabatee uumameen hidhamee ji’a shan mana hidhaa keessatti dabarse. Haala kanaan seenaan barnoota koo Itoophiyaa keessa qabu ergan mana hidhaa seene booda dhaabbate,” jedha.
Erga mana hidhaatii bahee booda jireenya baqattummaa kan filate Fraanol, yeroo ammaa kana biyya Noorweey keessa jiraachuu erga jalqabe waggaa fi ji’a jaha lakkoofsiseera.
“Mana hidhaa turuu koon walqabatee ragaa qabatamaa waanan qabuuf waraqaa eeyyama jireenyaa na barbaachisu guyyaa 10 keessattan argadhe.”
Yaadannoo ijoollummaa fi Aartii
Ijoollummaa irraa kaasee ogummaa suur-sagaleef fedhii akka qabu fi Adaamaa keessatti ogummaa kanaan hojjechaa akka ture kan himu Fraanol, erga gara biyya Noorweey deeme boodas ji’a jahaaf afaan biyya sanii erga baratee xumureen booda yeroo ammaa kana Koolleejjii keessatti barnoota ogummaa qophii suur-sagalee (video production) barachaa jira.
Fraanol ijoollummaa isaa yeroo ibsu “kan gammachuun guutame” jechuun ibsa. Daa’imummaa irraa eegalee Aartiif jaalala guddaa qabaachuu hima. “Wanti hunda kooyyuu Aartii irraa hojjetame jechuun danda’a. Aartii gosa hunda nan jaalladha ture. Fakkii, muuziqaa, shubbisa fi kanneen biroof jaalala baay’een qaba ture,” jedha.
Fedhii fi jaalala Aartiif qabuun ijoollummaa irraa eegale gumiiwwan garagaraa keessa hirmaachaa turuu kan himu Fraanol, tiyaatiroota ijoollee hojjechaa guddachuu hima.
Hunda caala garuu yaadannoo ijoolummaa isaa keessa kan isa keessaa hin baane sirboonni durii ETV irratti daawwachaa guddate ta’uu hima. “Sirboota kan akka Adnaan faa yeroo food daangaa irratti mul’atu abaluun dhufee jedhanii na waamu. Yoo ani alatti taphachaa turees fiigee dhufe televiziyoona fuuldura nan sirba ture. Yeroon sun anaaf yeroo akka deebi’e dhufu hawwu keessa isa tokkooti.”
Jalqabbii ogummaa suur-sagalee fi Tiiktookii
Fraanol “ogeessa fiilmiiti jedhe kan ofitti murteesse yeroo kutaa 11 baradhuuti” jedha. “Yeroon mana barumsaa Gooroo keessatti kutaa 11 baradhu gumii Gadaasoo jedhamu qabna turre. Yeroo jalqabaaf qof-dubbii (monolog) ijoollee kaan waliin diraamaa hojjechuuf barreesse gaafan dhiyeeffadhe hiriyyaa koo na waraabe yeroo na agarsiisu na dammaqse. Yeroos ani ogeessa fiilmiiti jedhe murteesse.”
Tibbana ammoo marsaa hawaasaa Tiiktookii jedhamu irratti muuziqaawwan durii Afaan Oromoon sirbaman ogummaa suur-sagalee qabu itti dabalee akkaatuma bara sanitti sirba akkeesse hojjechaa jiru hawaasa baay’ee biratti jaalatamummaa guddaa argachaa jiru. Sirboota durii inni akka weellisaa akkeessuun suur-sagaleen taphate keessaa kan weellisaa Adnaan Adam, Daawwitee Mokonniin, Daagim Mokonniin, Solomoon Dannaqaa, Gabii Ida’oo fi kanneen biroo akka gaariitti taphatee ittiin leellifameera.
“Fedhii Aartii Oromoo na keessa jira waan ta’eef ani of bashannansiisuuf sana hojjedhe. Muuziqaa sirbu osoo hin taane, uffata fi ogummaa suur-sagalee fayyadamuun akka weellisaa bara sanii of fakkeessuun sirba isaanii haala sochii isaanii waliin akkeessuu hojjedha. Garuu deebii gaggaarii naaf argamsiise.”
Namootni suur-sagalee (viidiyoowwan) toora tiiktookiirra gadhiisu kana argan hedduu karaa adda addaatin haamilee kennaafi jiran kan hin eegne ta’uu hima Fraanol. “Waan ani eege irraa dachaa dachaa oli,” jedhe.
