Oduu: Naannoo Oromiyaatti weerarri dhibee Busaa, Gifira fi Koleeraa mul’achuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse

Finfinnee, Sadaasa 16/2022 – Naannoo Oromiyaatti weerarri dhibee Busaa, Gifira fi Koleeraa mul’achuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa beeksise. Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Abarraa Botoree miidiyaa EBCtti akka himetti dhukkubni Busaa, Gifira fi Koleeraa godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti bifa weeraraan mul’achuu ibsuun hawaasni of eeggannoo barbaachisu akka taasisu hime.

Weerara kana to’achuuf keemikaala farra busaa biifamuu, raabsa Agobarii, hojii hubannoo uumuu, dhiyeessii qorichaa fi talaallii farra koleeraa gaggeeffamuu ibseera. Haa ta’u malee, tamsa’inni dhibeewwan weerara kanaa waan hin dhaabbanneef xiyyeeffannoo addaa akka barbaachisu itti aanaan itti gaafatamaa waajjirichaa cimsee dubbateera.

Naannoo Oromiyaatti weerarri dhukkuba gifira godinaalee sagal (Baalee Bahaa, Shawaa Bahaa, Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Gujii Lixaa, Gujii, Booranaa, Jimmaa fi Baalee) keessatti muudateera. Dhibeen gifiraa Baalee Bahaatti muudate daa’imman afur ajjeesuu Waajjirri Fayyaa godinichaa waabeffachuun VOA’n gabaasee ture. 

Kana malees dhibeen koleeraa bifa weerara ta’een godina Baalee keessatti babal’achuu isaa ibsameera. Dhibeen Koleera Godina Baalee gandoota 25  aanaalee sadi keessatti fi gandoota sagal aanaa lama naannoo Somaalee keessatti muudateen namoonni sagal du’uu fi hanga Onkoloolessa 1/2022tti namootni 330 dhukkubichaan qabamuu gabaasni UNOCHA mul’ise. 

Ragaan hanga Onkoloolessa 25/2022 walitti qanbame namootni 273(20 buufata buqqaatotaa keessaa) dhibee koleeratiin yoo qabaman godina Baalee(Harannaa Bulluq, Barbarree fi Dalloo Mannaa ) fi Liiban(Karsaduula) naannoo Somaaaletti namoonni sagal akka du’an agarsiisa. 

Dhukkubni  busaa godinaalee kudha tokkoo (Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa, Horro Guduruu Wallaggaa, Buunoo Baddalee, Jimmaa, Iluu Abbaabor, Arsii Lixaa, Gujii, Shawaa Bahaa) fi magaalota afur (Baatuu, Shaashamannee, Jimmaa fi Naqamtee) keessatti bifa weeratiin muudachuun ibsameera. 

Itti aanaan biirichaa, tatamsa’ina weerara kanaa hir’isuuf daa’imman waggaa tokko gadi ta’an ji’a ji’aan talaallii busaa idilee akka fudhatan, hawaasni mana fincaanii, bishaan keemikaalaan qulqullaa’e ykn bishaan danfe fi nyaata bilcheefame akka fayyadaman, iddoo qulqulluu horsiisa busaaf mijatu akka qulqulleessu, agobarii sirritti akka fayyadamu, qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran qindoominaan akka hojjetan, akkasumas hawaasnis mallattoo shakkisiisoo ta’an ofii isaanii yookiin daa’imman irratti yoo argan gara buufata fayyaa dhiyeenyatti argamu deemuun qorannoo akka taasisan waamicha dhiyeesseera. 

Naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota dhukkuba busaan qabaman waggootaaf gadi aanaa ture baatii Amajjii 2022 irraa eegalee dabaluun godinaalee, aanaalee fi magaalota Naannoo Oromiyaa adda addaa keessatti babal’achuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise. Hogganaa Itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Abarraa Bootoree baatii Onkoloolessa keessa yaada VOAf kenneen weerarri dhukkuba Busaa godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti babal’achuu hime ture. 

Baatii Onkoloolessa keessa, akka naannoo Oromiyaatti ji’oota sadan darban gidduutti qorannoo gaggeeffameen namoonni kuma 131 ol ta’an dhukkubni busaatiin qabamuu fi lubbuun namoota 37 darbuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiseera. 

Waggoota darban keessa lakkoofsi namoota dhukkuba Busaan qabaman baay’ee gadi aanaa waan tureef qaamoleen mootummaa fi dameen fayyaa ittisa vaayirasichaaf qophii gahaa gochuu dhabu, dagannoon hawaasaa fi eegumsa qulqullina naannoo magaalota keessa hanqachuu, boollawwanii fi qotiisa hojii misooma adda addaatiif taasifaman sirnaan eegamuu hanqachuu fi bishaan kuufamuu, sochiin sababa hongeetiin bakka tokko irraa gara bakka biraatti taasifamu sababaalee tatamsa’ina weerara dhukkuba Busaa dabalan keessa muraasa ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Weerarri dhukkuba busaa Itoophiyaa keessatti mudatee sababa bookee busaa Anoofilas Steefeensaay jedhaman ardii Eshiyaarraa gara Itoophiyaa baqataniin ta’uu Dhaabbata Qorannoo Armar Hansen Itoophiyaa beeksisuun isaa ni yaadatama. Qorataan dhaabbatichaa  Fitsuum Taaddasaa akka ibsetti, gosoonni bookee kunneen yeroo bishaan hin jirreeyyuu wal horuu waan danda’aniif hongee dandamachuun yeroo dheeraaf turuu ni danda’u. Gosti bookee busaa kun hanqaaquu kan buusu lafa bishaan argamuttti wan ta’eef, namoonni kuusa bishaanii naannoo mana jirenyaasaaaniitii qaban carraa dhukkuba kanaaf saaxilamu harka 75 ta’uu qorannoon mul’iseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.