Finfinnee Mudde 27/2022 – Addisaalam Xibaba ykn Kuul Surreen naannoo Oromiyaa godina Booranaa, bakka warri isaallee keessatti guddatan Areeroo jedhamutti dhalate guddate. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa isaa iddoo dhaloota isaa keessatti barate xumure.
Akkuma mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumureen booda Inistiitiyuutii Teeknooloojii Yuunivarsiitii Dirree Dhawaatti ramadamee barnoota Elektirikaal Injinariingiin digirii jalqabaa argate. Sana booda gara Finfinnee dhufuun Itiyoo Telekoom keessatti waggaa shaniif hojjete. Carraan gara Finfinnee deemuu sun abjuu ijoollummaa isaa muuziqaa hojjachuuf qabu hordofuuf carraa istuudiyoo muuziqaa argachuu isaaf bane.
Akkuma ijoollee Booranaatti guddatan kaaniitti ijoollummaa isaa gammachuudhaan, taphoota aadaa kan akka tapha boodarra gara muuziqaa idileetti jijjiire ‘algagga’ taphachuun guddate. Taphoota biroo inni taphachaa guddate kan akka dhokachuu, ari’uu, falmii qaamaa fi kanneen biroo hedduunis jiru.
Garuu yaadannoo ijoollummaa isaa keessa turu taphoota aadaa akka ta’an dubbata. Erga muuziqaa keessa seenee kaasee maqaa waltajjii “Kuul Surree” jedhamu fayyadama. Yeroo ijoollummaa isaa akkoon isaa Surree jedhamtu, halluu nyaara ija isaa gurraacha ta’e ilaaluun ‘Kuula’ jettee isa waamti turte. Kanarraa ka’uun yeroo guddatee muuziqaa jalqabu maqaa akkoon isaa ittiin isa waamtu fi maqaa ishee walitti ida’uun maqaa ‘Kuul Surree’ jedhu akka maqaa waltajjiitti fayyadamuu filate.
Dhiheenya kana Kuul Surreen albama walakkaa (EP) haaraa, irra caalaan isaa muuziqaa aadaa Booranaa haala ammayyaatiin dhiyeessuu irratti xiyyeeffate gadhiisee jira.
Af-gaaffii kana gaazexeessaa Addis Standard Naatinaa’eel Fiixee @NatieFit waliin taasiseen waa’ee jireenya isaa fi albama walakkaa haaraa baase ilaalchisee bal’inaan haasa’eera.
Addis Standard: Akkamitti muuziqaa keessa seente?
Kuul Surree: Kutaa 7ffaa irraa kaasee muuziqaa jaallachuu jalqabe.Yeroo baayʼee muuziqaa Ingiliffaa dhaggeeffachuun na gammachiisa ture. Naannoon keenya daangaa Keeniyaarra kan argamu waan ta’eef karaa saatalaayitiitiin chaanaalii Keeniyaa ilaaluuf carraa arganna ture. Yeroon muuziqaa biyya alaaf jaalala qabaachuu eegalees yeroo sana ture. Keessattuu barreessaan sirbaa fi Raapperiin Ameerikaa Liil Waayiin dhiibbaa guddaa natti uumeera. Akkaataan inni itti sirbu ajaa’iba waan ta’eef ilaalcha ani muuziqaaf qabu boce. Karaa muuziqaa qofaan osoo hin taane, dhuunfaan dhiibbaa narratti uume.
Walumaagalatti muuziqaan warra dhihaa gosa muuziqaa itti sirbu Hip-hop akkan filadhullee dhiibbaa natti uume. Garuu miira ani muuziqaaf qabu beekus, naannoo keenyatti bakki muuziqaa itti hojjetamu kan akka istuudiyoo waan hin jirreef dafee muuziqaa keessa seenuu hin dandeenye. Kanaaf barnoota koo irratti xiyyeeffadhee Yuunivarsiitii Dirree Dhawaatti Elektirikaal Injinariingii baradhe. Sana booda Finfinneetti Itiyoo Telekoom keessatti hojii argadhe. Sunis carraa istuudiyoo muuziqaa Finfinnee keessa jiran argachuu naaf fide. Itiyoo Telekoom keessatti waggoota shan hojjedheen, muuziqaa koo yeroo boqonnaa koo akka hojii dabalataatti hojjechaan ture. Maallaqa muuziqaa irratti baasu hunda hojii idilee hojjedhurraan uwwisaa ture. Dhiheenya kana albama walakkaa (sirboota torba kan of keessatti qabu) erga baaseen booda, guutummaatti muuziqaa qofa irratti xiyyeeffachuuf hojii koo Itiyoo Telekoom dhaabe.
AS: Akkuma kanaan dura jette muuziqaan biyya alaa dhiibbaa guddaa sirra gahe yoo ta’e, aadaa Booranaa irratti xiyyeeffachuun Afaan Oromootiin muuziqaa hojjechuuf akkamitti murteessite?