Jalqaba yeroo biyya keessa ture mana barumsaa Inistitiyuutii Aartii Oromiyaa (OAI) keessatti barumsa gabaabaa argateen kaameeraawwan gurguddoo waliin walbaruu kan himu Fraanol, ergasii biyya keessatti ogummaa kaameraadhaan cidha adda irratti hojjechuu fi osoo biyyaa hin ba’iin dura fiilmiiwwan gabaabaa lama hojjechuun ogummaasaa gabbifachuu ibse.
Erga biyya Noorweey deeme booda ammoo barumsa ogummaa suur-sagalee barachaa jiru cinaatti, feestivaalota garagaraaf fiilmiiwwan gaggabaaboo hojjechuu hime. “Erga gara biyya kana dhufe booda carraa ogummaa koo gabbifadhu guddaa argadhe. Fiilmiiwwan hojjedhees yeroo dhiyootti agarsiisaaf banaa ta’u,” jedhe.
Yeroo ammaan kana ammoo dokumentarii guddaa “Goota Oromoo biyya Noorweey jiraatu” irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu hime.
Sadarkaa ogummaa suur-sagalee Oromoo irra jiru…
Itoophiyaa, keessattuu Oromiyaan hojii ogummaa suur-sagaleef kennaa fi carraa hedduu jiraachuu hima. “Dokumentarii, muuziqaa ykn fiilmii gabaabaa hojjechuu yoo feene, biyya yaadni akka warqeetti maddudha. Akkuma albuuda keenya hin fayyadamnu jedhamu sana qabeenya aartii qabnu ogummaa itti daballee beeksisu irratti waan guddaatu nu hafa,” jedhe.
“Biyya ani amma keessa jiraadhu [Noorweey] namoota miiliyoona 5 qabdi. Namoota afaan isaanii dubbatan kana qofa qabu, gabaan isaanii kana qofa jechuudha. Garuu gatiin aartii isaaniif baasan guddaadha. Nutis haguma gabaa guddaa qabnuutti xiyyeeffannoo fi gatii laachuu qabnu olaanaa ta’u qaba. Beeksisa fi hoggansa aartii keenya sirreessu qabna.”
Fraanol viidiyoowwan ogummaa suur-sagalee barsiisan fuula tiiktookii fi yuutubii isaarratti gadhiisuun ogummaa isaa namoota fedhii qabaniif qoodaa jira. Namni yaada suur-sagalee bareedaa fi beekumsa gahaa qabu hojiin isaa qulqullina qabaachuu fi beekamtii argachuuf dirqama meeshaalee gatii qaaliin gurguraman fayyadamu hin qabu jedha.
“Ani mobaayilaanis waraabe argeera, kaameeraa dolaara kuma digdamootaan bitamuus fayyadame ilaaleera. Waan ani hubadhe garuu wanti murteessaan yaada fi beekumsa ogeessa suur-sagaleeti. Dokumentariiwwan kaameeraa xixiqqoon waraabamanii kan warra meeshaalee qaalii fayyadaman caalanii sadarkaa addunyaatti badhaasa injifatan jiru.”
Dargaggoonni fedhii ogummaa kana qabanis mobaayila irraa eegale meeshaalee elektroniksii of harkaa qabaniin eegalu akka qaban gorsa. “Mobaayilaan waraabu danda’ama. Waan baay’ee ‘software’ adda addaa fayyadamuun sirreessuu waan danda’amuuf beekumsa isaanii gama kanaan qabanis bal’isuu qabu,” jedha.
Karoora gara fuuldura….
Ogummaa suur-sagalee kanaan beekumsa fi muuxannoo isaa guddisuun hojiiwwan gurguddaa hojjechuuf akka yaadu kan himu Fraanol, fuulduratti dhaabbata Aartii uummata Oromoof bu’uura ta’u danda’u ijaaruuf karoorfachuu ibse.
“Aartistoonni keenya baay’een dhufanii deemaniiru. Tokko ni ijaara, utubaan bira gahee ni deema, qilleensa dhufe kuffisa. Tokko ijaaree foddaarra geessise deema,” kan jedhu Fraanol, akka sun hin taaneef namni dhufe hundu ijaaree waan irra gahurra geessise akka deemu fi kaan akka daran jabeesse utubutti kan taasisuuf dhaabbatni Aartii oomishu ijaaruun dirqama ta’uu kaasa.
“Dhaabbata akka Hooliwuud fi Booliwuud tokko ijaaruun barbaachisa jedheen yaada. Hagas guddaa ta’uu baatuus, sababa dhaabbata sanaan waggaatti fiilmii idil addunyaa 3 ykn 4 baasuun hawwii kooti,” jedhe. AS