ABO’n Miseensota Isaa Hidhaa Jiran Irraa Gidiraan Akka Dhaabbatu Gaafate

Bitaa irraa Biqilaa Amaanu, Dachaasaa Wiirtuu, Gadaa Gabbisaa, Mikaa’el Booran, Daawit Abdataa, Kol. Gammachuu Ayyaanaa, Kennasaa Ayyaanaa, Dr. Gadaa oljirraa, Dasuu Duulaa

Finfinnee, Guraandhala 10/2022- Addi Bilisummaa Oromoo mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu miseensota ABO hidhaa jiran gidirsaa jira jechuun himate. ABOn ibsa har’a baaseen hoggantootni dhaabichaa godina Addaa Naannawa Finfinneetti hidhaman haala keessa jiran dubbate. Hoggantootni ABO hidhaa seeraan alaa mormuun lagannaa nyaataa egalaniiru jedha ibsichi. Kanuma wal qabatee haalli fayyaa isaanii miidhamaa kan dhufe hoggantootni kunneen maatii isaanitiin akka wal hin argine dhorkamuu isaanii eerameera. 

Itti gaafatamaan Sabqunnamtii ABO Lammii Gammachuu, hoggantootni dhaabichaa kan akka Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaa fi Itti gaafatamaan Sabqunnamtii ABO duraanii Battee Urgeessaa manneen hidhaa Mojo, Awaash Malkaasa, Galaan, Sabbaataa fi Buraayyutti baatilee hedduuf hidhamanii jiru jechuun Addis Standarditti hime. “Magaalaa Galaan iddoo sololiyaa jedhamutti miseenstoni ABO qophaatti hidhamanii jiru. Hundi isaanii qabiinsa namaaf hin malle keessa jiru. Maatii isaanii arguu dhorkamanii jiru ”jedhe. 

Ibsi har’a bahe miseensotni Adda Bilisummaa Oromoo 27  fi gaazexeessitootni sadi buufata Poolisii Magaalaa Sabbataatti hidhamanii akka jiran eere. Itti gaafatamaan mana hidhaa sabbataa gaazexeessitoota Oromo News Network (ONN), Dachaasaa Wiirtuu, Biqilaa Amaanu fi Dasuu Duulaa, guyyoota lamaan darbaniif nyaata dhoorke jedha Lammiin. 

Kana malees Addi Bilisummaa Oromoo sarbiinsa mirga namoomaa miseensota isaa hidhaa keessa jiran ilaalchisuun xalayaa hedduu Komishiini Mirga Namoomaa Itoophiyaatiif barreesse jira. “Humnaan dhabamsiifamuu miseensota ABO ilaalchisnee xalayaa Komishiini Mirga Namoomaa Itoophiyaatiif barreessinus deebii hin arganne.” jedhe. Haaluma kanaan ABOn Caamsaa, Waxabajjii fi Onkoloolessa bara darbee xalayaa walitti aansuun akka barreesse yaadachiise. 

Akka Lammiin jedhutti yeroo ammaa kana miseensotni fi deeggartootni ABO kuma 13 ol ta’an hidhaa keessa jiru. Miseensotni ABO harka paartii biyya bulchuutiin gidirfamaa jiraachuu isaanii akka isa gaddisiise dubbate. 

Dhumarratti ABO’n hawaasni idil adduuyaa fi dhaadhissitootni mirga namoomaa  miseensota dhaabichaa hidhaa keessa jiraniif sagalee akka ta’u waamicha dhiyeesse. Dalataanis uummatni Oromoo hidhamtoota fi maatii isaanii wajjiin akka dhaabbatan waamicha dhiyeessun ibsicha golobe.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.