Kuul Surree: Dhugaa dubbachuuf afaan Ingiliffaa qofaan sirbuu yaadaa ture. Garuu viidiyoon kaka’umsaa namoota milkaa’oo yeroon barataa Yuunivarsiitii ture ilaale dursa ofii koo ta’uu akkan qabu akkan hubadhu na gargaareera. Yoo of ta’uu dadhabde milkaa’uu akka hin dandeenye naaf galeera. Wanti kun ofii kootiif gaaffii kaase. Gaaffiiwwan akka “ani eenyu? Muuziqaa koo keessatti aadaa akkamii calaqqisiisuun qaba?” jedhan faa akkan of gaafadhu na godhe. Kanaaf milkaa’uuf aadaa Booranaa addunyaatti calaqqisiisuu akkan qabu naaf ifa ta’ee aadaa koo qorachuu jalqabe. Sana booda aadaa Booranaa haala ammayyaatiin calaqqisiisuu akkan danda’u mirkaneesse.
AS: Artistoota biyya alaatiin ala, artistoonni Itoophiyaa/Oromoo muuziqaa keessatti dhiibbaa sirratti godhan jiruu?
Kuul Surree: Eeyyee ni jiru. Sirboota Alii Birraa fi Fayyisaa Furii baay’een jaaladha. Garuu irra caalaa iddoo dhaloota kootti ana dabalatee hiriyyoonni koo hedduu sirboota Kadir Martuu baay’ee dhaggeeffachaa guddanne.
AS: Waa’ee sirba fi suur-sagalee muuziqaa kee isa jalqabaa indaastirii muuziqaa keessatti si beeksise nutti himi mee?
Kuul Surree: Muuziqaa kanaan dura sagaleen qofa hojjedhe tokko qaba, garuu suur-sagaleen muuziqaa beekamaan ‘Manaayyaa’ jedhama, Muddee 2019 ba’e. Kunis calaqqee aadaa seenaa jaalalaa bifa ammayyaatiin dhiyaateedha. Suur-sagaleen kun kabaja aadaa ‘Gadaamojjii’ waggaa saddeet saddeetiin al tokko gaggeeffamu irratti waraabame. Taatee bal’inaan beekamaa fi kabajamaa ta’e kun sirna Gadaa keessatti qaama guddaadha. Sagantaan kun kan aangoo Gadaa gara Abbaa Gadaa itti aanutti itti dabarfamuuti. Gadaamoojjii taatee hawwataa aadaa bareedaa kan akka uffannaa, tapha fi kanneen biroo hedduu itti argan waan ta’eef, bakka suur-sagalee muuziqaa keenyaa irratti waraabnu akka ta’u filanneerra. Akka carraa ta’ee yeroo sirbicha sagaleedhaan waraabnee xumurru sagantaan Gadaamojjii gaggeeffamuuf guyyoota muraasa qofa waan hafeef eegnee suur-sagalee sana saganticha irratti waraabne. Namoonni viidiyoo kanarratti mul’atan hundi naannoo Booranaa irraa kan walitti qabamanidha. Baayʼee bareeda ture.
Erga qilleensarra oole booda deebiin daawwattoota muuziqaa irraa kenname baay’ee kan nama jajjabeessu ture. Akkasumas bara 2020tti muuziqaan kun badhaasa Odaa Award irratti ‘suur-sagalee filatamaa bara sanaa’ jedhamuun badhaasa argateera. Sunis dabalataan aadaa karaa muuziqaa ammayyaatiin hojjechuuf kaka’umsa dabalataa ture. Muuziqaa ‘Manaayyaa’ akkamitti akka hojjenne waanan beekuuf, badhaasa kana akka injifannu eeguun waanuma hin oolle. Badhaasa ardii Afrikaa ‘AFRIMA’ttillee fiduuf kaayyeffanne ture, garuu rakkoo qunnamtii irraa kan ka’e sana gochuu hin dandeenye. Garuu badhaasni kun (badhaasa Odaa) mataan isaa kaka’umsa guddaa nuuf ta’e.
“Suur-sagaleen kun kabaja aadaa ‘Gadaamojjii’ waggaa saddeet saddeetiin al tokko gaggeeffamu irratti waraabame. Taatee bal’inaan beekamaa fi kabajamaa ta’e kun sirna Gadaa keessatti qaama guddaadha.”
AS: Waa’ee alabama walakkaa haaraa dhiheenya kana gadhiiste nutti himi.
Kuul Surree: Akkuman duraan ibsu yaaleetti, hangan albama walakkaa kana gadhiisutti guutummaatti muuziqaa irratti hin xiyyeeffannen ture. Hojii idilee koo irratti xiyyeeffadhee akka dabalataatti muuziqaa hojjechaan ture. Weerarri Covid-19s sababoota yeroo muraasaaf bade keessaa tokko ture. Weellistoota biroof akka jala qabduutti sirboota muraasa irratti hirmaadheen ture. Garuu, muuziqaa irraa xiqqoo fagaadheen ture.
