Oduu: Phaaphaasotni adda bahanii sinoodosii haaraa hundeessan, phaaphaasota Mana Amantaa Ortodoksii 12 abaaran, ephisqophoosota ofii muudan gara bakka ramadamanitti erguufi

Suuraa: Sinoodoosii Oromiyaa

Finfinnee Amajjii 28, 2023 – Phaaphaasonni Ortodoksii sadii fi ephisqophoosotni 25 dhiyeenya muudama fudhatanii sinoodosii haaraa “SInoodosoo Oromiyaa fi Sabaa fi sab-lammootaa jechuun hundeessan murtee qulqulluu sinoodosiin angafaa murteesse kufaa gochuun phaaphaasota 12 irraa aangoo amantaa mulqan.

Phaaphaasonni kunneen “seeraan ala muudama ephisqophoosotaa raawwataniiru” jedhamuun aangoon amantaa isaanii akka irraa mulqamuu fi mana amantaa keessaa akka abaaramanii baafaman qulqulluu sinoodosiin Kamisa murtee dabarsee ture kufaa godhaniiru.

Inumaa fedhii dhuunfaa fi gareetiin socho’uun abbootiin amantaa dhugaa qulqulluu sinoodosii akka hin seenne dhorkaniiru jechuun miseensota qulqulluu sinoodosii angafaa kan ta’an phaaphaasota 12 aangoo amantaa irraa mulquun, abaaranii mana amantaa keessaa akka bahan murtee dabarsaniiru.

Phaaphasonni Qulqulluu Abuna Saawiroosiin durfaman ibsa Jimaata miidiyaaleef kennaniin muudamni ephosqophoosota 26 seeraa fi qajeelfama mana amantaa eegee kan raawwatame ta’uu himuun, bakka phaaphaasota 12 amma abaaramanii muudamni biraa akka kennamu himan.

Phaaphaasotni duraan muudaman gara bakka ramaddii isaaniitti akka imalanii fi hawaasnis simannaa akka godhuuf waamicha dhiyeessanii jiru.

Qulqulluun Sinoodosii angafaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahdoo walga’ii atattamaa Kamisa taa’een Phaaphaasoota Hangafaa sadii kanneen muudama Ephisqophosoota 26 irratti hirmaatan aangoo guutuu kennameef irraa haquuf murtee dabarsee ture. Ephisqophoosota 26 keessaa tokko Abbaa Tsaggaa Za’aab Addunyaa guyyaa Roobii Mana Amantichaa fi hawaasa ishee dhiifama gaafachuun dibata Ephisqophosummaa isaanii fedhii isaaniitiin haquun, dhiifamni isaaniis Qulqulluu Sinodoosiin fudhatama argateera.

Qulqullu Abuna Saawiroos muudama sirna mana amantaa Haaroo Ba’aala Wald keessatti gaggeeffame ilaalchisee yaada kennaniin, muudamichi rakkoo yeroo dheeraa mana amanticha keessatti amantoota afaan dhalootaa isaaniitiin tajaajiluu dadhabuu fi aadaa isaanii irraa adda baafamuu waggoota darban keessa keessumaa Oromiyaa fi naannoo Kibbaatti amantoota miliyoonaan lakkaa’aman akka dhaban taasiseef furmaata kennuun kaayyeeffatame kan raawwatame ta’uu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Paatraarikii Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa kan ta’an qulqullu Abuna Maatiyaas tokkoffaa, muudama phaaphaasotaa kana gocha “seeraan alaa” eeyyama Qulqulluu Sinodosii malee raawwatame jechuun, “taatee guddaan waldaa irratti aggaamame” osoo hin eegamiin, beekamtii Sinodoosii ala, akkasumas marii malee raawwatame jechuun ture yaa’ii hatattamaa kan waaman. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.