Oduu: Ijaarsa seeraan alaa diiguun Masjiida qofarratti kan xiyyeeffatee miti, magaalota naannichaa 600 ol keessatti gaggeeffamaa jira – BKNO

Finfinnee, Caamsaa 31/2023 – Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma rakkoo nageenyaa diiggaa manneen amantaa “seeraan alaa ijaaramaniiru” jedhaman irratti naannicha keessatti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee ibsa har’a baaseen, hojiilee nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetamaan irratti dhaabbilee amantaa waliin qindoomina gaariin hojjetaa jiraachuu beeksise.

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Haayiluu Addunyuaa ibsa miidiyaaleef kenneen, ijaarsa seeraan alaa diiguu gaggeeffamaa jiru Masjiida qofarratti kan xiyyeeffatee fi magaalaa Shaggar qofa keessatti hojiirra oolaa kan jiru osoo hin taanee magaalota naannichaa 600 ol ta’an keessatti karaa heeraa fi seera bu’uureffateen gaggeeffamaa akka jiru himeera. 

Adeemsi isaas bifa walfakkaataa, iftoomina qabuu fi hojimaata seeraa hordofeen kan raawwatamudha jedhe.

Mootummaan rakkoowwan dhaabbilee amantaa keessatti uumaman karaa nagaa fi qajeelfama amantaa eegeen akka furaman kan tumsuu ta’uu ibsuun, dhaabbileen amantaa bakka itti waaqeffatan akka qabaataniif lafa karaa seeraa kennuun qabatamaan mirkaneessaa jira jedhe.

Mootummaan naannichaa hojiilee nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetaman irrattis dhaabbilee amantaa waliin qindoomina gaariin hojjetaa akka jiru kan kaase Haayiluun, hordoftoonni amantaa Islaamaas, “shira finxaaleyyii amantaa dahoo taasifachuun akka waan mootummaan addatti Masjiida irratti xiyyeeffateetti ololan dura dhaabbachuu akka qaban” gaafateera. Adeemsa raawwii keessattis rakkoon yoo jiraates mariin furuuf kan hojjetamu ta’u ibse.

Masjiidota magaalaa Shaggar keessatti “seeraan ala” jedhamuun diigamaa jiran ilaalchisee hawaasni musliimaa magaalaa Finfinnee jiraatu Jimaata salaata Masjiida Anwaaritti gaggeeffameen booda mormii dhageessise ture. Hiriira mormii gaggeeffameenis diigumsi Masjiidaa magaalaa Shaggar keessatti raawwatamaa jiru akka dhaabbatu gaafatameera. 

Manni Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa dhimma diigamuu Masjiida ilaalchisee ibsa Caamsaa 23 baaseen mootummaan diiggaa Masjidaa hatattamaan dhaabsisee rakkoo jiru mariin furuutti akka deebi’u, masjiidolee diigamanis ariitiidhaan bakka bu’aa seera qabeessa ta’e akka kennan cimsee gaafachuun isaa ni yaadatama.

Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhimma kana ilaalchisee furmaata akka laatamuuf MM Abiy Ahimadiif xalayaa ergu isaas ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.