Albama walakkaa kana hojjechuu kanan jalqabe bara 2020 yoo ta’u, xumuruuf gara waggaa sadi natti fudhate. Albamichi sirboota torba of keessa qaba. Yaada fi gosa muuziqaa adda addaas qaba. Gariin haala gaddisiisaa, gariin muuziqaa ‘drill’ yoo ta’an, kaan ammoo muuziqaa ‘Afro house’ dha. Miira koo fi jireenya koo sirboota koo kanaan ibsuuf yaaleera. Muuziqaan ‘drill’ sun caalaatti rakkina jireenyaa irratti xiyyeeffata.
Fakkeenyaaf, sirboota koo keessaa tokko “Jiruu Deegaa” kan jedhu, jireenya ulfaataa jedhamee hiikuun ni danda’ama. Jireenya koo keessatti rakkoowwan yeroon jalqaba gara Finfinnee dhufe na muudatan isa keessatti agarsiisuuf yaaleera. Dargaggoonni baay’een isaanii yoo xiqqaate jireenya isaanii keessatti al tokko rakkoo sana ni qunnamu jedheen yaada. Kaan immoo sirba jaalalaati. Sirbi lama, mata duree “In Deema” fi “Isiin” jedhu qaban, sirboota jaalalaa sirboota Alii Birraa lama mata duree “Nin deema” fi “Hin yaadinii” jedhu irraa kan maddani. Sirboonni lamaan kana weellistoota biroo waliin ta’uun hojjedhe.
Weellistoota ol adeemoo naannoo Istudiyoo muuziqaatti isaan bare kanneen akka Kaasmaase fi Yohaanaa sirboota kana keessatti na waliin hojjetaniiru. Akka weellisaatti carraa weellistoota biroo waliin wal baruu, muuxannoo ogummaa waljijjiiruu fi tumsa walii taasisuu akkasumas waliin hojjechu ni argatta. Haala sanaan waliin hojjenne albama walakkaa gaarii akka ta’u na gargaaraniiru. Ammaaf albamni walakkaa kun youtube, itunes, spotify dabalatee marsariitii muuziqaa hunda irratti sagaleedhaan argama. Hanga ammaattis albamichaan walqabate uummata irraa deebii haamileessaa argachaan jira.
AS: Gara fuulduraatti maal yaada?
Kuul Surree: Amma suur-sagalee muuziqaa sirboota hundaaf [torba] waraabaan jira. Konsartii magaalota kan akka Jimmaa, Gambeellaa fi kanneen birootti karaa ispoonsaraan argadhe muraasa nan qaba. Akkasumas dhaabbata ‘Mela Muziqa Records’ jedhamu waliin konsartii xixiqqoo qopheessuuf karoorfadheen jira.
AS: Waggaa 10 booda sadarkaa akkamiirra of eegda?
Kuul Surree: Abjuu koo muuziqaa keessatti qabuu fi waanan muuziqaaf aarsaa godhe ilaalcha keessa galchuun sadarkaa fooyya’aa irratti artistii fooyya’aa akka ta’u of tilmaamuun danda’a. Hojii idilee koo muuziqaaf aarsaa godheera, sababiin isaas muuziqaa keessatti guddachuu waanan barbaaduu fi indaastiricha keessattis Kuul Surree fooyya’aa ta’e waanan argeef. Kanaafuu namni tokko waan tokkoof waa hunda dhabuuf yoo kutate sana keessatti milkaa’uun isaa hin oolu jedheen amana. Kana gochuufis dandeettii nan qaba jedheen amana.
AS: Muuziqaa aadaa Oromoo sadarkaa idil-addunyaatti fiduuf tattaaffii taasifamaa jiru akkamiin xiinxalta? Yaada akkami qabda?
Kuul Surree: Sadarkaa sanarra ga’uuf yeroo fudhachuun isaa hin oolu. Garuu har’a interneetiin industirii muuziqaa baay’ee gargaaraa jira. Wanti hundinuu haala salphaa ta’een nama baay’ee biratti gahaa jira. Adeemsa karaa hundaan addunyaa tokkomsuuf godhamu dhaloota kana irratti dhiibbaa guddaa qaba. Kanaafuu artistoonni saffisa kana waliin deemuuf waan danda’an hunda gochuu qabu. Industirichi guddina abdachiisaa muraasa argachaa akka jiru ifaadha. Akkasumas indaastirichi maallaqa gahaan yoo deeggarame waan gurguddaa keessaa arguun keenya hin oolu jedheen amana.
Akkuma yeroo hunda jedhutti of ta’uun aadaa Booranaa bifa ammayyaatiin addunyaatti agarsiisuu barbaada. Sana keessatti interneetiin gahee guddaa qaba jedheen amana. Taphoota aadaa hin mul’anne tokko tokko qorachuun haala hawwataa ta’e, sammuu namaa keessa hafuu fi ammayyaa ta’een dhiyeessuun hojii koo nan hojjedha. Artistiin hundi hojii isaa sirnaan yoo hojjate muuziqaan aadaa Oromoo sadarkaa idil addunyaa ni gaha. AS