Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa Miyik Hamer gara Masir, Gamtaa Emireetota Arabaa fi Itoophiyaa ni imalu

Finfinnee, Adoolessa 25/2022- Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa  Miyik Hamer Adoolessa 24-Hagayya 1 gara Masir, Gamtaa Emireetota Arabaa fi Itoophiyaa ni imalu. Dhimmoota Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa kan dantaa qaamolee hunda galmaan ga’uu fi naannoo caalaatti nagaa fi badhaadhina qabuuf gumaachuu danda’u. Finfinneettis Ambaasaaddar Hamer Gamtaa Afrikaa waliinis ni mari’atu. 

Kana malees, yeroo Itoophiyaa turanitti, Ergamaan Addaa Hamer, kenniinsa gargaarsa namoomaa, sarbama mirga namoomaa fi dhiittaa mirga namoomaaf itti gaafatamummaa akkasumas tattaaffii marii nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi aanga’oota Tigraay gidduutti tarkaanfachiisuuf taasifamaa jiru gamaaggamuuf carraa ni argatu. Ameerikaan adeemsa siyaasaa hunda hammatee gara nageenya waaraa ummata Itoophiyaaf fidu  hundaaf deggeruuf tattaaffii dippilomaasiin tarkaanfachiisuuf kutannoo qabdu itti fufteetti.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.