Xiinxala: Walitti bu’iinsa Naannoo Amaaraa godina addaa Oromoo, godina Shawaa Kaabaatti uumameen lammiileen nagaa ajjeefaman, gandoonni gubatan; humnootni federaalaa bobbaafamaniiru

Kaartaa bakkeewwan jeequmsi ammaa itti adeemaa jiru keessaa gar tokko agarsiisu

Finfinnee, Amajjii 25/2023 – Naannoo Amaaraa, godina addaa saba Oromoo, aanaa Jiillee Dhummugaa keessatti walitti bu’iinsa hidhattoota naannicha keessatti socho’anii fi namoota nagaa gidduu akka haaraatti uumameen lammiileen nagaa hedduu ajjeefamuu jiraattotni himan. Mootummaan Naannoo Amaaraa har’a ganama akka beeksisetti, nagaa fi tasgabbiin akka deebi’uuf humnoota addaa Amaaraa cinatti poolisiin federaalaa fi humnoota Raayyaa Ittisa naannoo sanatti bobbaafameera.

Hokkora Sanbata darbe eegalamee ergasii Shawaa Roobit, akkasumas aanaa Eefirataafi Gidim magaalota Axaayyee fi Jawaa dabalatee magaalotaa fi gandoota ollaa godina Shawaa Kaabaatti babal’ateen manneen jireenyaa hedduu gubachuun, qabeenyi heddu manca’eera.

Mootummaan Naannoo Amaaraas ibsa har’a baaseen, Dilbata Amajjii 21 naannoo sa’aatii 3tti haleellaa miseensota humna addaa Amaaraa fi humnoota poolisii federaalaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Eefiraataafi Gidim ganda Jawaa keessa qubatan irratti “humnoota farra nagaa” naannoo sanatti socho’aniin raawwatame hordofuun hokkara akka ka’e ibseera. Mootummaan naannichaa akka jedhetti, warri yakka kana raawwatan, guutummaa ibsichaa keessatti “humnoota farra nagaa” jedhamanii waamaman, godina Shawaa Kaabaa fi godina addaaOromoo keessattis namoota nagaa irratti haleellaa raawwachuu isaanii ibseera.

Garuu jiraattonni magaalaa Sanbatee, magaalaa godina addaa Oromoo aanaa Jiillee Dhummugaa keessatti argamu, humnoonni waraanaa naannoo sanaa meeshaa waraanaa gurguddaa hidhatanii deeman haleellaa kana Sanbata Amajjii 20 irraa eegalee ummata nagaa irratti raawwachuu isaanii himan.

“Diishqaa [meeshaa waraanaa ulfaataa Raashiyaa] kan ittiin mana qonnaan bultootaa fi qabeenya keessa jiru guban qabatanii deemu. Namoota nagaa ajjeesu. Gandoota fi magaalota aanichaa [Jiillee Dhummugaa] hundatti haala jechuun danda’amutti hojiiwwan kana raawwachaa jiru,” jechuun jiraataan maqaan isaa akka hin eeramne gaafate Addis Standarditti himeera.

Jiraataan kun haleellaan Sanbata darbe eegale hanga Kibxataatti itti fufee namoonni hedduun du’uu fi namoonni naannoo sanaa qe’ee isaanii irraa akka baqatan dirqisiiseera jedhe.

“Yeroo ammaa kana bosona keessa dhokannee jirra. Humnoonni mootummaa dhufanii akka nu baraaran abdannee turre. Haata’u malee, sun hin danda’amne. Amma guyyaa sadii ta’eera waan nyaannu hin qabnu. Geejjibni waan hin jirreef, nageenyis amansiisaa waan hin taaneef gara bakka nageenya qabutti imaluu hin dandeenye,” jechuun jiraataan kun Kibxata darbe dubbateera.

Namoonni haleellaa raawwatan hidhattootni Naannoo Amaaraa keessa socho’u kan Faannoo jedhamuun beekamu ta’uu himeera. Jiraataan biraa garuu haleeltoonni kun meeshaa waraanaa gurguddaa kan humna addaa naannichaa ta’e qabatanii akka deeman ibsuun konkolaattota mootummaa naannichaa ta’anis akka imalan himeera.

Akka jiraattonni kun jedhanitti namoonni haleellaa kana jalaa miliquuf qe’ee isaanii irraa baqatan hundi guyyootaaf nyaataa fi dhugaatii malee haala hamaa keessa jiru.

Wiixata darbe, waajjirri komunikeeshinii aanaa Jiillee Dhummugaa waamicha dhiphinaa fuula feesbuukii isaa irratti maxxanseen, “yeroo ammaa magaalaan Sanbatee haala dhiphinaa keessa jirti. Kadhannaan keessan barbaachisa. Mootummaas ta’e qooda fudhattoota biroo kamirraayyuu xiyyeeffannoo gaafata” jedhe.

Faallaa jiraattotni kunneen jedhanii, akkasumas gabaasaaleen biroo miidiyaalee biyya keessaa hedduu irratti hirmaannaa miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) himataniis, ibsi mootummaa naannoo Amaaraa garuu humnoonni kun eenyu akka ta’an bal’inaan osoo hin ibsiin “humnoota farra nagaa” komate. Kana malees, haleellaa kana irratti namoonni nagaa fi miseensonni humna addaa naannichaa akka ajjeefaman ibseera. Akkasumas “humnoonni farra nagaa kunniin irraa haleellaa eenyummaa irratti hundaa’e akka fakkaatu gochuuf carraaqqiin akka ture” amaneera.

Bulchaan godina addaa Oromoo Ahmad Aliyyii yaada BBC Afaan Oromootti laateen, Sanbata darbe dargaggoota aanichaa fi miseensota humna addaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamuun dargaggoota Oromoo torba humna addaatiin ajjeefamuun, boodarra gara walitti bu’iinsa humnoota addaa naannichaa fi jiraattota naannoo sanaatti jijjiiramuu ibse.

Akka Ahmad jedhutti kanneen ajjeefaman hanga ammaatti adda baafamuu baatus namoota nagaa fi miseensota humna addaa keessatti argamu. “Hanga ammaatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii adda hin baasne, baay’ee waan ta’e fakkaata. Gandoonni hedduun gubataniiru,” jechuun Wiixata darbe BBCtti himeera.

Magaalaan guddittii godina Shawaa Kaabaa, Shawaa Roobit galgala sa’aatii 12 booda sochii gosa kamiyyuu magaalattii keessatti akka hin godhamne labsii sochii dhorkuu beeksistetti.

Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hokkara uumameef humnoota nageenyaa naannoo Amaaraa fi hidhattoota seeraan ala Amaaraa irraa dhufan Faannoo jedhamuun beekaman kan himate yoo ta’u, lakkoofsi namoota nagaa Sanbata irraa eegalee ajjeefamanii 65 ol ta’uu ibseera.

Naannolee godina Addaa Oromoo fi godina Shawaa Kaabaa waliin daangeffaman keessa jiraattonni nagaa hokkara irra deddeebiin mudatuun lammiilee nagaa heddu ajjeefamuu, gandaa fi qabeenyi gubachuu arganiiru.

Saaxilamummaa jeequmsa irra deddeebi’iin muudatuuf

Naannoo Amaaraa keessatti Godinni Addaa Oromoo fi GodinaShawaa Kaabaa jeequmsi hamaa yeroo baay’ee muudatuuf saaxilamaadha. Baatii Adoolessa bara darbe keessa namoonni nagaa 17[akka aanga’oonni eeranitti] ajjeefamaniiru, hedduun ammoo madaa’aniiru, hedduunis qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Kana malees gubachuu kutaalee mana jireenyaa dabalatee miidhaa qabeenya hamaa gaheera.

Baatii lama dura, baatii Ebla bara wal fakkaatutti, Addis Standard haleellaa suukaneessaa naannoo sanatti lammiilee nagaa hedduu miseensota Faannootiin ajjeefamuu fi kanneen biroo hedduun naannoo Kolaash jedhamu kan naannoo daangaa Shawaa Roobit (godina Shawaa Kaabaa) fi Waasan Qurqur (godina Addaa Oromoo) gidduu jiru keessatti buqqa’uu gabaasee ture.

Haleellaa hamaan Ebla bara 2021 naannoo walfakkaataatti kan mudate yoo ta’u, namoonni heddu ajjeefamanii yoo xiqqaate namoonni 358,000 qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Giddugala jeequsichaa kan turte magaalaan Axaayyee, “ummanni guutuun qe’ee isaa irraa buqqa’ee magaalattiin gubattee jirti” jedha gabaasni UN.

Gabaasni Dhaabbata Ombudsman Itoophiyaa (EIO) baaseen waldhabdee irra deddeebiin godina Addaa Oromoo fi Shawaa Kaabaatti mudatu irratti waan irraa eegamu raawwachuu dhabuu isaa beeksiseera. Dhaabbatichi akka qorannoo haleellaa baatii Ebla gaggeesseen “namoonni 303 ajjeefamaniiru, 369 madaa’aniiru, manneen 1,539 gubamaniiru akkasumas odeeffannoo bulchiinsa godinaalee lamaan irraa arganne irratti hundaa’uun namoonni kuma 50 ol buqqa’uu mirkaneessineerra. Dhiyeessiin gargaarsaa itti fufee kan jiruu fi godina Addaa Oromoo caalaa godina Shawaa Kaabaatti haalaan fooyya’aa ta’uus, dhiyeessiin godinaalee lamaan quubsaa miti,” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.